LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/03 ful. 5
  • Yeroo Barbaachisaa Ta’etti Gargaarsa Kennuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Barbaachisaa Ta’etti Gargaarsa Kennuu
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Obboloota Karaa Hafuuraa Dadhaban Hin Dagatinaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • “Gara Kootti Deebiʼaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Dafanii Akka Deebi’an Gargaaraa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Kiristiyaana Duubatti Deebiʼe Gargaaruu ni Dandeessu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 2/03 ful. 5

Yeroo Barbaachisaa Ta’etti Gargaarsa Kennuu

1 Phexros warra amanan jajjabeessuun akka isa irra jiru itti dhaga’amuun isaa, gara isaanii dhaqee yaadachiisa jaalala irratti hundaa’ee fi yaada jajjabinaa isaanii kennuuf isa kakaaseera. (2 Phe. 1:​12, 13; 3:⁠1) Innis warra ‘amantii gati-jabeessa isuma nuyi arganne sana argataniif’, karaa hafuuraa guddachuu isaanii akka itti fufanii fi “gooftaa keenya Yesus Kristosin beekuutti warra dhimma baasan, warra ija godhatanis” akka ta’an isaan gorse. (2 Phe. 1:​1, 5-8) Kaayyoon Phexros, waamamuu fi fo’amuu isaan Yihowaa irraa argatan akka mirkaneeffatan, akkasumas ‘warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii Waaqayyoo wajjiin nagaa akka qabaatan’ isaan gargaaruu ture. (2 Phe. 1:​10, 11; 3:​14) Yaadi jajjabinaa kun, obboloota hedduudhaaf yeroo barbaachisaa ta’etti kan kenname dha.

2  Haaluma wal fakkaatuun har’as, daawwattoonni ol aanaa saba Waaqayyootiif ni yaadu. “Yeroo sodaachisaa” ta’e kanatti, tajaajiltoonni Yihowaa baay’een, haalawwan rakkisaa ta’ani wajjin wal’aansoo wal qabaniiru. (2 Xim. 3:⁠1) Obbolooti tokko tokkos, sababii rakkina dinagdee, maatii, yookiin rakkina dhuunfaa qabaniif akkuma Daawit: “wanti hamaan lakkoobsa hin qabne na marsan, hamma ani wanta biraa arguu dadhabuttis irra-daddarbaan koo anatti in dacha’an; isaan rifeensa mataa koo caalaa in baay’atu, kanaafis onneen koo in laafe” jedhetti itti dhaga’amuu danda’a. (Far. 40:12) Rakkinni kun yoo isaanitti cime, sochii karaa hafuuraa godhan akka dagatanii fi hirmaannaa tajaajila kristiyaanummaa irratti godhamu akka dhaaban isaan taasisa. Haa ta’u malee, rakkinni adda addaa yoo isaan qunnames, ‘abboommii Yihowaa garuu irraanfachuu hin qaban.’ (Far. 119:176) Jaarsoliin warra akkanaa kanaaf gargaarsa barbaachisaa ta’e kennuu kan qaban yeroo akkasii kanatti. ​​—⁠Isa. 32:​1, 2.

3 Fedhii kana guutudhaaf, warra hojii lallabaa kana irratti hirmaannaa gahaa hin goone gargaarudhaaf, carraaqqii addaa gochuuf jaarsoliin kaka’uu qabu. Kana raawwachuuf, carraaqqiin amma godhamaa jiru kun, hamma dhuma Bitootessaatti itti fufa. Daawwattoonni ol aanaa qayyabannaa kitaabaa, babal’istoota tajaajila dhaabaniif gargaarsa karaa hafuuraa gochuudhaan, sochii gumii keessatti godhan akka jalqaban gargaaruu qabu.Yoo barbaachisaa ta’e, sagantaan qayyabannaa Macaafa qulqulluu qophaa’ufii danda’a. Obboloonni kaan gargaarsa akka godhaniif ni gaafatamu ta’a. Atis kana gochuuf yoo gaafatamte, karaa salphaa ta’ee fi gaarummaadhaan yoo jajjabeessita ta’e, carraaqqiin kee bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a.

4 Namni tokko sochii gumii wajjin godhu yeroo jalqabu ni gammadna. (Luq. 15:⁠6) Nama tajaajila dhaabe gargaaruuf carraaqqiin goonu, ‘dubbii yeroo isaatti dubbatamu’ ta’uudhaan bu’aa gaarii argamsiisa.​​—⁠Fak. 25:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi