Hojii Gad Of Qabummaa Barbaadu
1 Sagaleen Waaqayyoo gad of qabuun barbaachisaa akka ta’e nutti hima. “gad of deebisuudhaan jiraadhaa, hamaa hamaadhaan hin deebisinaa . . . garagalchii iyyuu eebbisaa” jechuudhaan nu gorsa. (1 Phe. 3: 8, 9) Gorsa kana hojii irra oolchuun keenyas tajaajila keenyaaf bu’aa gaarii fida. Kana malees tajaajilli kristiyaanummaa gad of qabummaan keenya akka qoramu taasisa.
2 Amalli gad of qabummaa, yeroo dhiphinni numudatutti jabaannee akka dhaabannuuf nu gargaara. Namoonni baay’een wangeela lallabuuf gara mana isaanii yeroo dhaqnu faara tolaadhaan akka isaan nu hin simanne beekna. Kanaafuu lallaba keenya itti fufuun gad of qabummaa gaafata. Naannoo tajaajilli baay’ee rakkisaa ta’e keessatti tajaajiltoota yeroo guutuu kan ta’an obboloonni durbaa lama waggaa lamaaf manaa gara manaatti yeroo tajaajilan nama isaan haasofsiisu hin arganne. Haata’u malee, obsuu isaanitiin kan ka’e yeroo ammaatti naannoo sanatti gumii lamatu argama.
3 Namoonni Nu Muufachiisan Yeroo Numudatan: Amalli gad of qabummaa yeroo namoonni hamooni fi kabaja namaa hin laanne nu qunnaman, Yesusiin akka fakkaannu nu gargaara. (1 Phe. 2:21-23) Obboleettiin tokko mana nama tokkoo dhaqxee yeroo isaan haasofsiiste, jalqaba haati manaa itti aansees abbaan manaa ishee arrabsanii naannoo sanaas akka deemtu ishee gaafatan. Isheeniis faara tolaa (fuula ifaa) itti agarsiisuudhaan yeroo gara biraa deebitee akka isaan haasofsiistu abdii ishee ta’uu isaa ibsiteefii deemte. Gochi ishee kunis baay’ee kan isaan ajaa’ibsiise yeroo ta’u, guyyaa gara biraatti ammoo obboleettiin tokko yammuu tajaajiltu mana jara kanaa dhaqxee isaan haasofsiisnaan ishee dhaggeeffatan; akkasumas walga’ii irratti akka argamaniif affeerriin dhihaateef; isaanis walga’ii Galma Mootummaatti geggeeffamu irratti argamuu jalqaban. Obboleettiin isheen isaan kanaan dura arrabsanis kaatee dhaqxee nagaa gaafachuudhaan dabaltee dhugaa baateef. Nuyis namoota nuun mormanitti amala gad of qabummaa argisiisuu fi ‘nama safeeffachuudhaan’ yoo haasofsiisne ilaalcha isaanii jijjiiruu ni dandeenya. —1 Phe. 3:16; Fak. 25:15.
4 Of Tuulummaa Irraa Fagaadhaa: Beekumsa Macaafa qulqulluu qabaachuun keenya namoota tuffiidhaan akka ilaallu yookiin jechoota tuffii ibsaniin akka itti dubbannu nu gochuu hin qabu. (Yoh. 7:49) Sagaleen Waaqayyoo ‘dubbii nama hubu’ tokkollee akka hin dubbanne nu gorsa. (Tit. 3:2 NW) Nuyis namoota gara laafinaan yoo qabne, akkuma Yesus namootni boqonnaa akka argatan gochuu ni dandeenya. (Mat. 11:28, 29) Amalli gad of qabummaa namooti akka ergaa keenya dhaggeeffatan nu gargaara.
5 Eeyyee, gad of qabummaan naannoo tajaajilaaf rakkisaa ta’ettis akka obsinu nu gargaara. Amalli akkanaa kun namoonni ergaa keenya hin dhaggeeffanne akka jijjiiramanii fi warra kaan ammoo gara ergaa Mootummichaatti harkisuuf nu gargaara. Hundumaa caalaatti ‘namoota gad of qabaniif isa ayyaana kennu’ Yihowaa gammachiisa.—1 Phe. 5:5.