Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Bitootessa 10 Jalqabu
Faarfannaa 35 (79)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada fuula 8 irra jirutti dhimma ba’uudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1 fi Dammaqaan! Guraandhala 2003 yeroo raabsamu kan agarsiisu hojiin agarsiisni haa dhihaatu. Hojiin agarsiisa lamaan irratti iyyuu kan beeksisnu baruulee tokko ta’us, Baruuleen lamaanuu ergaan takkaa kennamuu.
Daq 15: Kitaaba Waggaa Irraa Faayidaa Argachuu. Haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaada ijoo “Xalayaa Qaama Bulchiinsaa Irraa Ergame” jedhu fuula 3-5 irratti mari’adhaa. (Xalayaan kun Tajaajila Mootummaa kan ji’a kanaa fuula 7 irrattis ni argama.) Obbolootni murtaa’an muuxannoo akkasumas gabaasa nama jajjabeessufi amantii namaa cimsu Kitaaba Waggaa isa darbee irraa argatan akka dubbatan duraan dursiitii qopheessi. Yaada ijoo gabaasa addunyaa mara irraa argame ibsi. (Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2003 ilaali.) Maatiiwwan Waggaa keessatti kitaabicha guutummaatti dubbisanii akka fixan jajjabeessi. Kitaaba kanaan dhimma ba’anii namoota haaraa gara jaarmiyaa Yihowaattiifi gara gumiitti akkamitti akka fiduu danda’an yaada dhiheessi.
Daq. 20: “Wanta Gaarii Gochuudhaaf Warra Hinaaftan Ta’aa!”a (Keeyyata 1-10) Keeyyata 6 irratti eega mari’attanii booda, babal’isaan tokko waraqaa afeerriitti fayyadamee fira isaa, ollaa isaa, kan wajjin baratu ykn kan wajjin hojjetu gara ayyaana yaadannoo kanaatti yeroo afeeru kan agarsiisu hojiin agarsiisni gabaabaan haa dhihaatu. Waraqaan afeerrii hanga ammaatti obbolootaaf hin kennamne taanaan walga’ii booda kennamuu qaba.
Faarfannaa 7 (19) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 17 Jalqabu
Faarfannaa 14 (34)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa.
Daq. 15: Yeroo Hiriyaa Filattan Ogeeyyii Ta’aa. Barruulee Dammaqaa! Guraandhala 22, 1997 (Ingiliffa) fuula 13 fi kitaaba Caaffata qulqulluu irraa ragaa dhiheessanii xiinxalsiisuu jedhamu fuula 189 irraa mata-duree “Hiriyummaa Gadhee” jedhu irratti hundaa’ee kan jaarsi haasawaan dhiheessu. Bu’uurri naamusaa kun dargaggootaafis ta’ee ga’eessotaaf akkamitti akka hojjechuu danda’u ibsi. Hiriyoota Yihowaa jaalatan filachuufi sadarkaa ejjennoo inni baasee wajjin jiraachuuf kan carraaqan hiriyoomfachuun bu’aa inni qabu ibsi.
Daq. 20: “Wanta Gaarii Gochuudhaaf Warra Hinaaftan Ta’aa!”
Faarfannaa 25 (53) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 24 Jalqabu
Faarfannaa 33 (72)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada seensaa fuula 8 irratti kennameen fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Guraandhala 15 fi barruuleen Dammaqaa! Guraandhala 22 (Ingiliffa) akkamitti akka raabsamu kan agarsiisu hojiin agarsiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Barruulee Dammaqaa! Ebla 8, 1993 (Ingliffa) ykn (Onkololeessa 1993 fuula 12-15) mata-duree “Namoonni Miiliyoonaan Lakkaa’aman Dhiphina Keessa Jiru-Gargaarsa Argachuu Danda’uu Laata?” jedhu irraatti mari’adhaa.
Daq. 20: Dhugaa Baatota Yihowaa—Hawaasa Keessatti Bu’aa Gaarii Argamsiisan. Haasawaafi marii dhaggeeffattoota wajjin godhamuun kan dhihaatu. Adeemsa yerootiin tajaajilli keenyaafi haalli jireenyaa keenya hawaasaaf bu’aa fiduu akka danda’u agarsiisuuf carraa qabna. Dhaggeeffattoonni gaaffiiwwan kanaa gaditti argaman irratti yaada akka kennan afeeri: (1) Sadarkaa ejjennoo Macaafa qulqulluu irratti baheen wal ta’anii akka jiraatan namoota ni barsiisna. (2) Warra aangoo irra jiraniif amanamoo akka ta’aniifi kabaja akka kennaniif namoota ni barsiisna. (3) Sanyiiwwan, lammiiwwaniifi garee hawaasaa adda addaa gidduu walta’iinsi akka jiraatu ni barsiifna. (4) Warri kaan seera Macaafa qulqulluu hojii irra akka oolchan jajjabeessuudhaan jireenya maatii isaanii akka fooyyessan ni gargaarra. (5) Namoota kumaatamaan lakkaa’aman dubbisuufi barreessuu isaan barsiisneerra. (6) Yeroo balaan uumamu warra kaan gargaaruuf carraaqqii ni goona. (7) Mirga amantii nama hundaaf gammachuufi tasgabbii fidu argamsiisuuf qooda guddaa fudhanneerra.— Kitaaba Labsi-himtoota Mootummichaa Kan Ta’an, Dhuga-baatota Yihowaa (Ingliffa), fuula 699 ilaali.
Faarfannaa 91 (207) fi kadhannaa xumuraa
Torban Bitootessa 31 Jalqabu
Faarfannaa 53 (130)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Hundi isaanii gabaasa tajaajilaa ji’a Bitootessaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffamawwan ji’a Eblaatti raabsaman warra kam akka ta’an ibsi; yeroo duula tajaajila addaatti naannoon itti tajaajiluu qabnu kam akka ta’e ibsi. namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaafi brooshura Waaqni Nurraa Maal Barbaada? jedhamu qayyabatanii turaniif kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa jedhu irra deebi’ii qayyabsiisi. Yaada ijoo “Hubachiisa Ayyaana Yaadannoo” irratti mari’adhaa.
Daq. 13: Muuxannoowwan gumii keessaa argaman. Sochii guddaa ji’a Bitootessaatti godhameen muuxannoo gammachiisaa argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri. Carraaqqii isaan godhaniif galateeffadhu; akkasumas hundi isaanii haala isaanii sirreessanii ji’a Eblaatti tajaajila irratti hirmaannaa guutuu akka godhan jajjabeessi.
Daq. 20: “Yihowaan Guddisee Kan Jejamuu Dha.”
Faarfannaa 88 (200) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 7 Jalqabu
Faarfannaa 85 (191)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Akka Itti Caaffata Qulqulluu Irraa Ragaa Dhiheessuun Danda’amu. Marii dhaggeeffattoota wajjin godhamuun kan dhihaatu. Namoota tajaajila irratti argannuuf ragaa quubsaa ta’e dhiheessuudhaan dandeettii keenya guddisuu kan dandeenyu akkamitti? (1) Qayyabannaa dhuunfaa wal irraa hin cinne gochuuniifi walga’ii irratti argamuudhaan beekumsa caaffata qulqulluu argadhu. (2) Dhugaa Macaafa qulqulluu karaa adda addaa ilaaluudhaan Waan baratte irratti xiinxali. (3) Ibsa caqasawwanii qofa utuu hin ta’in, sababa Caaffatni qulqulluun caqasawwan sanaaf kennes hubadhu. (4) Namoota garaa garaatiif karaa itti caqasawwan ibsitu irratti yaadi. (5) Yaada tokko tokko akkamitti fakkeenyaan akka ibsitu xiinxali.
Daq. 20: “Dhugaan Birmaduu Kan Nu Baasu Akkamitti?”
Faarfannaa 97 (217) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
a Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen eega fayyadamtee booda gaaffiifi deebiin dhiheessi.
Faayidaa Ayyaana Yaadannoo kanaa ibsi. Hundi isaanii warri kaan ayyaana yaadannoo kana irratti akka argaman akkamitti gargaaruu akka danda’an hubachiisi. Babal’istoota karaa hafuuraa dadhaban arganii haasofsiisuudhaan hinaaffaa isaanii kakaasuuf maal gochuun akka danda’amu ibsi. Muuxannoo nama jajjabeessu tibba ayyaana yaadannoo waggaa darbe argatan akka dubbatan dhaggeeffatoota afeeri.
(Keeyyata 11-24) Sassaabaa ilaaltuu ol aanaatiin kan dhihaatu. Keeyyata 12ffaa irratti yeroo mari’attan, jaarsi gumii tokko obboleessa dadhabbii humnaa qabu tokko jajjabeessuuf, yeroo isa gaafatuufi sochii addaa gumiin godhu irratti hirmaannaa tibba yaadannoo kanatti tajaajila isaa akka guddisu gaarummaadhaan yeroo itti himu kan agarsiisu hojiin agarsiisni haa dhihaatu.
Faayidaa Ayyaana Yaadannoo kanaa ibsi. Hundi isaanii warri kaan ayyaana yaadannoo kana irratti akka argaman akkamitti gargaaruu akka danda’an hubachiisi. Babal’istoota karaa hafuuraa dadhaban arganii haasofsiisuudhaan hinaaffaa isaanii kakaasuuf maal gochuun akka danda’amu ibsi. Muuxannoo nama jajjabeessu tibba ayyaana yaadannoo waggaa darbe argatan akka dubbatan dhaggeeffatoota afeeri.
Yaada saanduqa Masaraa Eegumsaa Onkololeessa 1, 1998 fuula 6 irratti argamu dabalii dhiheessi. Dhugaan sagalee Waaqayyoo akkamitti birmaduu akka isaan baase akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.