Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman. Bitootessa: Qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuuf yaaludhaan kitaaba Beekumsaa raabsaa. Eblaafi Caamsaa: Qeentee Masaraa Eegumsaafi barruulee Dammaqaa! raabsaa. Warri manaa yoo barbaadan hojii addunyaa maraa kanaaf buusii qarshii gochuu akka danda’an babal’istoonni itti himuu qabu. Namoota fedhii agarsiisan deebitanii yeroo gaafattan kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamu kennaafi. Carraaqqiin keessan namoota, keessumaa ammoo warra kanaan dura Kitaaba Beekumsaafi brooshura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu qayyabatanii turan qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuu ta’uu qaba. Waxabajjii: Kitaaba Beekumsaafi brooshuura Waaqni nurraa maal barbaadaa? jedhamu raabsaa. Warri manaa sun barreeffamoota kana yoo qabaatan, brooshura gumii keessatti argaman keessaa kan biraatti fayyadami.
◼ Babal’istoonni ji’a Eblaatti qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu barbaadan, karoora baasuufi foormii qajeelchaa gargaaraa garanumaa dursanii guutuu isaan barbaachisa. Kunis jaarsoliin bobbaa tajaajilaa barbaachisaa ta’eefi barreeffamawwan gahaa qopheessuuf isaan gargaara. Maqaan babal’istoota qajeelchaa gargaaraa ta’uuf isaanii heyyamame hundaa, ji’a ji’aan gumiidhaaf beeksisamuu qaba.
◼ Barruuleen Dammaqaa! ji’a sadi sadiin Tigriffaan qophaa’u dhaabateera.