LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/03 ful. 5
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 4/03 ful. 5

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan ji’a Eblaafi Caamsaatti raabsaman: Qeenxee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Namoota fedhii argisiisan yeroo deddeebitanii gaafattan kan ayyaana yaadannoo irratti ykn walga’ii tiookraasii gara biraa irratti argaman, garuu dammaqinaan kan gumii wajjin hin hirmaanne kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa jedhamu gumaachaa. Keessumaa ammoo namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaafii brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhaman qayyabatanii turan qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqiin danda’amu hundi godhamuu qaba. Waxabajjii: Kitaaba Beekumsaa ykn Brooshura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu gumaachaa. Namoonni haasofsiisne barreeffamawan kana qabu taanaan brooshura gara biraa gumichi qabutti gargaaramaa. Adoolessaafi Haggayya: Brooshura fuula 32 qaban gaditti ibsaman keessaa kamiin iyyuu fayyadamuu dandeessu: Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu!, Sillaaseetti Amanuu Qabdaa?, Maqaa Waaqayyoo Isa Bara Baraaf Jiraatu, Mootummaan Waaqayyoo Jannata Fiddi, Yeroo Duunu Maal Taanaa?, Kaayyoon Jireenyaa Maal Innii?— Akkamiin Argachuu Dandeessaa? fi Namni Jaallattan Yeroo Du’u jedhaman gumaachuu dandeessu.

◼ Qayyabattoonni Macaafa qulqulluu walga’ii irratti yeroo hunda argaman, brooshura seena-qabeessa ta’e Dhuga-baatota Yihowaa Itoophiyaatti Hawwitoota Birmaduu jedhamu yoo dubbisan ni jajjabaatu. Gumiin keessan brooshura kana hin qabu taanaan, ajaja barreeffamaa itti aanu irratti ajajuu dandeessu.

◼ Walga’ii koonyaa 2003⁠tti godhamuuf kaardiin qoma irratti maxxanfamu yeroo dhihootti isiniif ergama. Kaardiiwwan kun baa’ina babal’istoota gumii keessaniin waan isiniif ergamuuf ajajuun hin barbaachisu. Gumiiwwan kaardiin kun dabalataan yoo isaan barbaachise Foormii Ajaja Barreeffamaa (S-14-AM) jedhamuun ajajuu danda’u. Plaastikii kaardiin ittiin qabamu kan barbaadan yoo jiraatan ajajuu qabu.

◼ Dameen biiroo teessoofi lakkoofsa bilbilaa ilaaltuu ol aannaafi barreessitooni yeroo ammaa qaban qabaachuun isaanii barbaachisaadha. Jijjiiramni Teessoo yoo jiraate, Koreen Tajaajilaa Gumii teessoo haaraa Ilaaltota Ol Aanaafi Barreessitootaa, foormii (S-29) jedhamu irratti guutanii mallatteessuudhaan hatattamaan damee biirootti erguu qabu.

◼ Barreessitoonni gumii foormii Iyyata Tajaajila Qajeelchaa (S-205-AM) fi Qajeelchaa Gargaaraa (S-205b-AM) jedhamu gahaan jiraachuu isaa mirkaneessuu qabu. Foormiiwwan kana Foormii Ajaja Barreeffamaa (S-14) jedhamuun ajajuu danda’u. Yoo xinnaate foormiiwwan waggaa tokkoof gahu qabaachuun barbaachisaadha. Foormiiwwn iyyata qajeelchaa hundaa sirriitti guutamuu isaanii irra deebi’aa ilaalaa. Iyyattoonni guyyaa itti cuuphaman hin yaadatan taanaan tilmaamaan galmeessanii qabachuu qabu.

◼ Yeroo kamitti iyyuu biyya gara biraa dhaquu yeroo yaaddan walga’iiwwn gumii, aanaa, ykn koonyaa irratti argamuuf karoora yoo qabaattan guyyaa, sa’atiifi bakka walga’iin itti gaggeeffamu beekuuf gaaffiiwwan qabdan kan dhiheessuu dandeessan waajjira damee biyya deemtan sana keessatti hojicha ol aantummaadhaan hordofuf ta’uu qaba. Teessoowwan damee biroo fuula dhumaa Kitaaba Waggaa irratti ni argamu.

◼ Foormiiwwan armaan gadiitti ibsaman babal’istoonni yeroo barbaadan argachuu akka danda’anitti Barreessitoonni gumii Galma Mootummaa keessa akka kaa’an ni yaadachiisna. Foormii Gabaasa Tajaajilaa (S-4), Foormii Gabaasa Qayyabannaa Macaafa qulqulluu (S-3) fi Foormii Tajaajila Manaa gara Manaa ittiin Galmeessan (S-8). Foormiiwwn kun bakka saanduqni gabaasa tajaajilaa itti kuufamu bira kaa’amuun isaa gaariidha. Sababa adda addaatiin babal’istoonni gabaasa tajaajilaa isaanii Ilaaltuu Ol Aanaa Qayyabannaa Kitaabaa isaaniitiif kennuu danda’u. Akkuma kanaan dura ibsmetti foormiiwwan kun kaayyoo qophaa’aniif qofa ooluu qabu malee akka waraqaa yaadannootti itti fayyadamuu hin qabnu.

◼ Tuutni qayyabannaa kitaabaa keessan hanga ammaatti saanduqa buusii hinqabu yoo ta’e saanduqni kaayyoo kanaaf oolu qopheessitanii cuftuu itti gochuudhaan fuullee akka keessan isin jajjabeessina.

◼ Gumiileen Tajaajila Mootummaa affaan oromootiin qophaa’e barbaadan foormii M-202 jedhamuun fayyadamanii akka gaafatan ni afeeramu. Tokkoon tokkoo babal’isaafii qayyabannaan Macaafa qulqulluu guddina argisiisaa jiruufi yeroo hunda Walga’ii Tajaajilaa irratti argamu afaan filateen Tajaajila Mootummaa gaafachuu danda’a. Namni tokko afaan filate tokkoon ala Tajaajila Mootummaa tokkoo ol ajajuu hin danda’u.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi