LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/07 ful. 8
  • Obboloota Karaa Hafuuraa Dadhaban Hin Dagatinaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Obboloota Karaa Hafuuraa Dadhaban Hin Dagatinaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Gara Kootti Deebiʼaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Dafanii Akka Deebi’an Gargaaraa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Kiristiyaana Duubatti Deebiʼe Gargaaruu ni Dandeessu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argaman Akkamitti Gargaaruu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 2/07 ful. 8

Obboloota Karaa Hafuuraa Dadhaban Hin Dagatinaa

1 Nama karaa hafuuraa dadhabe beektaa? Tarii gumiirratti argamuu dhaabee ykn karaa dhugaarraa fagaatee ta’uu danda’a. Nama akkasii kan argattee yeroo manaa gara manaa dhaqxu ta’uu danda’a. Namni kun karaa hafuuraa obboleessa keenya ta’ee itti fufuu akka danda’u yaadachuu qabna. Jaalala isaa qabnu argisiisuufi gara gumiitti deebi’uudhaan ‘gara tikseefi ilaaltuu lubbuu keenyaatti’ akka deebi’uu isa gargaaru barbaanna.—1 Phe. 2:25.

2 Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa: Obboleessa karaa hafuuraa dadhabe tokkoof bilbila bilbiluudhaan ykn isa daawwachuudhaan akka isa hin irraanfanne mirkaneessuufii dandeenya. Maal jechuunii dandeenya? Waa’eesaa yaadaa akka turre itti himuu qofaan isa jajjabeessuu dandeenya ta’a. Wanti dubbattan kan nama gammachiisuufi kan nama jajjabeessu haa ta’u. (Filp. 4:8) Wanta walga’ii yeroo dhihootti goonerratti nu gammachiise itti himuu dandeenya. Walga’ii gumii ykn walga’iiwwan gurguddaarratti akka argamuuf afeeruu, akkasumas iddoo akka isaaf qabnu ykn haala walga’ichaa akka mijeessinuuf itti himuu dandeenya.

3 Obboleettiin waggoota 20f karaa hafuuraa dadhabdee turte tokko naannoo tajaajilaa keessatti argamte. Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii kan hin qabne taatuyyuu, obboleettiin ishee haasofsiifte deddeebitee ishee gaafachuudhaan barruulee haaraa ba’an geessitiif turte. Walga’ii koonyaa booda, babal’istuun kun yaadawwan ijoo walga’ichaa erga itti himtee booda obboleettiin kun karaa hafuuraa jajjabaachuu jalqabde.

4 Namni Tokko Yommuu Deebi’utti: Namni karaa hafuuraa dadhabee ture gara gumiitti yeroo deebi’u maal gochuu qabna? Yesus duuka buutonnisaa yeroodhaaf isa dhiisanii ennaa deeman maal godhe? ‘Obboloota koo’ jedhee isaan waamuusaarrayyuu, akka isaanitti amanamu argisiiseera. Hojii guddaayyuu isaaniif kennee ture. (Mat. 28:10, 18, 19) Yeroo muraasa boodas, ‘utuu gargar hin kutin’ misiraachoo lallabuutti muddamanii turan.—HoE. 5:42.

5 Nama karaa hafuuraa dadhabee ture Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu ykn akka tajaajilarratti nuu wajjin hirmaatuuf isa afeeruun dura, qajeelfama jaarsolii gaafachuu qabna. Babal’isaa karaa hafuuraa dadhabe tokko naannoo tajaajilaa keessatti yoo arganne, gargaarsa barbaachisaa ta’e akka godhaniif jaarsoliitti himuu qabna.

6 Akka Macaafni Qulqulluun ifatti ibsutti, hanga dhumaatti kan fiigan qofatu fayyina argata. (Mat. 24:13) Kanaaf, namoota gufatan ykn gumii Kiristiyaanaarraa fagaatan qalbeeffadhaa. Namoota akkasiitiif garaadhaa yaaduudhaan, jaalala Yihowaan isaaniif qabu yoo itti argisiisne nuu wajjin tajaajila qulqulluurratti hirmaachuusaanii yeroo itti fufan arguudhaan gammachuu argachuu dandeenya ta’a.—Luq. 15:4-10.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Obboloota karaa hafuuraa dadhaban jajjabeessuu kan qabnu maaliifi?

2. Nama karaa hafuuraa dadhabe tokko jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

3. Obboleettiin tokko karaa hafuuraa jajjabaachuu kan jalqabde akkamitti?

4. Nama walga’iirratti argamuusaa itti fufeef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

5. Haalawwan nama karaa hafuuraa dadhabe tokko ilaalchisee jaarsolii mariisisuu qabnu ibsi?

6. Obboloota karaa hafuuraa dadhaban gargaaruudhaan gammachuu akkamii argachuu dandeenya?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi