LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/07 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 2/07 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii Guraandhala 26, 2007 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Amajjii 1 hanga Guraandhala 26, 2007⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffilee booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Yeroo haasawaa dhiheessinu faayidaa barumsichaa ibsuu kan qabnu yoomidha? Haala akkamiitiin? [be ful. 158 key. 2-4]

2. Faayidaa barumsichaa akka hubatan gargaaruun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti? [be ful. 159 key. 2-3]

3. Jechoota filachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 160]

4. Jechoota adda addaatti karaa sirrii ta’een fayyadamuuf kan nu gargaaru maalidha? [be ful. 161 key. 5-6; ful. 162 key. 1, 4]

5. Yaada ijoo sammuutti qabanne ykn waraqaarratti barreeffamerratti hundoofnee dubbachuun faayidaa maalii qaba? [be ful. 166 key. 1-3]

HAASAWAA LAK. 1

6. Kutaa dubbisaan dhihaatu qophaa’uun maalfaa dabalata? [be ful. 43 key. 2, 4]

7. Jaalala Yihowaan wanta sirrii ta’eef qabuufi jibba inni wanta gadheedhaaf qabu qabaachuuf wanti nu barbaachisu maalidha? (Ibr. 5:14) [w05 1/1 ful. 9 key. 11]

8. Wanti Macaafa Qulqulluurraa dubbisne tokko, tarkaanfiin Yihowaan fudhate sirrii ta’uusaa akka shakkinu yoo nu godhe maal yaadachuu qabna? [w05 2/1 ful. 24 key. 7]

9. Seerri Waaqayyoofi kan namootaa yeroo wal faallessutti maal gochuu qabna? [w05 4/15 ful. 12 key. 9]

10. Isaayaas, Mootummaa Masiihichaan geggeeffamurrattiifi Yohannis Cuuphaa isa karaa qajeelchurratti kan xiyyeeffate akkamitti? [si p. 123 par. 35]

DUBBISA M.Q.

11. Isaayaas 25:7⁠rratti [1899], ‘golgaafi’ ‘goolbobicha’ kan jedhame maalidha?

12. Namoonni Yihowaa kan ‘arganiifi kan dhaga’an akkamitti? (Isa. 30: 20, 21)

13. Dhugaa ykn Soba: Kadhannaan Hisqiyaas, Isaayaas 38:3⁠rratti caqasame hawwii inni yeroo dheeraa jiraachuuf qaburraa kan maddedha.

14. Israa’eloonni dhugaa baatota Yihowaa ta’uu kan danda’an akkamitti? Fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyuhoo akkamitti? (Isa. 43:10)

15. Raajii Isaayaas 52: 11, 12⁠rra jiruu wajjin haala wal simuun ‘mi’a Waaqayyoo baachuuf’ maaltu barbaachisa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi