Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 24, 2003 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Amajjii 6 hanga Guraandhala 24, 2003 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Dhugaa ykn Soba: Namni tokko yeroo dubbisu, jechi afaan isaatii ba’u waan barreeffame sanaa wajjin garaagarummaa xiqqoo qabaatu iyyuu, jecha sirrii yoo fakkaate sirriitti dubbiseera jechuu ni danda’ama. Ibsi. [be fuula 83]
2. Bakka Duwwaatti Guuti: Sirriitti dubbisuuf namni tokko _____________________________________________ irra deddeebi’ee shaakaluu fi sagalee ol kaasee dubbisuu qaba. [be fuula 85]
3. Sirriitti dubbachuun maaliif barbaachisaa? (1 Qor. 14:8, 9) [be fuula 86]
4. Wanti dubbannu sirriitti akka hin dhaga’amne haalawwan taasisan maal fa’ii? Wanti dubbannu caalaatti ifa akka ta’uuf maal gochuu dandeenyaa? [be fuula 87-8]
5. Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ji’oottan lamaan darban keessatti, jechoonni akka gaariitti irratti shaakaluun qaba jettee yaadde maal fa’ii? [be fuula 92]
YAALII LAK. 1
6. Dhugaa ykn Soba: Iji keenya dhaggeeffachuuf nu gargaara. Ibsi. [be fuula 14].
7. Bakka Duwwaatti Guuti: yeroo ykn bara beekuuf akka nu gargaaraniif Waaqayyo irraa kan nuu kennamani dha. [si Fuula 279 Keeyyata 7]
8. Bakka Duwwaatti Guuti: Akka jecha Macaafa qulqulluutti, jechi “guyyaa” jedhu sa’aatii _________________________, sa’aatii _________________________, waggaa _________________________, ykn immoo waggoota _________________________ lakkaa’aman kan agarsiisu dha. Hiiki isaas akkuma itti galutti murtaa’a. [si fuula 279 keeyyata 8]
9. Fakkeenyi Haannaa, Maarqosiifi Eliyaas abdii kutachuu akka mo’annu kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenya isaanii kanaanoo namoota kaan gargaaruuf kan dandeenyu akkamitti? [w01 2/1 fuula 20-3]
10. Waa’ee dorgommii ispoortii durii sirriitti beekuun keenya kutaa Macaafa qulqulluu murtaa’e irratti hubannaa gaarii akka argannu kan nu gargaaru akkamitti? Kana beekuun keenya jireenya keenya irratti dhiibbaa kan fidu akkamitti? [w01 1/1 fuula 28-31]
DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII
11. Dhugaa ykn Soba: Mootummaan Waaqayyoo bara 1914 samiitti waan dhaabatteef, “Mootummaan kee haa dhufu” jennee kadhachuun barbaachisaa miti. (Mat. 6:10) Ibsi. [be fuula 279; w96 6/1 fuula 31]
12. Dhugaa ykn Soba: Yesus Maatewos 11:24 irratti akkuma ibsetti namoonni Yihowaan Sodoomiifi Gomoraatti ibiddaan balleesse du’aa ni ka’u. Ibsi.
13. Filannoo: Yesus Maatewos 24:45-47 irratti Hojjetaa amanamaa fi ogeessa kan jedheen (a) Qaama Bulchiinsaa Dhuga-baatota Yihowaa; (b) tuuta obboloota dibamoo lafa irra jiranii; (c) Yesus ofii isaa. Hojjetaan kun nyaata hafuuraa yeroo barbaachisaa ta’etti dhiheessa kan jedhame, “naa’ota” jechuunis (a) dhuunfaatti obboloota dibamoof (b) hoolota kan biraatiif (c) kan barreeffama Kristiyaanaa dubbisan maraaf jechuu dha. Gooftichi hojjeticha qabeenya isaa hudumaa irratti ajajjuu godhee kan kaa’e bara (a) 1914; (b) 33 A.L.B.; (c) 1919.
14. Filannoo: Saaphanni Yesus Maatewos 13:47- 50 irratti caqase, gumii Kristiyaanota dibamoofi (a) Mootummaa Waaqayyoo (b) hiriyoota dibamtootaa kan ta’an hoolota kan biraa (c) Saba Kristiyaanaa dabalata.
15. Akka Yesus Maatewos 5:24 irratti dubbatetti, obboloota kee akka muufachiiste yoo sitti dhaga’ame maal goota? [g96 2/8 fuula 26-7]