LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/03 ful. 3
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 1/03 ful. 3

Beeksisa

◼ Barruulee raabsaman Amajjii: kitaabolii turan kan akka kitaaba Mootummaan Kee Haa Dhuftu, Dargaggummaa Kee Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Itti Fayyadami, Jireenya Maatii Kee Gammachiisaa Taasisi, kitaaba Fayyina jedhu Guraandhala: kitaaba Raawwii Mul’ataa Bitootessa: Kitaaba Beekumsaa. Eblaa fi Caamsaa: Barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! jedhaman.

◼ Jalqaba Guraandhalaatii kaasee hamma Bitootessa bultii 2⁠tti haasawaa sabaa haaraan daawwattootni ol’aanaan aanaa kennan mata dureen isaa “Addunyaa Dukkanaan Qabame Keessaa Ba’uu” kan jedhu ta’a.

◼ Gumiileen hundi yaadannoo du’a Kristos gaafa Roobii Ebla bultii 16 erga aduun lixxee booda kabajamuuf haala mijeessuudhaaf garanumaa itti yaaduu qabu. Haasawaan ayyaanicha irratti godhamu dursee jalqabuu danda’us, seerri maxinoo fi wayinii naannessuu garuu utuu biiftuun hin lixin jalqabamuu hin qabu. Naannoo keessanitti aduun yeroo itti lixxu beekuudhaaf duraan dursaatii namoota waa’ee kanaa beekumsa qaban gaafadhaa. Wayiniin harka namaatii gara harka namaatti yeroo darbu akka hindhangalaane, qodaan wayinii qabatu mijaa’aa ta’uu qaba. Gosti wayinii itti fayyadamtan, wayinii Itoophiyaa isa Duukamitti oomishamu kan wayinii diimaa irraa hojjetamee fi mi’aa kan hin qabne yookiin wayinii diimaa biyya alaatii dhufuun akka dhimma baatan yaada isiniif dhiheessina. Tuutawwan kophaa ta’an, wayinii dhuunfaa isaanitiin qopheessuun yoo isaan barbaachise, qajeelfama Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 1990, fuula 18 fi barruulee Dammaqaa! jedhu, Fulbaana 8, 1995, fuula 25-27 yaada jiru irra deebi’anii ilaaluu qabu. Namni kum keessummaa gumii kamii akka ta’e addaan baasuun waan rakkisuuf Galma tokko keessatti gumiilee hedduun walgahuun isaanii gaarii miti. Galma tokkotti gumiileen tokkoo ol kan fayyadaman yoo ta’e, gumiin tokko yookiin isaa ol ta’an galgala sanaaf Galma gara biraa argachuuf haala mijeessuu danda’u ta’a. Gumiin lama walumatti aansee ayyaana kana kabajuudhaaf sagantaa qabateera taanaan sagantaa lamaan gidduutti yoo xinnaate daqiiqaa 30⁠ni yoo dhiifame (fakkeenyaaf sagantaan inni duraa sa’aatii 12:00⁠tti yoo jalqabe inni itti aanu immoo 1:30⁠tti jalqabuu danda’a) kan sagantaa kana irratti argaman hundinuu faayidaa guutuu argachuu danda’u. Konkolaataan iddoo dhaabatu dhabuudhaan rakkinni akka hin uumamne duraan dursee itti yaadamuu qaba. Qophiin gumii sanaaf mijaa’aa ta’e qaama jaarsoliitiin murtaa’a.

◼ Maxxanfama kanaa jalqabee barruuleen haaraan nu gaahaan Tajaajila Mootummaa irratti hin ibsaman. Kana ilaalchisee xalayaan “Beeksisa Gumiilee Hundumaaf” jedhu gumii hundaaf ni ergama. Xalayaan “Beeksisa Gumiilee Hundaaf” jedhu kun akkuma isin gaheen walgahii tajaajilaa itti aanee godhamu irratti barruulee gumii keessaniif barbaachisan irratti hundaa’ee dhihaachuu danda’a. Itti aansees beeksisichi gabatee beeksisaa irratti maxxanfamuu danda’a. Kana boodas tajaajilaan barruulee galmee isaatiin walqabsiisee kaa’a.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi