LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 3
  • Yommuu Jireenyi Garmalee Ulfaataa Fakkaatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Jireenyi Garmalee Ulfaataa Fakkaatu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Jireenyi Humna Keetii Ol Akka T⁠a⁠ʼe Sitti Dhag⁠a⁠ʼamutti
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yommuu Namni Jaallattu Duʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Yommuu Balaan Gaʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Jiraachuun Gatii Kan Qabu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 3
Shamarreen tokko bakka hojii ishiitti yommuu boossu

Yommuu Jireenyi Garmalee Ulfaataa Fakkaatu

WANTI hundi gaarii taʼee yeroo jirutti, jireenyi baayʼee gammachiisaa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, rakkoowwan jireenyi kee ulfaataa akka taʼu yoo godhan hoo?

Fakkeenyaaf, Saalia ishiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattuu fi qabeenyaa ishii gara caalaa obomboleettiidhaan dhabde akkana jetteetti: “Dhiphina na irra gaʼe dandamachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Guyyoota hedduuf kana caalaa obsuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture.”

Yookiin namni jaallannu tokko yoo duʼe hoo? Jaaniis ishiin Awustiraaliyaa keessa jiraattu wanta yaadattu akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Yommuun ilmaan koo lamaan duʼaan dhabetti qaamni koo akkuma miʼa caccabeetti gatii kan dhabe waan natti fakkaateef, iddootti deebisuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Kanaafuu, ‘Maaloo, ani kana caalaa dhiphina dandamachuu hin dandaʼu! Duʼuun barbaada’ jedheen Waaqayyoon kadhadhe.”

Gama biraatiin immoo Daaniʼeel, haati manaa isaa amanamummaa ishii utuu hin eegin yommuu haftetti baayʼee gaddee ture. Akkas jedheera: “Haati manaa koo amanamummaa ishii utuu hin eegin akka hafte yommuu dubbattetti akka waan albeen garaa koo na waraaneetti natti dhagaʼame. Dhiphinni qaamaa kun jiʼoota hedduudhaaf irra deddeebiʼee natti dhagaʼameera.”

Mata dureen Masaraa Eegumsaa kun yommuu wantoonni armaan gadii nu mudatan illee jiraachuun gatii kan qabu maaliif akka taʼe ibsa

  • Yommuu balaan gaʼu

  • Yommuu namni jaallattu duʼu

  • Yommuu hiriyaan gaaʼelaa amanamaa utuu hin taʼin hafu

  • Yommuu Dhukkuba cimaadhaan qabamtu

  • Yommuu jiraachuun ulfaataa taʼu

Kanaafuu, mee jalqaba, yommuu balaan gaʼu akkamitti dandamachuu dandeenya.

a Maqaawwan mata duree kanaa fi warra itti aanan keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi