LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/06 ful. 6
  • Saanduqa Gaaffii (2)

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii (2)
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhiibbaa Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Na Irra Gaʼu Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Ijoollee Keessan Waaʼee Saalaa Haasofsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhugumaan Saalqunnamtii Jedhamaa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Saalqunnamtiin Caalaatti Walitti Nu Dhiheessaa Laata?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2006
km 12/06 ful. 6

Saanduqa Gaaffii (2)

◼ Tajaajilaa wajjin haala wal qabateen saala faallaa ta’ee wajjin yeroo taanu of eeggannoo akkamii gochuu nu barbaachisa?

Obboloonni keenya jireenya qulqulluu jiraachuu qabu jennee eeguuf sababa ga’aa qabna. Ta’us, kan jiraannu biyya lafaa xuraa’aafi amala manca’aadhaan guutame keessadha. Ilaalcha gaarii qabaannullee, yeroo hundaa wanta arrabsoo fidurratti ykn gocha sirrii hin taanerratti hirmaachuurraa fagaachuuf of eeggannoo gochuu qabna. Kunis tajaajilarratti yeroo bobbaanu of eeggannoo gochuu kan dabalatudha.

Yeroo baay’ee tajaajilarratti namoota saala faallaa ta’aniifi dhugaadhaaf fedhii qaban argachuu dandeenya. Manaa gara manaatti yeroo tajaajillu qofaa keenya yoo taane, namni haasofsiisnu sun saala faallaa yoo ta’eefi namni garabiraan mana keessa hin jiru yoo ta’e, manatti ol seenuu mannaa aluma dhaabannee dhugaa ba’uun baay’ee filatamaadha. Abbichi fedhii kan qabu yoo ta’e, babal’isaa biraa wajjin ykn yeroo miseensonni maatii sanaa manatti argaman deebinee dhaquu dandeenya. Kun ta’uu baannaan, nama haasofsiisne sana babal’isaan saalaan wal fakkaatu dhaqee utuu mariisisee gaariidha. Mala kanatti saala faallaa ta’e yeroo qayyabsiisnuttis itti fayyadamuu qabna.—Mat. 10:16.

Tajaajilarratti nama nuu wajjin tajaajilu ennaa filannu of eeggannoo gochuu qabna. Al tokko tokko babal’istoota saala faallaa wajjin tajaajiluun kan danda’amu ta’us, akkas kan goonu garuu yeroo gareedhaan tajaajillu utuu ta’ee filatamaadha. Ta’us nama hiriyaa gaa’elaa keenya hin ta’in wajjin tajaajilarratti yeroo dheeraa waliin turuun gaarii miti. Kanaaf, obboleessi walga’ii tajaajilaa sana geggeessu babal’istootaafi ijoollee umriinsaanii waggoota kurnan keessa jiran waliin ramaduuf hubannaa gaariitu isa barbaachisa.

Yeroo hunda hubannaa gaarii qabaachuudhaan wanta nuunis ta’e warra kaan ‘gufachiisu’ gochuurraa fagaachuu dandeenya.—2 Qor. 6:3.

km 5/97 (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi