LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Bitootessa ful. 29-31
  • Yihowaan “Ameen” Jechuu Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan “Ameen” Jechuu Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “NAMOONNI HUNDINUU ‘AMEEN’ HAA JEDHAN!”
  • “NAMOONNI HUNDINUU, ‘AMEEN! WAAQAYYOOF GALANNI HAA TA’U!’” JEDHAN
  • “AMEEN” JECHUUN KEESSAN IDDOO GUDDAA KAN QABU MAALIIFI?
  • Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu Hubadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • “Wanti Isin Barbaacisu Waaqayyo Duratti Akka Beekamu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Bitootessa ful. 29-31
Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessa jiran kadhannaadhaaf mataa isaanii gad qabu

Yihowaan “Ameen” Jechuu Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna

YIHOWAAN waaqeffannaa keenyaaf iddoo guddaa kenna. Inni wanta tajaajiltoonni isaa ‘dubbatan in dhaggeeffata’ akkasumas isa jajachuudhaaf wanti isaan godhan xinnoo taʼuu illee hubannaadhaan ni ilaala. (Mil. 3:16) Fakkeenyaaf, jecha yeroo baayʼee irra deddeebinee dubbannee taʼuu dandaʼu mee yaadaa. Innis jecha “ameen” jedhu dha. Yihowaan jecha gabaabaa taʼe kanaaf illee iddoo guddaa ni kennaa? Eyyee, ni kenna! Maaliif akka taʼe beekuuf hiikni jecha kanaa maal akka taʼee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame haa ilaallu.

“NAMOONNI HUNDINUU ‘AMEEN’ HAA JEDHAN!”

Jechi afaan Ingiliffaa “ameen” jedhu hiikni isaa “haa taʼu” ykn “dhugumaan” jechuu dha. Jechi kun hundeen isaa afaan Ibrootaa siʼa taʼu hiikni isaa “amanamoo taʼaa,” “haqa qabeeyyii taʼaa” jechuu dha. Jechi kun yeroo tokko tokko haalawwan seeraa wajjin walqabateen itti hojjetameera. Namni tokko waadaa erga galee booda waadaan gale sun sirrii akka taʼe mirkaneessuu fi waadaan gale sun wanta fidu fudhachuuf walii galuu isaa argisiisuuf “ameen” jedha ture. (Lak. 5:22) Namni kun namoota duratti ameen jechuudhaan waadaa galuun isaa waadaa gale sana raawwachuuf caalaatti isa jajjabeessa.—Nah. 5:13.

Keessa Deebiin boqonna 27 jecha “ameen” jedhutti fayyadamuudhaan fakkeenya hunda caalu dha. Israaʼeloonni Biyyatti Abdachiifamtetti erga galanii booda Tulluu Ebaalii fi Tulluu Geriiziim gidduutti seerichi yommuu dubbifamu dhaggeeffachuuf walitti qabamuu qabu turan. Isaan achitti kan argaman Seericha dhagaʼuuf qofa utuu hin taʼin, Seericha fudhachuu isaanii mirkaneessuuf ture. Kana kan godhan miidhaa ajajamuu diduun isaanitti fidu seericha irraa yommuu dubbifamu “Ameen!” jedhanii deebisuudhaan ture. (Kes. 27:15-26) Namoonni kumaan lakkaaʼaman dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen sagalee guddaadhaan yommuu deebisan yaadaan ilaalaa! (Iya. 8:30-35) Jecha guyyaa sana dubbatan matumaa akka hin irraanfanne beekamaa dha. Israaʼeloonni kun waadaa galan eeganiiru. Sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun, “Warri Israaʼel guutummaa bara Iyaasuutti akkasuma bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii wanta Waaqayyo warra Israaʼeliif godhe hundumaa beekan jiraatanitti, Waaqayyoof hojjechaa turan” jedha.—Iya. 24:3.

Yesuusis wanta dubbatame tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf jecha “ameen” jedhutti kan fayyadame taʼus, kana kan godhe karaa adda taʼeen ture. Inni jecha ameen jedhutti kan fayyadame dubbii dubbatame tokkoof deebii kennuuf utuu hin taʼin, jecha “ameen” (gara Ingiliffaatti yommuu hiikamu “dhugumaan”) jedhutti fayyadamee dhuga tokko beeksisuuf ture. Yeroo tokko tokko, jecha kana “ameen ameen” jechuudhaan irra deddeebiʼee dubbateera. (Mat. 5:18; Yoh. 1:51) Inni kana gochuudhaan wanti inni dubbate guutummaatti dhugaa taʼuu isaa warra isa dhaggeeffataniif mirkaneesseera. Yesuus akkasitti mirkanaaʼaa taʼee kan dubbate inni abdiiwwan Waaqayyo kenne hundumaa dhugoomsuu irratti aangoon waan isaaf kennameef ture.—2 Qor. 1:20; Mul. 3:14.

“NAMOONNI HUNDINUU, ‘AMEEN! WAAQAYYOOF GALANNI HAA TA’U!’” JEDHAN

Israaʼeloonni yommuu Yihowaadhaaf galataa fi kadhannaa dhiheessanittis jecha “ameen” jedhutti ni fayyadamu turan. (Nah. 8:6; Far. 41:13) Jecha kana kadhannaa booda dubbachuudhaan warri dhaggeeffatan kadhannaa sana kan isaanii godhanii akka fudhatan argisiisu. Karaa kanaan namoonni achitti argaman hundi waaqeffannaa Yihowaaf dhihaatu irratti hirmaachuudhaan ni gammadu. Yommuu Daawit Mootichi Saanduqa Kakuu Yihowaa gara Yerusaalemitti geesse wanti raawwatame kana ture. Daawit sirna kana booda kadhannaa garaa namaa tuquu fi 1 Seenaa 16:8-36 irratti bifa faarfannaatiin galmeeffamee jiru dhiheesseera. Namoonni achitti argaman dubbii isaatiin kakaʼanii “hundinuu, “Ameen! Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jedhan.” Eyyee, deebiin isaan tokkummaadhaan kennan gammachuu guyyaa sana tureef gumaacha godheera.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas yommuu Yihowaa jajatan jecha “ameen” jedhutti ni fayyadamu turan. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan yeroo baayʼee xalayaa isaanii keessatti jecha kana caqasaniiru. (Rom. 1:25; 16:27; 1 Phe. 4:11) Kitaabni Mulʼataa uumamawwan hafuuraa samii irra jiran “Ameen! Yaahiin jajadhaa” jechuudhaan Yihowaaf ulfina akka kennan fakkeenyaan ibseera. (Mul. 19:1, 4) Kiristiyaanonni durii walgaʼii isaanii irratti kadhannaan erga dhihaatee booda, yeroo baayʼee “ameen” jedhu turan. (1 Qor. 14:16) Haa taʼu malee, jecha kana kan dubbatan utuma itti hin yaadin miti.

“AMEEN” JECHUUN KEESSAN IDDOO GUDDAA KAN QABU MAALIIFI?

Jecha ameen jedhu hiika inni qabuu fi seenaa isaa erga qorannee booda, kadhannaa xumuruuf jecha sirrii akka taʼe hubachuu dandeenya. Xumura kadhannaa keenya irratti yeroo ameen jennu, wanti dubbanne garaadhaa taʼuu isaa argisiisna. Kadhannaa bakka namoonni hedduun jiranitti dhihaateef, utuu sagalee hin dhageessisin illee, “ameen” jennee yommuu deebisnu, kadhannaa dhihaate sana akka deggerru argisiisna. Sababii “ameen” jechuun keenya iddoo guddaa itti qabu kan biraas haa ilaallu.

Waaqeffannaa keenya dammaqinaan akka hordofnu argisiisa. Kadhannaadhaan Yihowaa kan waaqeffannu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, amala argisiisnus ni dabalata. Fedhiin garaadhaa “ameen” jechuuf qabnu, ilaalcha sirrii qabaachuu fi sammuun keenya kadhannicha irratti akka xiyyeeffatu gochuuf nu gargaaruu dandaʼa.

Waaqeffannaadhaan tokko taaneerra. Kadhannaan bakka namoonni hedduun argamanitti dhihaatu, wanta namoonni kaan dhaggeeffachaa jiran irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. (HoE. 1:14; 12:5) Obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin yommuu deebii kenninu, tokkummaa keenya caalaatti cimsina. “Ameen” kan jennu sagalee dhageessisnees taʼe garaa keenya keessatti, Yihowaan kadhannaa nuti walii wajjin dhiheessineef deebii kennuuf sababii dabalataa qabaata.

Obboleettin tokko gumiidhaa bilbilaan  yommuu kadhannaa dhaggeefattu  mataa ishii gad qabde

“Ameen” jechuun keenya Yihowaa jajachuudhaaf gumaacha godha

Yihowaa ni jajanna. Yihowaan wanta nuti waaqeffannaa keenya keessatti raawwannu hundumaa ni hubata. (Luq. 21:2, 3) Inni kakaʼumsa keenyaa fi wanta garaa keenya keessa jiru ni ilaala. Yeroo bilbilaan walgaʼii hordofnutti illee taanaan, jecha nuti “ameen” jechuudhaan dubbannu Yihowaan akka laayyootti akka hin ilaalle mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. “Ameen” yommuu jennu, warra walgaʼii irratti argamanii wajjin Yihowaa jajanna.

“Ameen” jechuun keenya faayidaa xinnoo kan qabu fakkaachuu kan dandaʼu taʼus, faayidaa guddaa qaba. Insaayikilooppiidiyaan Kitaaba Qulqulluu tokko, tajaajiltoonni Waaqayyoo “Jecha tokkitti kanatti fayyadamuudhaan, amanannaa, fudhatama argachuu fi abdii cimaa garaa isaanii keessa jiru” ni ibsu turan jedheera. Jechi “ameen” jechuudhaan dubbannu hundi, Yihowaa kan gammachiisu haa taʼu.—Far. 19:14.

Yeroo Hunda “Ameen” Jechuu Qabdaa?

Jechi “ameen” jedhu jecha akka laayyootti ilaallu miti. Haa taʼu malee, namni kadhannaa dhiheessu tokko wanta tokko karaa sirrii hin taaneen yoo dubbate hoo? Yeroo kanatti “ameen” jechuu hin qabnuu? Ameen jechuu dhiisuun dirqama jechuu miti. Kana malees, Yihowaan hundi keenya dubbiidhaan akka dogoggorru ni beeka, akkasumas dogoggorawwan keenya bira nuuf darba. Kanaafuu warri kaan yommuu kadhannaa dhiheessan jecha isaanii irratti utuu hin taʼin, yaada isaan dabarsuu barbaadan irratti yoo xiyyeeffanne “ameen” jechuu akka dandeenyu nutti dhagaʼamuu dandaʼa.

Gama kan biraatiin immoo, kadhannaa namni hin amanne tokko dhiheessuuf, sagalee keenya ol kaasnees taʼe garaa keenyatti “ameen” jechuu hin qabnu. Kadhannaan akkasii yommuu dhihaatu yoo achitti argamne hoo? Fakkeenyaaf, qophii tokko irratti argamnee utuu jirruu namni tokko kadhannaa akka dhiheessu gaafatame haa jennu. Yookiin maatii amantiidhaan qoqqoodame keessatti kan argamne siʼa taʼu, mataan maatichaa inni hin amanne kadhanna dhiheessuuf murteesse haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu qabna?

Haala akkanaa keessaatti yoo argamne callisuu fi kabaja akka qabnu argisiisuu dandeenya. “Ameen” jechuudhaan isaan wajjin hin hirmaannu; kana malees kadhannaa irratti isaan wajjin akka hirmaanne waan argisiisuuf isaan wajjin harka wal hin qabannu. Tarii sagalee keenya utuu hin dhageessisin kadhannaa mataa keenyaa dhiheesuuf filanna taʼa; haa taʼu malee warri kaan kadhanna isaanii irratti akka hirmaanne waan fakkeessuuf sagalee keenya ol kaasnee “ameen” jechuu hin qabnu. Namoonni achitti argaman yoo dhaabatan nuti dhaabachuu fi dhaabachuu dhiisuu murteessuun filannoo keenya dha. Dhaabachuun ykn mataa keenya gad qabuun qofti gocha waaqeffanna miti. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa haalli akkasii yommuu isa mudatu, murtoo isaaf gaarii taʼe gochuun isa barbaachisa akkasumas haalawwan akkasii keessatti murtoo inni godhe ilaalchisee namni kam iyyuu isa ceephaʼuu hin qabu.

Haalli olitti ibsame kun “ameen” jechuun keenya Yihowaadhaaf iddoo guddaa kan qabu maaliif akka taʼe ibsa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi