LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 12-13
  • Yommuu Jiraachuu Akka hin Qabne Sitti Dhagaʼamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Jiraachuu Akka hin Qabne Sitti Dhagaʼamu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GARGAARSA EESSAA ARGACHUU DANDEENYA?
  • FURMAANNI ITTI FUFIINSA QABU JIRAA?
  • Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?
    Dammaqaa!—2017
  • Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Dhiphina Sammuu
    Dammaqaa!—2014
  • 2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 12-13
Dubartiin tokko Kitaaba Qulqulluu baname baattee, minjaala bira teessee fagoo ilaalaa jirti

Yommuu Jiraachuu Akka hin Qabne Sitti Dhagaʼamu

Adriyaanaa ishiin Biraaziil keessa jiraattu, “Miirri akkasii utuu wal irraa hin citin natti dhagaʼama. Kanaafuu, of ajjeesuu naaf wayya jedhee murteesseen ture” jetteetti.

MIIRRI gadheen sitti dhagaʼamuu isaatiin kan kaʼe jiraachuu akka hin barbaanne sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, wanta Adriyaanaatti dhagaʼame hubachuu ni dandeessa taʼa. Ishiin dhiphina guddaa, gaddii fi abdii kutachuun akka ishiitti dhagaʼamu godhu qabdi turte. Adriyaanaan dhiphina sammuu yeroo hundumaa akka gadditu ishii taasisu akka qabdu qorannoodhaan beekame.

Kooruu isa lammii Jaappaan taʼee fi warra isaa dulloomanii fi dhukkubsatan kunuunsus maaltu akka isa mudate ilaali. “Yeroo tokko tokko dhiibbaa guddaa bakka hojiitti na irra gaʼuun kan kaʼe, baayʼeen dadhaba. Yeroo kan biraa immoo nyaachuuf fedhii dhaba, akkasumas hirriba gaarii hin rafu. Kanaafuu yoon duʼe rakkina koo irraa boqonnaan argadha jedheen yaada ture” jechuudhaan ibseera.

Ojiiboodi inni lammii Naayijeeriyaa taʼe, “Yeroo hundumaa hamman imimmaan koo dhangalaasutti nan gadda, kanaafuu karaan itti of ajjeesuun barbaadan ture” jedheera. Kan nama gammachiisu Ojiiboodi, Kooruu fi Adriyaanaan of hin ajjeesine. Haa taʼu malee, waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman of ajjeesu.

GARGAARSA EESSAA ARGACHUU DANDEENYA?

Namoota of ajjeesan keessaa gar caalaan dhiirota siʼa taʼan, isaan keessaa baayʼeen isaanii gargaarsa gaafachuu baayʼee qaanaʼu. Yesuus namoota dhukkubsataniif ogeessi fayyaa ni barbaachisa jedhee ture. (Luqaas 5:31) Kanaafuu, miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe gargaarsa gaafachuu hin qaanaʼin. Namoonni dhiphina sammuu qaban hedduun, yaalii gochuun isaanii dhukkuba isaanii dandaʼuuf akka isaan gargaare hubataniiru. Ojiiboodi, Kooruu fi Adriyaanaan gargaarsa ogeessa fayyaa kan fudhatan siʼa taʼu, amma caalaatti dhukkuba isaanii dandaʼanii jiraatu.

Doktaroonni dhiphina sammuu yaaluuf qorichatti ykn dubbii afaaniin dubbatamutti ykn lamaan isaanitti iyyuu fayyadamuu dandaʼu. Namoonni dhiphina sammuu qaban, deggersi maatii fi michoonni isaanii obsaan isaaniif godhanis isaan barbaachisa. Michuu hunda caalaan namni tokko qabaachuu dandaʼu Yihowaa siʼa taʼu, innis karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutiin gargaarsa dinqisiisaa ni kenna.

FURMAANNI ITTI FUFIINSA QABU JIRAA?

Namoonni dhiphina sammuu qaban yeroo dheeraadhaaf yaalii gochuun kan isaan barbaachisu taʼuu isaa irra iyyuu, akkaataa jireenyaa isaanii irratti sirreeffama gochuudhaan dhukkuba isaanii akkamitti akka dandaʼan barachuu qabu. Taʼus, dhiphina sammuu kan qabdu yoo taʼe, akkuma Ojiiboodi yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuu ni dandeessa. Inni akkas jedheera: “Isaayaas 33:24 irratti raajiin namni lafa irra jiraatu hundi ‘Na dhukkuba’ akka hin jenne ibsu yeroo itti raawwatamu hawwiidhaan nan eeggadha.” Akkuma Ojiiboodi atis abdii Waaqayyo “lafa haaraa” isa “cinqiin” keessa hin jirre ilaalchisee kenne irraa jajjabina argadhu. (Mulʼata 21:1, 4) Abdiin kun dhiphina sammuu fi dhiphina miiraa hunda balleessuu dabalata. Dhiphinni miiraa kee bara baraaf ni bada. Sana booda dhiphina miiraa sitti dhagaʼamu matumaa ‘hin yaadattu, yaada kee keessas hin dhufu.’—Isaayaas 65:17.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Si Gargaaruu Dandaʼan

Waaqayyo miira kee ni hubata.

“Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! . . . sin gargaara’ siin jedhuu dha.”—Isaayaas 41:13.

Yihowaan nama kam iyyuu caalaa miira keenya ni hubata; akkasumas nu gargaaruu ni barbaada.

Dubbii Waaqayyoo Irratti Xiinxali.

“[Eliyaas] ‘yaa Waaqayyo na ajjeesi!’ jedhee” kadhatee ture.—1 Mootota 19:4.

Ojiiboodi, “Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluun na gargaareera. Eliyaas raajichi yeroo tokko akkuma koo isatti dhagaʼamee akka ture hubadheera” jedheera.

Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irraa baradhu.

‘Yesuus amantiin isaa akka hin badne Pheexirosiif wawwaateera.’—Luqaas 22:32.

Pheexiros ergamaan Yesuusiin al sadii erga ganee booda, baayʼee waan dhiphateef hinqirfatee booʼeera. Kooruun, “Yihowaa fi Yesuus miira Pheexirosiif akka yaadan muuxannoo Pheexiros irraa hubachuu dandaʼeera. Kunis na jajjabeesseera” jedheera.

Sana booda dhiphina miiraa sitti dhagaʼamu matumaa ‘hin yaadattu, yaada kee keessas hin dhufu.’—Isaayaas 65:17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi