LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Guraandhala ful. 13-17
  • Yihowaadhaaf Wanti Hundi ni Dandaʼama

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaadhaaf Wanti Hundi ni Dandaʼama
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARIIDHAA HAMMA GALGALAATTI HOJJECHUU
  • BOOJIʼAMTOONNI DURII DHUGAA GARA KIRGISTAANITTI FIDAN
  • DHUGAAN NAANNOO DHALOOTAA KOOTTI NI DHIHAATE
  • HAATI MANAA KOO YERUMA SANA DHUGAA HUBATTE
  • DHORKAA JALATTI WALGAʼII GOCHUU FI CUUPHAMUU
  • CARRAA TAJAAJILA KEENYA BALʼISUUF ARGANNETTI FAYYADAMNEERRA
  • DHIMMAWWAN MAATII FI TAJAAJILAAN QABAMUU
  • JIJJIIRAMA DINQISIISAA
  • Murtoo Dargaggummaa Isaatti Godhetti Hin Gaabbu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2016
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Guraandhala ful. 13-17
Baashanbii Badibaayeef

seenaa jireenyaa

Yihowaadhaaf Wanti Hundi ni Dandaʼama Baashanbii Badibaayeef

Akka Dubbatetti

“DUUTI kana booda hin jiraatu; namoonni duʼan illee duʼaa ni kaafamu.” Haati manaa koo Maarombubuun yaada kana kan dhageesse utuu atoobisiidhaan deemaa jirtuu ture. ishiinis caalaatti beekuu fi barumsa dabalataa argachuu barbaadde. Akkuma atoobisiin sun dhaabatee namoonni keessaa baʼaniinis, dubartii yaada olii dubbachaa turte sana duukaa buute. Maqaan dubartii sanaa Ooppun Maambesaadikowaa siʼa taʼu, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko turte. Yeroo sanatti Dhugaa Baatotaa wajjin mariʼachuun balaadhaaf kan nama saaxilu taʼus, wanti yeroo booda Ooppun irraa baranne jireenya keenya jijjiireera.

BARIIDHAA HAMMA GALGALAATTI HOJJECHUU

Kanan dhaladhe kolkoos ykn lafa qonnaa waliinii Tokmook Kirgistaanitti argamu keessatti bara 1937⁠tti ture. Maatiin keenya namoota Kirgis siʼa taʼan, afaan Kirgis dubbanna turre. Warri koo qonnaan bultoota yommuu taʼan, bariidhaa hamma galgalaatti kolkoos keessatti hojjetu turan. Qonnaan bultoonni yeroo hundumaa sooranni kan isaaniif kennamu taʼus, mindaan qarshii kan isaaniif kaffalamu waggaatti siʼa tokko qofa ture. Haati keenya anaa fi obboleettii koo ishii quxisuu kunuunsuuf dhamaati turte. Anis mana barumsaatti waggaa shan ergan baradhee booda, kolkoos keessatti guyyaa guutuu hojjechuun jalqabe.

Kaartaa Kirgistaan
Gaarreen wal qabatoo Taskee Alaatuu

Gaarreen wal qabatoo Taskee Alaatuu

Naannoo ani keessa jiraadhutti hiyyummaan baayʼee babalʼatee ture; hojiin wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf hojjennus baayʼee kan nama dadhabsu ture. Dargaggummaa kootti waaʼee kaayyoo jireenyaa ykn waaʼee jireenya gara fuulduraa homaa hin yaadun ture. Dhugaan dinqisiisaan waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa ibsu jireenya koo akka jijjiiru matumaa yaadee hin beeku. Karaan ergaan sun Kirgistaan keessa itti galee fi itti babalʼate kan nama gammachiisu dha. Wanti hundi kan jalqabe naannoo dhalootaa koo isa kaaba Kirgistaanitti argamutti dha.

BOOJIʼAMTOONNI DURII DHUGAA GARA KIRGISTAANITTI FIDAN

Dhugaan waaʼee Yihowaa Kirgistaan keessatti hidda kan godhate bara 1950mman keessa ture. Kun akka taʼuuf, dhugaan ilaalcha siyaasaa cimaa taʼe tokko moʼuun isa barbaachisa ture. Maaliif? Biyyi amma Kirgistaan jedhamtu kutaa Yuuniyan oof Sooviyeet Sooshaalisti Rippablikii (USSR) turte. Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa bulchiinsa USSR keessatti dhimmoota siyaasaa keessa hin seenan turan. (Yoh. 18:36) Kanaan kan kaʼes, akka diinota bulchiinsa Kooministiitti ilaalamanii ariʼatamu turan. Haa taʼu malee, ilaalchi siyaasaa kam iyyuu Dubbiin Waaqayyoo namoota garaa qajeelaa qaban bira akka hin geenye gochuu hin dandaʼu. Barumsawwan ani jireenya koo keessatti baradhe keessaa inni hundumaa caalu Yihowaadhaaf ‘wanti hundi akka dandaʼamu’ beekuu koo ti.—Mar. 10:27.

Emil Yantzen

Emiil Yaansen

Ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼe biyya Kirgistaan keessatti akka bittinnaaʼan godheera. Kun kan taʼe maaliifi? Bulchiinsi USSR naannoo Saayibeeriyaa ni dabalata ture; diinonni Bulchiinsichaa boojiʼamanii kan geeffaman gara iddoo kanaatti ture. Namoonni boojiʼaman yommuu gadhiifaman namoonni baayʼeen gara Kirgistaan dhufaniiru; isaan keessaa muraasnis dhugaa fidanii dhufan. Boojiʼamtoota sana keessaa tokko Emiil Yaansen isa bara 1919⁠tti Kirgistaan keessatti dhalate dha. Emiil gara kaampii hojiin humnaa itti hojjetamutti ergamee ture; achittis Dhugaa Baatotaa wajjin wal arge. Innis dhugaa kan fudhate siʼa taʼu, bara 1956⁠tti gara biyya isaatti deebiʼe. Achiis Emiil naannoo dhalootaa koo keessa, Sokuluuk bira jiraachuu jalqabe. Kirgistaan keessatti gumiin inni jalqabaa kan hundeeffame bara 1958⁠tti Sokuluuk keessatti ture.

Victor Vinter

Viiktar Viintar

Gara waggaa tokkoo booda, Viiktar Viintar Sokuluuk keessa jiraachuu jalqabe. Obboleessa amanamaa taʼe kana irra yeroo baayʼee rakkinni gaʼeera. Siyaasa irratti waan hin hirmaanneef siʼa lama waggaa sadiif akka hidhamu itti murteeffameera; sana booda dabalataan mana hidhaa keessatti waggaa kudhan, boojuudhaan immoo waggaa shan dabarseera. Taʼus, ariʼatamni waaqeffannaan dhugaan akka hin babalʼanne gochuu hin dandeenye.

DHUGAAN NAANNOO DHALOOTAA KOOTTI NI DHIHAATE

Eduwaarti Vaartar

Eduwaarti Vaartar

Bara 1963⁠tti Kirgistaan keessa Dhugaa Baatota 160 taʼantu ture; baayʼeen isaanii Jarmanii, Yukreenii fi Raashiyaadhaa dhufan. Eduwaarti Vaartar inni boojiʼamee turee fi bara 1924⁠tti Jarman keessatti cuuphame isaan keessaa tokko dha. Bara 1940mmaniitti warri Naazii Eduwaartiin gara mana hidhaatti ni ergan; waggoota muraasa boodas Kooministoonni USSR gara boojuutti isa ergan. Bara 1961⁠tti obboleessi amanamaa taʼe kun magaalaa Kaanti ishii naannoo dhalootaa kootti dhihaattu keessa jiraachuu jalqabe.

Elizaabet Foot; Aksaamaay Sultaanaaleyawaa

Elizaabet Foot; Aksaamaay Sultaanaaleyawaa

Elizaabet Foot ishiin tajaajiltuu Yihowaa amanamtuu taates Kaanti keessa jiraatti turte. Hojiin ishiis uffata hodhuu ture. Hojii ishii irratti dandeettii guddaa waan qabduuf, namoonni kan akka doktarootaa fi barsiisotaa jiran ishii biratti uffata ni hodhisiifatu turan. Maamiltoota ishii keessaa tokko dubartii Aksaamaay Sultaanaaleyawaa jedhamtuu fi haadha manaa itti gaafatamaa waajjira abbaa alangaa tokkoo turte. Aksaamaay uffata hodhisiisuuf gara Elizaabet yeroo dhuftetti, kaayyoo jireenyaa fi haala namoonni duʼan irratti argaman ilaalchisee gaaffiiwwan baayʼee ishii gaafatte. Elizaabetis gaaffiiwwan ishiitiif kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu irraa deebii kenniteef. Aksaamaayis labsituu misiraachichaa hinaaffaa qabdu taate.

Niikalaay Chimpooyish

Niikalaay Chimpooyish

Yeroo sanatti Niikalaay Chimpooyish inni Moldovaadhaa dhufe ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee muudame; sana booda gara waggoota 30tiif mirga kanaan tajaajileera. Niikalaay gumiiwwan daawwachuu qofa utuu hin taʼin, hojii barreeffamoota keenya baayʼisuu fi raabsuus qindeesseera. Sochiin inni gochaa ture kunis abbootii taayitaa jalaa hin dhokanne. Kanaafuu, Eduwaarti Vaartar akkana jechuudhaan gorsa nama jajjabeessu Niikalaayiif kenne: “Yommuu abbootiin taayitaa si gaafatan, barreeffamoota kana kan argannu waajjira muummee Biruukiliinitti argamu irraa akka taʼe ifatti itti himi. Poolisoota Sooviyeet dhoksaatti hojjetan (KGB) kallattiidhaan ija keessa ilaali. Wanti si sodaachisu hin jiru.”—Mat. 10:19.

Marii kana booda utuu baayʼee hin turin, Niikalaay gara waajjira muummee Poolisoota Sooviyeet dhoksaatti hojjetanii isa Kaantitti argamuutti ni waamame. Sana booda wanta taʼe yommuu ibsu akkana jedheera: “Bakka buʼaan sun barreeffamoota keenya eessaa akka argannu na gaafate. Anis Biruukiliin irraa akka argannun itti hime. Innis wanta jedhu wallaale. Achiis akkan deemu naaf heyyame; deebisees na hin waamne.” Dhugaa Baatonni ija jabeeyyii taʼan akkasii naannoo dhalootaa koo isa kaaba Kirgistaanitti argamu keessatti utuu addaan hin kutin of eeggannoodhaan misiraachicha babalʼisuu isaanii itti fufanii turan. Dhugaan gatii guddaa qabuu fi waaʼee Yihowaa dubbatu bara 1980mmaniitti gara maatii koo yeroo dhufetti jalqaba kan dhageesse haadha manaa koo Maarombubuu turte.

HAATI MANAA KOO YERUMA SANA DHUGAA HUBATTE

Maarombubuun kan dhufte naannoo Kirgistaan kan taʼe Naarin irraa ture. Ishiin Hagayya 1974⁠tti, gaaf tokko gara mana obboleettii koo kan dhufte siʼa taʼu, jalqaba kan wal argine achitti ture. Anis Maarombubuu yeruma sanan jaalladhe. Guyyuma wal argine sanattis gaaʼela godhanne.

Ooppun Maambesaadikowaa

Ooppun Maambesaadikowaa

Maarombubuun marii olitti ibsame kan dhageesse Amajjii 1981⁠tti atoobisii keessatti utuu gara gabaa naannoo sana jiru deemtuu ture. Haati manaa koo caalaatti beekuu waan barbaaddeef, dubartii sana maqaa fi teessoo ishii gaafatte. Maqaan ishii Ooppun akka taʼe kan itti himte taʼus, bara 1980mmanii keessatti sochiin Dhugaa Baatotaa dhorkamee waan tureef of eeggattee turte. Ooppun teessoo ishii haadha manaa kootiif kennuu mannaa, teessoo keenya fudhatte. Haati manaa koos gammachuudhaan gara manaa dhufte.

Maarombubuunis, “Wanta baayʼee nama dinqisiisun dhagaʼe. Dubartiin tokko yeroo dhihoo booda namoonni matumaa akka hin duune natti himte. Bineensonni bosonaa illee ni madaqfamu” jette. Kun garuu anaaf oduu durii ture. Achiis, “Hamma ishiin dhuftee nutti himtutti haa eegnu” jedheen deebiseef.

Ooppunis jiʼa sadii booda dhuftee nu gaafatte. Nu gaafachuu ishii kan itti fufte siʼa taʼu, yeroo sanatti Dhugaa Baatota Kirgis warra jalqabaa muraasaa wajjin wal argine. Obboleettonni kunis dhugaa dinqisiisaa waaʼee Yihowaa fi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu ibsu nu barsiisaniiru. Isaanis kitaaba Firoom Paaraadaayiz Loosti tuu Paaraadaayiz Rigeeyindia jedhamu nuuf dubbisan. Maxxansi kitaaba kanaa Tokmook keessatti argamu tokko qofa waan tureef harkaan garagalfanne.

Wantoota jalqaba baranne keessaa tokko raajii Uumama 3:15 irratti argamu dha. Raajiin kunis kan raawwatamu karaa Yesuus Mooticha isa Masiihii Waaqayyoo taʼeeni. Kunis ergaa barbaachisaa namni kam iyyuu dhagaʼuu qabu dha! Sababiin nuti hojii lallabaa kana irratti itti hirmaannu inni guddaanis kana dha. (Mat. 24:14) Dhugaan Kitaaba Qulqulluu yeruma sana jireenya keenya jijjiiruu jalqabe.

DHORKAA JALATTI WALGAʼII GOCHUU FI CUUPHAMUU

Obboleessi Tokmook keessa jiraatu tokko cidha gaaʼelaa tokko irratti akka argamnu nu afeere. Anii fi haati manaa koo amalli Dhugaa Baatonni qaban kan warra kaanii irraa adda akka taʼe yeruma sana hubanne. Cidha sana irratti dhugaatiin alkoolii hin jiru ture; sagantichis seera qabeessa ture. Kunis cidhawwan gaaʼelaa nuti kanaan dura irratti argamne warra keessummoonni yeroo baayʼee itti machaaʼan, amala gadhee itti argisiisanii fi wanta jibbisiisaa itti dubbatan irraa baayʼee adda ture.

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa gumii Tokmook keessatti geggeeffaman muraasa irrattis hirmaanneerra. Haalli qilleensaa yeroo nuuf heyyamutti muka jalatti walgaʼii godhanna turre. Obboloonnis poolisoonni akka nu hordofan waan beekaniif, nama dhaabatee eegu tokko ramadanii turan. Yeroo gannaatti mana keessatti walgaʼiidhaaf walitti qabamna turre. Poolisoonni siʼa tokkoo ol gara manichaa dhufanii wanta gochaa jirru nu gaafatanii turan. Adoolessa 1982⁠tti yommuu anii fi Maarombubuun Laga Chuuy keessatti cuuphamnetti of eeggannoo gochuun nu barbaachisee ture. (Mat. 10:16) Obboloonni lakkoofsa muraasaan dhufanii bosona keessatti walitti qabaman. Achiis faarfannaa Mootummichaa tokko faarfannee haasaa cuuphaa dhaggeeffanne.

CARRAA TAJAAJILA KEENYA BALʼISUUF ARGANNETTI FAYYADAMNEERRA

Bara 1987⁠tti obboleessi tokko nama fedhii qabuu fi magaalaa Baaliikchii keessa jiraatu tokko akkan gaafadhu natti himee ture. Mana keenyaa kaasee hamma achiitti baaburaan saʼaatii afur fudhata ture. Yeroo muraasaaf gara Baaliikchiitti deddeebinee erga lallabnee booda, achitti namoota fedhii qaban hedduu arganne. Kunis carraa tajaajila keenya itti babalʼifannu akka ture ifa dha.

Anii fi Maarombubuun yeroo baayʼee gara Baaliikchii deemna turre. Yeroo baayʼee Sanbadduraa fi Dilbata tajaajila irratti hirmaachuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa geggeessuudhaan achitti dabarsina turre. Namoonni hedduun barreeffamoota keenya argachuu ni barbaadu turan. Barreeffamoota keenya jooniyyaa dinnichaa miishook jedhamutti baannee Tokmookii gara achiitti geessina turre. Namoota fedhii qabaniif raabsuuf jiʼa jiʼaan barreeffamni jooniyyaa lama guutuun illee nu hin gaʼu ture. Yeroo baaburaan gara Baaliikchii deemnuu fi deebinuttis imaltootaaf dhugaa baʼuu dandeenyeerra.

Yeroo jalqabaatiif gara magaalaa Baaliikchii erga deemnee waggaa saddeet booda bara 1995⁠tti achitti gumiin ni hundeeffame. Imalli waggoota sana keessatti Tokmookii fi Baaliikchii gidduutti gochaa turre maallaqa hedduu nu baasiseera. Maallaqni nuti qabnu hedduu hin turre; maarree, akkamitti maallaqa nu barbaachisu argachuu dandeenye? Obboleessi tokko yeroo hundumaa maallaqa baasii keenyaaf nu barbaachisu nuuf kenna ture. Yihowaanis fedhii tajaajila keenya babalʼisuuf qabnu waan ilaaleef, “ittisa bantii waaqaa” nuuf baneera. (Mil. 3:10) Dhuguma iyyuu, Yihowaadhaaf wanti hundi ni dandaʼama!

DHIMMAWWAN MAATII FI TAJAAJILAAN QABAMUU

Bara 1992⁠tti biyyattii keessatti jaarsa Kirgis isa jalqabaa taʼee akkan tajaajilun muudame. Gumii keenya isa Tokmookitti argamu keessattis carraan tajaajilaa haaraan nuuf banamee ture. Dhaabbilee barnootaa keessatti dargaggoonni Kirgis Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu hedduun jiru turan. Dargaggoota nuti qoʼachiisne keessaa inni tokko amma miseensa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajilaa jira; lama immoo qajeelchitoota addaa taʼaniiru. Walgaʼiiwwan keenya irrattis warra kaan gargaaruuf carraaqqii gooneerra. Jalqaba bara 1990mmaniitti, barreeffamoonni keenya kan qophaaʼanii fi walgaʼiiwwan kan geggeeffaman afaan Raashiyaatiin ture. Haa taʼu malee, namoonni gumii irratti argaman hedduun afaan dhalootaa isaanii Kirgis ture. Kanaafuu, ani isaaniif nan hiikan ture; kunis dhugaa dafanii akka hubatan isaan gargaareera.

Baashanbii Badibaayeefii fi haati manaa isaa nama suuqii keessatti hojjetu tokkoof dhugaa baʼaa jiru

Haadha manaa koo fi ijoollee keenya saddeetii wajjin bara 1989⁠tti

Anii fi Maarombubuun ijoollee guddisuudhaan qabamnee turre. Ijoollee keenya gara tajaajilaa fi walgaʼiiwwan gumii fuunee deemna turre. Intalli teenya Gulsaayiraan ishiin yeroo sanatti umuriin ishii waggaa 12 ture, namoota karaa irra darban haasofsiisuunii fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu isaanitti himuun ishii gammachiisa ture. Ijoolleen keenya caqasoota Kitaaba Qulqulluu sammuutti qabachuun baayʼee isaan gammachiisa ture. Akka kanaan ijoolleen keenya, yeroo booda immoo ijoolleen ijoollee keenyaa sochiiwwan gumii irratti akka gaariitti hirmaachaa turan. Ijoollee keenya 9 fi ijoollee ijoollee keenyaa 11 warra lubbuudhaan jiran keessaa 16 Yihowaa tajaajilaa ykn warra isaanii wajjin walgaʼiiwwan irratti hirmaachaa jiru.

JIJJIIRAMA DINQISIISAA

Obboloonni jaallatamoon bara 1950mmaniitti naannoo keenyatti hojii Yihowaa jalqaban jijjiirama nuti argine ilaaluun isaanii isaan dinqisiiseera. Fakkeenyaaf, bara 1990mman irraa jalqabee misiraachicha lallabuu fi baayʼee taanee walitti qabamuuf caalaatti bilisummaa arganneerra.

Baashanbii Badibaayeefii fi haati manaa isaa nama suuqii keessatti hojjetu tokkoof dhugaa baʼaa jiru

With my wife in the ministry

Bara 1991⁠tti anii fi haati manaa koo Almaaʼaataa ishii yeroo ammaatti Almaatii jedhamtuu fi Kaazaakistaanitti argamtutti yeroo jalqabaatiif walgaʼii guddaa irratti ni hirmaanne. Bara 1993⁠tti immoo obboloonni Kirgistaan Bishkeek keessatti Istaadiyomii Ispaartaakitti yeroo jalqabaatiif walgaʼii guddaa tokko ni qopheessan. Babalʼistoonnis istaadiyomicha dursanii qulqulleessuuf torban tokko isaanitti fudhateera. Hogganaan istaadiyomichaas wanta goonetti waan dinqisiifameef, utuu gatii hin kaffalin istaadiyomichatti akka fayyadamnu nuuf heyyame.

Bara 1994⁠tti barreeffamni keenya afaan Kirgisiin qophaaʼe inni jalqabaa yeroo maxxanfametti, wanti seenaa keessatti iddoo guddaa qabu kan biraan ni raawwatame. Yeroo ammaatti barreeffamoonni keenya garee hiikkaa waajjira damee Bishkeekitti argamuun gara afaan Kirgisitti hiikamaa jiru. Bara 1998⁠tti immoo, hojiin Dhugaa Baatotaa biyya Kirgistaan keessatti beekkamtii seeraa argate. Jaarmiyichi kan guddate siʼa taʼu, yeroo harʼaatti babalʼistoota 5,000 ol taaneerra. Akkasumas, gumiiwwan 83 fi gareewwan 25 afaan Chaayinaa, Ingiliffaa, Kirgis, Raashiyaa, Afaan Mallattoo Raashiyaa, Turkii, Wiigarii fi Uzbeekiin geggeeffaman jiru. Obboloonni jaallatamoon akkaataa guddinaa adda addaa irraa dhufan kun hundi tokkummaadhaan Yihowaa tajaajilu. Yihowaan jijjiiramni dinqisiisaa taʼe kun hundi akka dandaʼamu godheera.

Yihowaan jireenya koos jijjiireera. Kanan guddadhe maatii qonnaan bulaa sadarkaa jireenyaa gad aanaa taʼe qabu keessatti siʼa taʼu, mana barumsaatti kanan baradhes waggaa shaniif qofa ture. Taʼus, Yihowaan jaarsa gumii taʼee akkan isa tajaajiluu fi namoota sadarkaa barumsaa na caalu qaban dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa qaban akkan barsiisu natti fayyadameera. Dhuguma iyyuu, Yihowaan wantoota matumaa hin eegamne ni raawwata. Muuxannoon koo amanamummaa koo eegee waaʼee Yihowaa isa ‘wanti hundi isaaf dandaʼamuu’ qoruu koo akkan itti fufu na kakaasa.—Mat. 19:26.

a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe; amma maxxanfamaa hin jiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi