Baafata Mata Duree
ONKOLOOLESSA 23-29, 2017
Yihowaan of toʼachuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Ilmaan namootaa amala of toʼachuu argisiisuudhaan fakkeenya isaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Amala of toʼachuu qabdu guddifachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessa?
ONKOLOOLESSA 30, 2017–SADAASA 5, 2017
8 Gara Laafina Yihowaa Hordofaa
Gara laafina jechuun maal jechuu dha? Yihowaa fi Yesuus amala kana argisiisuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼu. Fakkeenya isaanii kana hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Akkas gochuu keenyaan hoo buʼaawwan akkamii argachuu dandeenya?
13 Seenaa Jireenyaa—Namoota Hafuuraa Wajjin Hojjechuu Kootiin Eebbifameera
SADAASA 6-12, 2017
18 “Dubbiin Waaqayyo Keenyaa . . . Bara Baraan Jabaatee Dhaabata”
SADAASA 13-19, 2017
23 “Dubbiin Waaqayyoo . . . Humna Qabeessa Dha”
Kitaabni Qulqulluun qooqa hedduudhaan argamuu itti fufuun isaa iddoo guddaa kan qabu maaliifi? Qooqa hubachuu dandeenyuun Dubbii Waaqayyoo argachuu keenya akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureewwan kun dinqisiifannaa fi jaalala Kitaaba Qulqulluu fi Abbaa kitaaba kanaa taʼeef qabnu akka guddifannu nu gargaara.
SADAASA 20-26, 2017
28 ‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’
Ija jabinni Kiristiyaanotaaf barbaachisaa dha. Fakkeenya namoota kanaan dura amala kana argisiisan irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Dargaggoonni, warri, obboleettonni maanguddoon, obboloonni cuuphamanii fi hojii gaarii raawwachuuf qophaaʼan ija jabeeyyii taʼuu isaanii argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?