LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Sadaasa ful. 31
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duraa Duuba Yeroo
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Sadaasa ful. 31

Gaaffii Dubbistootaa

Gargaartonni Sabaa, Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti waaʼee isaanii dubbate eenyu turan? Maqaa ulfinaa kana hoo kan argatan maaliif ture?

Gargaaraa Sabaa bara Kitaaba Qulqulluu

Galgala duʼuu isaa dura turetti, Yesuus ergamoonni isaa obboloota isaanii gidduutti iddoo guddaa argachuu akka hin barbaanne isaan gorseera. Akkana isaaniin jedheera: “Mootonni sabootaa gooftaa isaan irratti taʼu; warri isaan irratti aangoo qabanis Gargaartota Sabaa jedhamu. Isin garuu akkana hin taʼinaa.”—Luq. 22:25, 26.

Gargaartonni Sabaa Yesuus waaʼee isaanii caqase eenyu turan? Barreeffamoonni dhagaa irratti bocaman, Saantimoonnii fi barreeffamoonni kaan hawaasa Giriikii fi Roomaa keessatti namoota beekamoo taʼanii fi bulchitoota maqaa ulfinaa Yuurigiitiis ykn Gargaartota Sabaa jedhuun waamuun aadaa akka ture argisiisu. Kabajni akkanaa kan isaaniif kenname namoonni kun uummataaf tajaajila gatii guddaa qabu waan kennaniif ture.

Mootonni maqaa Gargaartota Sabaa jedhuun waamaman hedduun jiru. Mootota kana keessaa bulchitoonni Gibxii kan akka Toolemii Sadaffaa Yuurigiitiis (Dh.K.D. naannoo bara 247-222) fi Toolemii Saddeettaffaa Yuurigiitiis (Dh.K.D. naannoo bara 147-117) jedhaman ni argamu. Akkasumas akkuma Heroodis Guddicha isa mootii Yihuudaa taʼee, bulchitoonni Roomaa Juuliyes Qeesaar (Dh.K.D. 48-44) fi Awugusxos (Dh.K.D. 31–Dh.K.B. 14) maqaa ulfinaa kana qabu turan. Heroodis maqaa ulfinaa kana kan argate yommuu beela saba isaa gidduutti uumame irraa isaan baraaruuf qamadii biyya kan biraa irraa galchee fi namoota rakkataniif huccuu kennetti taʼuu dandaʼa.

Hayyuun Kitaaba Qulqulluu lammii Jarman Adoolf Deezimaan akka dubbatetti maqaa ulfinaa Gargaartuu Sabaa jedhamu fayyadamuun bakka hundatti babalʼatee ture. Akkana jedheera: “Maqaa ulfinaa kanatti fayyadamuu ilaalchisee yeroo muraasa keessatti barreeffamoota dhagaa irratti bocamanii fi dhibbaan lakkaaʼaman argachuun ulfaataa miti.”

Kanaafuu, Yesuus ergamoota isaatiin, “Isin garuu akkana hin taʼinaa” yommuu isaaniin jedhu maal jechuu isa ture? Yesuus hawaasa keessa jiraataniif hin yaadinaa jechuunis waaʼee nageenya namoota naannoo keessan jiranii hin yaadinaa jechuu isa turee? Matumaa. Wanti Yesuusiin yaaddesse miira gocha arjummaa kana raawwachuuf isaan kakaase taʼuu hin oolu.

Bara Yesuusitti, namoonni sooressa turan kennuu isaanii argisiisuudhaan, paarkii fi mana qulqullummaa hojjechuudhaan akkasumas hojiiwwan kana fakkaatan deeggaruudhaan beekamtii argachuuf carraaqqii godhu turan. Taʼus, kana kan godhan harki akka walitti isaaniif rukutamu, beekamtii argachuu ykn jajamuu barbaadanii ture. Kitaabni tokko, “Namoota kana keessa arjummaa dhugaa kan argisiisan jiraatanis yeroo baayʼee gochi akkasii kan raawwatamu gama siyaasaatiin faayidaa argachuuf ture” jedheera. Yesuus duuka buutota isaa kan gorse beekamtii fi fedhii dhunfaa barbaaduu akkasii irraa akka fagaatan ture.

Waggoota muraasa booda, Phaawulos ergamaan kakaʼumsa sirriidhaan kennuu ilaalchisee dhugaa barbaachisaa kana irra deebiʼee caqaseera. Obboloota isaa warra Qorontos jiraniif, “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu” jechuudhaan barreesseera.—2 Qor. 9:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi