LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/03 ful. 7
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 2/03 ful. 7

Beeksisa

◼ Barruulee raabsaman Guraandhala: Raawwii Mul’ataa (yeroo ga⁠affii deddeebii goonu osoo ta’e ni filatama). Bitootessa: Namoota kitaaba Beekumsaa wajjin wal beeksisuudhaan qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuuf yaalii godhaa. Eblaa fi Caamsaa: Barruulee Dammaqaa! fi Masaraa Eegumsaatu raabsama. Namoota fedha qabaniif gaaffii deddeebii yeroo gootan, namo⁠ota yaadannoo du’a Kristosii fi wal ga’ii tokko tokko irratti argamanii wal ga’ii hunda irratti hin argamneef kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamu raabsaa. Qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuuf keessumaa immoo, namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaa fi brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhuun qayyabatanii turan, kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaatiin qayyabannaa jalqabsiisuuf yaalii hunda godhaa.

◼ Sassaabaan daawwattoota ol aanaa yookiin kan isaan iddoo buufame, Bitootessa 1 yookiin isarraa utuu baay’ee hin fagaatin herreega gumii qoruu qaba. Qorannaan kun raawwatamee gabaasni herreegaa inni itti aanu eega dubbifamee booda, haala isaa gumiif beeksisaa. Gumichi hojii addunyaa maraaf, ykn galii gargaarsaa gara-biraa godheef, xalayyaan galataa jaarmiyaa Yihowaa irraa ergamee yoo jiraate dubbisi.

◼ Barreessaa fi daawwataan ol aanaa tajaajilaa, sochii qajeelchitoota hundaa qoruu qabu. Sa’aa isaan irraa barbaadamu guutuu kan dadhaban yoo jiraatan, jaarsoliin karaa gargaarsa itti kennan qindeessuu qabu. Xalayaa waggaa S-201 irratti yaada ibsamee fi miiltoo Tajaajila Mootummaa 9-68 fuula 5 keeyyata 12-​20 (Amaariffa) irraatti yaada argamu irra deebi’aa ilaalaa.

◼ Mata-dureen hasawaa sabaa addaa tibba yaadannoo du’a Kristos 2003⁠tti dhihaatu, “Yeroon murtii Baabiloon dhihaateeraa?” kan jedhu ta’a. Beeksisa wal fakkaatu, Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2002 irraa ilaalaa

◼ Qophiin kontiraati barruulee dhu⁠unfaa karaa poostaa ergamuun isaa waan hafeef, gumiileen Masaraan Eegumsaa fi barruuleen Dammaqaa! haaraan akkuma isaan ga’een, namoota sana harkaan ga’u qabu. Babal’istoonni tajaajila irratti barruulee raabsuu isaanii dura, jalqaba barruulee dhuunfaa isaanii dubbisuudhaan qabiyyee barreffamichaa wajjin wal baruu qabu.

◼ Wal ga’ii koonyaa 2003f sagantaa yeroodhaaf ba’e:

Fulb. 26-28 Finfinnee Ingiliffa

Onk. 3-5 Finfinnee Amaariffa/Afaan mallattoo

Onk. 17-19 Dirree-daawwaa Amaariffa

Onk. 17-19 Dasee Amaariffa

Onk. 24-26 Jimmaa Amaariffa

Onk. 24-26 Maqalee Tigriffa/Amaariffa

Onk. 31-Sad. 2 Shaashamannee Amaariffa

Onk. 31-Sad. 2 Naqamtee Amaariffa

Onk. 31-Sad. 2 Baahir Daar Amaariffa

Sad. 7-9 Gimbii Afaan Oromoo

Sad. 7-9 Sooddoo Amaariffa

Sad. 7-9 Alattaa Wandoo Amaariffa

Sad. 14-16 Sooddoo Afaan Walaayittaa

Sad. 14-16AmbooAfaan Oromoo

Sad. 14-16YirgaalamAfaan Sida⁠amaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi