Sagantaa Wal Ga’ii Tajaajilaa
Torban Amajjii 13 Jalqabu
Faarfannaa 97 (217)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada fuula 4 irratti argamuun fayyadamuudhaan Masaraa Eegumsaa Muddee 2002 fi Barruulee Dammaqaa! Muddee 8 akkamitti akka raabsamu kan agarsiisu hojiin agarsiisni adda addaa lama haa dhihaatu. Hojiin agarsiisni lamaanuu seensa barruu tokkoon fayyadamuudhaan barruulee lama akkamitti raabsuun akka danda’amu kan agarsiisan haa ta’an.
Daq. 15: Waaqa Dhuga qabeessa ta’e fakkaachuu. Dammaqaa! Guraandhala 2000 fuula 12, 13 irratti hundaa’uudhaan “Sobuun haalli itti dogoggora hin taane jiraa?” mata duree jedhuun kan jaarsi mariidhaan dhiheessu ta’a. Gara caalaatti keeyyata 3-6 fi 9-10 irratti xiyyeeffadhu; akkasumas waraabbii (caqasa) tokko tokko dubbisi. Foormii adda addaa yeroo guutanillee wanta soba ta’e akka hin guunne hubachiisi. Gaaffii kanaa gadiitiin dhimma bahuu dandeessa. Guutummaadhumatti Yihowaatti amanamuu kan dandeenyu maalifii? (Tit. 1:2); Maddi sobaa eenyuu? (Yoh. 8:44); Yihowaan soba akkamitti ilaalaa? (Fak. 6:16, 19); Qalbii diddiirrannaa malee sobatti warra fufan irra maaltu ga’aa? (Far. 5:6; Mul. 22:15); Waaqa isa dhuga qabeessa fakkaachuuf murtoon keenya maal ta’uu qabaa?—Mat. 5:37; Far. 97:10; Ibr. 13:18; Efe. 4:15, 25.
Daq. 20: “Waan of Murteessineef Wajjiin waltaanee jiraachuu.” Keeyyata 3ffaa irratti erga mari’attanii booda, ijoollee umuriin isaanii 12-19tti jiru keessaa kan cuuphame tokkoof gaaffiif deebii ifa ta’e dhiheessi. Yeroo cuuphamee jalqabee rakkoo akkamiitu isa quunnamee? Rakkoo kana mo’uuf maaltu isa gargaaree? Yihowaaf of murteessuu isaa irraa bu’aa maalii argatee?
Faarfannaa 14 (34) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 20 Jalqabu
Faarfannaa 34 (77)
Daq. 8: Beeksisa gumii. Gabaasa herreegaa.
Daq. 15: Barruulee qulqulluu guyyaa guyyaan ni qorattaa? Haasawaa fi maree dhaggeeffattoota wajjin godhamuun kan dhihaatu. Kitaaba xinnoo Barruulee Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoradhu jedhamu kan 2003 irraa faayidaa guutuu akka argataniif jajjabeessi. Yaada fuula 3, 4 jiru irratti mari’adhaa. Maatiwwan barruu kana irratti akkamitti akka waliin mari’achuu danda’an yaada kenni. Guyyaa guyyaadhaan barruulee kana dubbisuun bu’aa inni qabu agarsiisuudhaaf caqasa guyyaa fi ibsa irratti kenname lama yookiin sadi ji’a isa itti aanu keessaa filadhuutii dhiheessi. Caqasa barruulee guyyaa sanaa fi ibsa irratti kennameen yeroo mari’atan kan agarsiisu hojiin agarsiisa gabaabaan haadha manaa fi abbaa manaatiin akka dhihaatu godhi.
Daq. 22: “Dubbii Amanamaa Warra Kaan Barsiisuu.” Keeyyata 6ffaa irratti erga mari’attanii booddee babal’isaan dandeettii qabu tokko seensa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 fuula 4 irratti argaman keessaa tokkoo isaatiin fayyadamee yeroo deddeebi’ee gaafatu akkuma balbala isaanii dhaabateen akkamitti qayyabannaa Macaafa qulqullu jalqabsiisuun akka danda’amu hojiin agarsiisaan haa dhihaatu. Kunis brooshura Waaqni Nuurraa Maal Barbaadaa? jedhu keessaa keeyyata tokko irratti mariisisuun kan jalaqabamu haa ta’u. Babal’isichi yeroo deebi’ee dhaqutti gaaffii keeyyata isa itti aanu keessatti deebi’uufii danda’u kaasuudhaan haa xumuru. Namoota fedha agarsiisan karaa kanaan Macaafa qulqulluu akka qayyabsiisan hunda isaanii jajjabeessi.
Faarfannaa 65 (152) fi kadhannaa xumuraa
Torban Amajjii 27 Jalqabu
Faarfannaa 42 (92)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada fuula 4 irratti kennametti fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Muddee 15 yeroo raabsamu kan agarsiisu hojiin agarsiisni adda addaa lama kan dhihaatu yeroo ta’u, isa jalqabaa irratti abbaa manaa barruulee fudhachuu dideef traaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Baruu ni Barbaaddaa? Jedhu yeroo kennamuuf kan agarsiisu, inni lammaffaa ammoo abbaa manaa barruulee fudhateef traaktichi dabalataan yeroo kennamu kan agarsiisu haa ta’u. Namoota barruuleef traaktii laanneef akkamitti duukaa buunee akka gargaaruu dandeenyu ibsa ifaa ta’e kenni. Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2001 fuula 4 keeyyata 10 ilaali.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: Amala Galateeffannaa Guddisuu. Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 1998, fuula 3-7 irratti hundaa’uudhaan haasawaa fi yaada ijoo irra deebi’uudhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 71 (163) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 3 Jalqabu.
Faarfannaa 33 (72)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Saanduqa Gaaffii.
Daq. 12: Amantiidhaan kan Isaan Fakkaattan Ta’aa. Amanamummaa fi gad of qabummaadhaan yeroo dheeraadhaaf kan Yihoowaa tajaajile jaarsa gumii tokko wajjin gaaffiif deebii godhi. (Ibr. 13:7) Akkamitti dhugaa dhaga’ee? Dhugaadhaan jabaatee dhaabachuuf rakkoowwan akkamii keessa darbuun isa barbaachiseeraa? Qophii gargaarsa hafuuraa fi qophii jajjabinaa akkamiitu sadarkaa kanaan isa ga’ee? Itti gaafatamummaa gumii keessatti qabu fiixaan baasuuf carraaqqii akkamii godheeraa? (1 Xim. 3:1) Itti gaafatamummaa gumii, hojii dhunfaa fi itti gaafatamummaa maatii keessatti qabu karaa madaalamaa ta’een geggeessuuf kan isa gargaare maal innii? (1 Xim. 5:8) Namoota gumii keessatti argaman gargaaruudhaaf mirga addaa argate kana akkamitti ilaalaa?
Daq. 18: “Hojii Gad of Qabummaa Barbaadu.” Keeyyata 3ffaa irratti yeroo mari’attan naannoo tajaajila keenyaatti namoonni nutti qoosan, kan nuun falman yookiin kan dheekkaman yeroo nu qunnaman akka itti deebii laannu yaada akka kennan dhaggeeffattoota affeeri. Keeyyata 4ffaa irratti yeroo mari’attan kitaaba Barruulee Qulqulluu Gadi Fageenyaan Hubachuu jedhu Jildii 1 fuula 1160 keeyyata 3ffaa irra yaada jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 55 (133) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen eega fayyadamtee booda gaaffiif deebiin dhiheessi.