LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Adoolessa ful. 32
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nagaa fi Qulqullina Gumii Eeguu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Adoolessa ful. 32

Gaaffii Dubbistootaa

Dhiirrii fi dubartiin hiriyaa gaaʼelaa hin taane tokko, sababii quubsaa utuu hin qabaatin mana tokko keessa yoo bulan cubbuu koree murtiitiin ilaalamu raawwataniiru jechuun ni dandaʼamaa?

Konkolaataan lama halkan mana jireenyaa tokko fuuldura dhaabateera

Eeyyee, sababii quubsaa utuu hin qabaatin kophaa isaanii mana tokko keessa buluun isaanii, halalummaa raawwachuu isaaniitiif ragaa qabatamaa taʼa. Kanaaf, sababii quubsaa hin qaban yoo taʼe, koreen murtii hundeeffamuu qaba.—1 Qor. 6:18.

Qaamni jaarsolii haala jiru hunda of eeggannoodhaan erga qoranii booda, koreen murtii hundeeffamuu qaba moo hin qabu isa jedhu murteessu. Fakkeenyaaf: Namoonni lamaan kun kanaan dura walitti dhufeenya jaalalaa qabu turanii? Walitti dhufeenya qaban ilaalchisee kanaan dura gorsi isaaniif kennamee turee? Haalli mana tokko keessa akka bulan godhe maali dha? Akkas gochuuf karoorfatanii turanii? Mana tokko keessa buluu dhiisuuf filannoo qabu turanii? Moo wanta humna isaaniitii ol taʼe, jechuunis wanta hin eegamne ykn wanta akka tasaa uumametu mana tokko keessa akka bulan isaan dirqisiise? (Lal. 9:11) Haalli ciisichaa isaanii maal fakkaata ture? Haalawwan uumaman garaa gara waan taʼaniif, odeeffannoowwan murtoo jaarsoliin godhan irratti jijjiirama fidan kan biroon jiraachuu dandaʼu.

Qaamni jaarsolii odeeffannoowwan jiran hunda erga qoranii booda, koreen murtii hundeeffamuu qaba moo hin qabu isa jedhu murteessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi