LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/03 ful. 4
  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 4/03 ful. 4

Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 28, 2003 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Bitootessa 3 hanga Ebla 28, 2003 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Saffisaan akka hin dubbanne wantoonni gufuu namatti ta’an maal fa’i? [be fuula 93]

2. Dhugaa ykn Soba: Dubbii gidduutti boqochuun yaadni namootaa akka hiramu waan taasisuufii marii godhamu dhaabsisuuf carraa waan banuuf barbaachisaa miti. Ibsi.

3. Iddoo barbaachisaatti Jechoota ijoo ta’an jabeessuun kan haasawaa dhiheessuufis ta’e kan sabaaf dubbisuuf faayidaa maalii argamsiisaa? (Nah. 8:8) [be fuula 101]

4. Namni tokko dandeettii jechoota furtuu ta’an iddoo barbaachisaa ta’anitti jabeessee dubbachuu guddisuu kan danda’u akkamitti? [be fuula 102-3]

5. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ykn walga’ii gumii irratti yeroo sagalee ol kaasanii barreeffamawwan irraa dubbisan, yaadawwan ijoo xiyyeeffannaan kennamuufii qabu maal fa’ii? [be fuula 105]

HAASAWAA LAK. 1

6. Warri ijoolleen isaanii walga’ii Kristiyaanaa irratti ‘akka dhaga’aniifi akka baratan,’ leenjisuuf maal gochuu danda’u? (Kes. 31:12) [be fuula 16]

7. Jannatni hafuuraa maal inni? [w01 3/1 fuula 8-10]

8. Fakkeenyi 8:1-3 namni kam iyyuu ogummaa waaqayyoo argachuu akka danda’u kan agarsiisu akkamitti? Qolosaayis 2:3 akka ibsutti ogummaan kun eessaa argamuu danda’a? [w01 3/15 fuula 25, 28]

9. Maqaa Waaqayyoo namoota beeksisuu kan dandeenyu akkamitti? (Yoh. 17:6) [be fuula 273-5]

10. “Wangeela Mootummaa” kana ilaalchisee wanti namoonni gadi fageenyaan beekuu qaban maal inni? (Mat. 24:14) [be fuula 279-80]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII

11. (a) Maarqos 13:14 irratti kan caqasame “inni jibbisiisaan” jaarraa duraatti maal agarsiisa ture? (b) Iddoo ‘isaaf hin malle dhaabachuun isaa’ maal kan agarsiisu ture?

12. Yesus dhaaltuu teessoo Daawiit mootichaa ta’uu isaa wangeelli Luqaas kan ibsu akkamiti? (Luq. 3:23-38) [w92 10/1 fuula 10 keeyyata 3]

13. Hiikkaan jecha Yesus Luqaas 12:2 irratti dubbatee maal inni?

14. Waa’ee meetii badee ilaalchisee fakkeenya Yesus kenne irratti, meetiin argamuu isaatiin ergamoonni Waaqayyoo kan gammaddan ta’uun isaa kan nama dinqisiisu maaliifii? (Luq. 15:10) Fakkeenya isaanii kana irraa hoo faayidaa akkamii argannaa?

15. Kakuun Mootummaa Luqaas 22:29 [NW] irratti ibsaman lamaan kam fa’i?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi