Xalayaa Qaama Bulchiinsaa Irraa Ergame
Obboloota Jaallatamoof:
XALAYAA kana isiniif barreessuu keenyaan gammachuu guddaa akkamiitu nutti dhaga’ama! Aarsaa gootanii of dhiheessuu fi jaalala hanga ammaatti agarsiisaa jirtaniif isin galateeffanna. Waggaa tajaajilaa darbe hojii gaariin akkamii akka raawwatame, fuulawwan Kitaaba Waggaa kanaa irraa ilaaluu dandeessu. Waggaa tajaajilaa darbetti sa’aatii biliyoonaa ol ta’uuf, namoonni Yihowaatti akka dhihaatan wangeela lallabuufi barsiisuudhaan yaadni jajjabinaa kallattiidhaan kennameeraaf. Waaqa keenyaafi Abbaa keenya isa hundaa olii wajjin hojjechuun keenya mirga addaa mitii?—1 Qor. 3:9.
Hojii kanaan dura hojjetame akka ilaallutti, fuul-durattis hinaaffaafi amantiidhaan, tajaajiltoota Waaqayyoo warra Macaafa qulqulluu keessatti ibsaman fakkaachuu keessan akka itti fuftan abdii qabna. Fakkeenyaaf Phaawulos, hanga isaaf danda’ametti karaa bu’a-qabeessa ta’een fedhii Mootummaa kanaa babal’isuuf hawwa ture. Haalawwan jiran irraa hubachuun akka danda’amutti, Phaawulos xalayaa jalqabaa gumii Qorontosiif kanbarreesse, waggaa dhumaa turtii isaa isa Efesoonitti ture. Karoora qabu ilaalchisee: “Hamma guyyaa phenxeqosteetti garuu mandara Efesoon keessa nan tura. Warri ittiin morman baay’een yoo jiraatan iyyuu, hojii guddaadhaafi hojii waa’ee baasu hojjechuudhaaf karaan anaaf banameera” jechuudhaan barreesseera.—1 Qor. 16:8, 9.
Phaawulos gara Maqedooniyaafi Qorontos dhaquuf karoora baasee ture. Haata’u malee, yeroodhaaf Efesoon turuu isaatiin hojii bu’a-qabeessa ta’e raawwachuuf haalli mijaa’aan jiraachuu isaa hubate. Phaawulos hojii Mootummichaa babal’isuuf akkuma barbaachisaa ta’etti haala isaa gegeeddara ture. Balbala guddaa hojii isaaf baname kanatti seenuudhaaf haala mijaa’aa kanatti fayyadamuuf hawwa ture.
Kun ammoo, misraachoo lallabuufi Efesoonitti gumii gurmeessuu gaafata ture. Boodas Phaawulos jaarsolii gumii magaalaa sanaatiif, “Kamiin illee taanaan waan waa’ee isiniif baasu hundumaa, Waldaatti, mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne. Yaada garaa geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi’an gooftaa keenya Yesusittis akka amanan Yihudootaa fi Griikotatti dhugaa ba’eera” jedhe.—HoE. 20:20, 21.
Haaluma wal fakkaatuun, isin obboloonni jaallatamoonis, baay’een keessan carraa isiniif banameen fayyadamtaniittu. Waggaa tajaajilaa darbeetti, giddu galeessaan obboloonni 798,938 ta’an haala isaanii mijeessuudhaan, hojii qajeelchummaa irratti hirmaataniiru. Isin keessaa tokko tokkos, misiyoonota taatanii tajaajiluuf hamma andaara lafaatti deemtaniittu; Akkasumas wangeela babal’isuufi gumiilee gurmeessuuf hinaaffaadhaan hojjechaa jirtu. Isin keessaa warri tokko tokko immoo namoota naannoo keessanitti argaman kan afaan biyya alaa dubbatan gargaaruudhaaf afaan isaanii barattaniittu. Warri kaan immoo, iddoo namni hin ramadamnetti ykn caalaatti barbaachisaa ta’etti tajaajiluudhaaf haala isaanii mijeessaniiru. Warra kaaniif ammoo balballi tajaajilaa guddaan mana barumsaatti, bakka hojiitti, ykn haala garabiraatiin fakkeenyaaf kan akka bilbilaan tajaajiluu karaa bu’a-qabeessa ta’een dhugaa ba’uuf mijaa’aa ta’ee argataniiru. Muuxannoowwan addunyaa mara irraa argaman akka mirkaneessanitti, sabni Waaqayyoo dargaggoo fi kan dullooman hundi, beekumsa dhugaa kana namoota iddoo hundatti argamaniif ga’uudhaaf haala mijaa’aa ta’e barbaadu.
Yihowaan tattaaffii keessan akka ilaaluufi akka dinqisiifatu mirkanaa’oo ta’aa. Macaafni qulqulluun, “Waaqayyo hojii keessaniifi isa jaallachuu keessan isa isin warra isaaf qulqullaa’an gargaartanii, ammas gargaaruutti jiraachuu keessaniin argisiiftan hin irraanfatu, hin jal’isus” jedha. (Ibr. 6:10) Waaqeffannaa dhugaa kana babal’isuuf haalawwan mijaa’aa ta’anitti fayyadamuudhaaf kan dammaqxan ta’aa! Isin keessaas tokko tokko tajaajila keessan bal’isuu dandeessu ta’a. hundi keenya tajaajila keenya caalaatti bu’a-qabeessa gochuuf carraaquu dandeenya.
Mormii tokko malee hojii lallabaa keenya kana raawwachuu hin dandeenyu. Phaawulos balballi hojii guddaan akka banameef erga ibsee booda, “warri ittiin morman baay’een” akka jiran barreessuu isaa yaadadhu. Mormitoonni Phaawulos Yihudootaaf kan Yihuudii hin ta’in yeroo ta’an, isaan keessaas tokko tokko kallattiitti, kaan ammoo harka lafa jalaatiin kan isaan morman ta’uu isaanii ibseera.—HoE. 19:24-28; 20:18, 19.
Har’as haaluma wal fakkaatutu nu mudata. Badiin sirna hamaa kanaa yeroo dhihaachaa dhufutti mormiin akka dabalaa dhufu ni eegna. Seexanni ‘aarii guddaadhaan guutameera’, aarii isaa kanas irra caalaatti kan inni mul’isu tajaajiltoota Yihowaa irratti. (Mul. 12:12) Seexanni ‘serrataa biyya lafaa’ ta’uu isaa gonkumaa hin dagatinaa. Yesus bartoota isaatiin, “kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo’ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta’iniif, biyyi lafaa isin in jibba” jedheen.—Yoh. 14:30; 15:19.
Eenyu iyyuu amantii Waaqayyoo irratti qabnu akka laaffisu, ykn hojii lallabaa keenya akka gara duubaatti harkisuu hin heyyamnu. Warri nuun moorman miidhaa nurraan gahuu isaanii akka itti fufan beekna. Haata’u malee, yeroo Yihowaan murteessetti Yesus Seexanaafi duuka buutota isaa hunda akka balleessu waan beeknuuf, mormiin jiraatu iyyuu, hojii lallabaa misraachoo Mootummaa kanaa labsuu keenya itti fufna. Mormitoonni Phaawulosiinis ta’e, tajaajiltoota Yihowaa yeroo ammaa jiran afaan qabsiisuu hin dandeenye. Dheekkamsi Seexanaafi jibbi biyya lafaa nurra ga’us, hafuurri Yihowaa saba isaa gidduutti humnaan hojjechaa jira. Lakkoofsi babal’istootaa haaraan 6,304,645 ga’uu isaa beekuun keenya hammam nu gammachiisaa!
Fedhii Mootummaa Yihowaa adda ta’e kana dursuu akka dandeessan haala mijaa’aa argachuuf carraaqqii gootan akka itti fuftan kadhaa keenya. Jaalala isiniif qabaachuu keenyaafi Yihowaa Waaqa keenya isa guddaa tajaajiluudhaan isinii wajjin “harka wal qabannee” kan hojjennu ta’uu keenya mirkanaa’oo ta’aa!—Sef. 3:9.
Obboloota keessan,
Qaama Bulchiinsaa Dhuga-baatota Yihowaa