LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 14-15
  • Jiraachuun Gatii Kan Qabu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jiraachuun Gatii Kan Qabu Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Waaʼee Kee Ni Yaada
  • Jireenyi Kee Kaayyoo Qaba
  • Yeroo Gaariin Akka Dhufu Abdiin Jira
  • Waaqayyo Biratti Gatii Guddaa Qabna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Wanti Kam Iyyuu ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu hin Baasu’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Yommuu Namni Jaallattu Duʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 14-15
Shamarreen tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirti

Jiraachuun Gatii Kan Qabu Maaliifi?

Faayizal haati manaa isaa duutee waggaa tokko booda yaalii baqaqsanii hodhuu onnee cimaa taʼe gochuun isa barbaachise. Akkas jedheera: “Kitaaba Iyoob yommuun dubbisu, Yihowaan kitaabni kun akka barreeffamu kan godhe sababa malee akka hin taane nan hubadhe. Fakkeenya haala keenyaa wajjin wal simu Kitaaba Qulqulluu keessatti yommuu argannu, kun jajjabina nuuf kenna.” Itti dabaluudhaanis, “Jiraachuun amma iyyuu gatii qaba” jedheera.

Taarishaan yommuu haati ishii duute ijoollee turte. Akkas jetteetti: “Rakkoowwan hedduun kan nu irra gaʼan taʼus, Uumaa keenya beekuun keenya jireenyi keenya kaayyoo, abdii fi gammachuu akka qabaatu godha. Yihowaan wanta jireenyaaf barbaachisu akka nuuf kennuu fi akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.”

MATA DUREEWWAN darban haalawwan suukanneessaa taʼan yommuu nu mudatan jabaannee dhaabachuun baayʼee ulfaataa akka nutti taʼu kan godhan akkamitti akka taʼe ibsaniiru. Rakkoowwan si irra gaʼan kophaa kee dandaʼuuf yommuu dirqamtu, jireenyi gatii qabaachuu isaa ykn namni siif yaadu jiraachuu isaa illee shakkuu dandeessa taʼa. Waaqayyo rakkina si irra gaʼu ilaalchisee akka siif yaadu mirkanaaʼaa taʼi. Ati isa duratti gatii guddaa qabda.

Barreessaan Faarfannaa 86, “Ati waan anaaf owwaattuuf ani guyyaa rakkina kootti sin waammadha” jechuudhaan amanannaa Waaqayyo irratti qabu ibseera. (Faarfannaa 86:7) Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo “guyyaa rakkina kootti” kan anaaf owwaatu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa.

Waaqayyo rakkina si irra gaʼu yeruma sana balleessuu baatus, Dubbiin isaa Kitaabni Qulqulluun, nagaa keessaa rakkina kee dandaʼuuf si gargaaru siif kennuu akka dandaʼu siif mirkaneessa. Akkas jedha: “Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Caqasoonni armaan gad jiran Waaqayyo dhugumaan akka nuuf yaadu kan argisiisan akkamitti akka taʼe hubadhu.

Waaqayyo Waaʼee Kee Ni Yaada

“[Dimbiixiin] tokko illee Waaqayyo duratti hin dagatamtu. . . . Isin dimbiixota hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.”—Luqaas 12:6, 7.

MEE YAADI: Waaqayyo simbirroota gatii kan hin qabne fakkaataniif illee ni yaada. Waaqayyo dimbiixii xinnoo tokkoof illee xiyyeeffannaa ni kenna; tokkoon tokkoon isaanii uumama gatii guddaa qabani dha. Namoonni immoo dimbiixota caalaa Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabu. Namoonni akka “bifa” Waaqayyootti waan uumamanii fi amalawwan isaa warra sadarkaa ol aanaa qaban horachuu fi argisiisuu waan dandaʼaniif, uumamawwan isaa lafa irra jiran hundumaa caalaa dinqisiisoo dha.—Uumama 1:26, 27.

“Yaa Waaqayyo, ati qortee na ilaalteetta, na beektas! . . . Yaada koo in hubatta . . . Na fonqolchi, yaada koos beeki!”—Faarfannaa 139:1, 2, 23.

MEE YAADI: Waaqayyo dhuunfaatti si beeka. Inni miira sitti dhagaʼamuu fi wanta si yaaddessu ni beeka. Namoonni kaan rakkoowwanii fi yaaddoo kee kan hin beekne yoo taʼan illee, Waaqayyo waaʼee kee ni yaada akkasumas si gargaaruu ni barbaada. Kun jiraachuun kee gatii akka qabaatu godha.

Jireenyi Kee Kaayyoo Qaba

“Yaa Waaqayyo, kadhata koo anaaf dhaga’i, iyyati koos si bira anaaf haa ga’u! . . . Gurra kee gara kootti qabi, yeroo ani si waammadhutti dafii anaaf deebisi! . . . Inni gara kadhata warra harka duwwaa hambifamaniitti in garagala.”—Faarfannaa 102:1, 2, 17.

MEE YAADI: Yihowaan yeroo namoonni rakkachuu jalqabanii kaasee imimmaan namoonni dhangalaasan hundumaa kan galmeessu fakkaata. (Faarfannaa 56:8) Kun immoo imimmaan kees ni dabalata. Ati isa biratti iddoo guddaa waan qabduuf, Waaqayyo rakkinaa fi imimmaan kee hundumaa ni yaadata.

“Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras . . . Ani Waaqayyo gooftaa kee isa . . . ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o’ siin jedhuu dha.”—Isaayaas 41:10, 13.

MEE YAADI: Waaqayyo si gargaaruuf qophaaʼaa dha. inni yoo ati kufte ol si kaasa.

Yeroo Gaariin Akka Dhufu Abdiin Jira

“Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.”—Yohaannis 3:16.

MEE YAADI: Ati Waaqayyo biratti baayʼee jaallatamaa waan taateef, ilmi isaa Yesuus Kiristoos siif jedhee aarsaa akka taʼu kenneera. Aarsaan kun bara baraaf jireenya gammachiisaa fi kaayyoo qabu akka jiraattu carraa siif kenna.a

Rakkinni hedduun si irra gaʼaa kan jiruu fi jireenyaan itti fufuu akka hin dandeenye kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe illee, Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti qoʼadhu akkasumas abdii Waaqayyo kenne irratti amantii qabdu cimsadhu. Kana gochuun gammachuu siif argamsiisa akkasumas jiraachuun kee gatii qabachuu isaa amantii akka qabaattu si gargaara.

a Aarsaa Yesuus irraa fayyadamuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf, weeb saayitii www.jw.org/om jedhamu irraa viidiyoo Duʼa Yesuus Yaadadhaa jedhu ilaali. Viidiyoo kana WAAʼEE KEENYA > AYYAANA YAADANNOO jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi