Qophii Haaraa Manneen Kitaabaa Galma Mootummaatiif Ba’e
Waggoota hedduudhaaf gumiileen adduunyaa maratti argaman, mana kitaabaa Galma Mootummaa kanaan dura laayibrarii Mana Barumsaa Ti’okraasii jedhamu irraa, bu’aa gaarii argataniiru. Galmawwan Mootummaa hedduutti, kan afaan biyya alaatiin gaggeeffaman dabalatee, gumiilee tokkoo ol ta’antu itti fayyadama. Kanaafuu, Galma Mootummaa tokko keessa, afaan hundaaf manni kitaabaa ammayyaa, kan kitaaboleedhaan akka gaariitti guutame tokko, kan barbaachisu ta’uun isaa hubatameera. Iddoo tokkotti bakki walga’ii tokkoo ol jiraachuu danda’a. Kanaafuu, iddoo walga’iin itti godhamu sanatti, manni kitaabaa afaan walga’ichi itti gaggeeffamu sanaan jiraachuu qaba.
Qophiin kun, iddoo fi baasii hir’isa jedhamee yaadama. Kana caalaattis, mana kitaabaa gumiilee lama ykn isaa ol ta’an walitti makuun mana kitaabaa fooyya’aa argamsiisa. Manneen kitaabaa kun walitti yoo makaman, Galmi Mootummaa haaraan yeroo ijaaramu akka itti fayyadamaniif, kitaabolii dabalanii kuusuu danda’u. Galmi Mootummaa sun kompiitaraa fi laayibrarii Masaraa Eegumsaa CD-ROM jedhamu qaba taanaan, obboloota tokko tokkoof faaydaa guddaa argamsiisuu danda’a.
Tokkoon tokkoo manneen kitaabaa gumiitiif, obboleessi tokko keessumaa ammoo daawwataa ol aanaan Mana barumsaa Ti’okraasii, Mana kitaabaa sana keessatti yoo tajaajile filatamaa dha. Innis Manneen kitaabaa Sanatti yeroo yeroodhaan, kitaabolee barbaachisaa ta’an dabaluu qaba. Kitaabichis kan mana kitaabaa Galma sanaa ta’uu isaa ibsuuf, keessa qola kittaaba sanaa irratti eeggannoodhaan mallatteessa. Yoo xinnaate waggaatti al tokko kitaabni hir’ate jiraachuu isaa fi akka gaariitti qabamuu isaa ilaaluu qaba. Barreeffamni mana kitaabichaa Galma Mootummaa sanaa alatti fudhatamuu hin qabu.
Manni kitaabaa kun, Kan walga’ii irratti argaman hundaan dinqisiifannaa guddaa argata. Dinqisiifannaa qophii kanaaf qabnu, kitaabolee kana akka gaariitti qabuudhaan akkasumas “beekumsa Waaqayyoo” barachuudhaaf itti fayyadamuudhaan argisiisuu dandeenya.—Fak. 2:5.