LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/11 ful. 2
  • Galma Mootummaa Keessaniif Kabaja Qabduu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Galma Mootummaa Keessaniif Kabaja Qabduu?
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Galma Tokkootti Waliin Fayyadamuu
  • Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Kun Iddoo Waaqeffannaa Keenyaa Ti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Bakka Waaqeffannaa Keenya Akka Gaariitti Haaqabannu
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Galma Mootummaa Keenya Kunuunsuurratti Hirmaachuu
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Tajaajila Mootummaa—2011
km 2/11 ful. 2

Galma Mootummaa Keessaniif Kabaja Qabduu?

1 “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” (Far. 133:1) Walgaʼiiwwan Galma Mootummaa keenya keessatti godhaman, obboloota keenyatti jaalala argisiisuuf, waan gaarii hojjechuudhaaf, yaada walii tuttuqnee kakaasuufi wal jajjabeessuuf carraa nu bana.—Ibr. 10:24, 25.

2 Galmi Mootummaan kaayyoo barbaachisaa akkasii erga qabaatee, dhugumaan nuti kabaja akka isaaf qabnu ni argisiisnaaree? Galmi Mootummaan naannoo sanatti handhuura waaqeffannaa dhugaa taʼee tajaajila. Kanaaf, Galma Mootummaa keenyaaf bakka guddaa kennu qabna. Hundi keenya qulqullina isaa eeguufi haala gaariitiin akka qabamu gochuuf gaʼee akka qabnu nutti dhagaʼamuu qaba. Al tokko tokko gareen keenya galmicha akka qulqulleessuuf ramadamuu dandaʼa. Hamma dandeenyutti hoji qulqulleessurratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu qabna; kunis bakka walgaʼii keenya qulqulluufi kan namatti toluu akka taʼu gochuuf fedhii akka qabnu argisiisa.

3 Qulqulleessuuf ramadamnus, ramadamuu baannus hundi keenya Galma Mootummaaf xiyyeefannaa kennuu dandeenya. Akkamitti? Gara galmichaatti seenuu keenya dura wantoota salphaa, jechuunis galmicha akka hin xureessineef kophee keenya haxaaʼuudhaan kana gochuu dandeenya. Kun keessumaa yeroo bokkaan roobutti barbaachisaadha. Erga mana boolii fayyadamnee booda nama ittaanuuf, bakka harka itti dhiqatan qulqulleessuu qabna. Tajaajiltoonni barreeffamootaafi barruulee kaartoonoota duwwaa taʼan jala jalaan gatuudhaan, kabaja Galma Mootummaatiif qaban agarsiisu dandaʼu. Wanti kosii taʼe hundi guuboo kaayyoo kanaaf qophaaʼe keessatti gatamu qaba. Waraqaaniis taʼe wanti biraa lafa buʼee yoo argine akka namni biraa kaasuuf dhiisuu mannaa ofii keenyaa fuudhuu qabna. Tajaajilli Mootummaa Amajjii 1989 qulqullina gabatee beeksisaa eegu ilaalchisee yaada kennee ture. Gorsa kana hojiirra oolchuuf garuu gargaarsi warra kaanii barbaachisaadha.—km 1/89 ful. 7. (Ingiliffa)

4 Yommuu walgaʼiiwwan aanaa ykn koonyaarratti argamnus seerawwan buʼuraa kun ni hojjetu. Bakki walgaʼiin gurguddaan itti godhamu handhuura waaqeffannaa qulqulluuti. Kanaaf, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaas taʼe bakkawwan walgaʼi itti goonu kan biraan kabajaan qabamu qabu. Bakka teenye turree yommuu kaanu, yeroo hundumaa wanta naannoo sana xureessu akka hin dhiisnee mirkaneessu qabna. Namoonni qulqulleessuuf ramadaman akka kaasan dhiisuu mannaa ofii keenyaan kaasuudhaan isaan gargaaruuf fedha akka qabnu argisiisuu qabna.

Galma Tokkootti Waliin Fayyadamuu

5 Galma Mootummaa tokko ijaaruun baasii guddaa waan gaafatuuf, Galma Mootummaa hedduutti gumiiwwan tokko oltu itti fayyadama. Gumiiwwan hundi, Galmi Mootummaa sun kan Yihowaa akka taʼeefi waaqeffannaa isaatiif kan fayyadu taʼuusaa beekuudhaan kabajaan qabu isaan barbaachisa. Kanaaf, Galma Mootummaatiif kabaja qabaachuun Yihowaadhaaf jaalala qabaachuu qofa utuu hin taʼin, obboloota keenya gumiiwwan biraa keessa jiraniifi galma sana fayyadamaniifis jaalala qabaachuu dabalata.

6 Walumaa galatti, Galmi Mootummaa kan qulqulleeffamu torbaniitti siʼa tokkodha. Gumiin tokko ol galmichatti kan fayyadaman taanaan, gumiin itti aanuu galmichatti fayyadamuu akka dandaʼuuf walgaʼii hunda booda qulqulleessuun barbaachisaadha. Guyyaa Dilbataa gumiiwwan yeroo gabaabaa keessatti walitti aananii galmichatti kan fayyadaman yoo taʼes galmichi qulqulleeffamu qaba. Hamma saʼaatiin gumii itti aanuu heyyameetti qulqulleessuun gaarii taʼuu dandaʼa. Guyyaa tokko keessatti gumiiwwan hedduun galma mootummaa tokkotti kan fayyadaman yoo taʼeefi kan hin qulqulleeffamne taanaan galmichi baayʼee xuraaʼuu dandaʼa.

7 Dhimmawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateen, ‘yaada tokkoon akeekkannee, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akkuma qophoofne’ Galma Mootummaa keenyaaf kabaja qabaachuudhaanis tokkummaa akka qabnu haa argisiisnu.—1 Qor. 1:10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi