LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/03 ful. 1
  • ‘Kan Fudhachuu Danda’u Haa Fudhatu’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Kan Fudhachuu Danda’u Haa Fudhatu’
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qeentee Taʼuu Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Qeentee Ta’uudhaan Gammaduu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Gorsa Qeentee Taʼuufi Gaaʼela Godhachuu Ilaalchisee Kenname
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 4/03 ful. 1

‘Kan Fudhachuu Danda’u Haa Fudhatu’

1 Yeroo tokko Yesus bartoota isaa wajjin waa’ee fuudhaaf heerumaa yeroo dubbatu qeenxummaan ‘kennaa’ ta’uu isaa ibsee ture. Itti aansees “namni kana mataatti fudhachuu danda’u haa fudhatu” jedhe. (Mat. 19:10-12) Waggoota muraasa booda Phaawulos, faayidaa qeenxummaan qabu barreessudhaan, warri kaanis fakkeenya isaa duukaa akka bu’uudhaan qeenxummaatti akka jiraatan jajjabeesseera. (1 Qor. 7:7, 38) Yeroo ammaa namoonni baay’een qeenxummaadhaan kan jiraatan yeroo ta’u faayidaa isa irraa argamuunis gammadaa jiru. Faayidaawwan kun maal fa’ii?

2 ‘Yaadni Utuu Hin Harkifamiin’ Tajaajiluu: Phaawulos qeenxee ta’uun isaa ‘yaadni isaa utuu hin harkifamin’ Yihowaa tajaajiluu akka isa dandeessisu hubatee ture. Har’as haaluma wal fakkaatuun obboleessi qeenxee ta’e tokko, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galee leenjifamuu, qajeelchaa ta’uu, qooqa garabiraa barachuu, bakka namni dabalataa barbaachisutti deemee tajaajiluu, Beetel galee tajaajiluu, ykn carraa tajaajilaa adda ta’e tokkoof of qopheessuu danda’a. Kana malees qayyabannaa dhuunfaa gadi fageenya qabu gochuufi irratti xiinxaluuf, kadhannaa onnee irraa maddeen Yihowaatti dhihaachuuf yeroo gahaafi haala mijaa’aa argachuu danda’a. Namni qeenxee ta’e tokko, of dhiheessee warra kaan gargaaruuf yeroo ni qabaata. Yeroo har’aattis obboloonni baay’een jireenya qeenxumma ‘kan fudhatan’ yeroo ta’u kana irraas dhuunfaatti bu’aa argataniiru..—1 Qor. 7:32-35; HoE. 20:35.

3 Utuu yaadni hin harkifamiin Yihowaa tajaajiluun eebba guddaa namaaf argamsiisa. Obboleettiin qeenxee taatee tokko waggaa 27 keeniyaa keessatti erga tajaajiltee booda akkas jettee barreessite: “Hriyoota hedduufi hojii baay’een qaban ture! Wanta baay’ee wajjin hojjenna, akkasumas wal daawwanna turre. . . . Walabummaa qeenxee ta’uun argamsiisuun akkan barbaadetti iddoon barbaade dhaquufi, tajaajilaan qabamuu danda’eera. Kunis gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Waggoota dheeraadhaaf Yihowaa wajjin Walitti dhufeenyi ani qabus baay’ee cimaa ture.”

4 Kennaa Qeenxummaatti Sirriitti Itti Fayyadamaa: Akkuma Yesus jedhe namni tokko qeenxummaadhaan jiraachuuf kan kaka’u ‘Mootummaa Waaqayyootiif jedhee’ ta’uu qaba. (Mat. 19:12) Akkuma kennaa kaaniitti, qeenxee ta’uuttis gammachuufi faayidaa argachuun yoo barbaadame, sirriitti itti fayyadamuun barbaachisaa dha. Carraa qeenxummaan argamsiisutti fayyadamuudhaan, akkasumas ogummaafi jajjabina Yihowaan kennu irratti amanamuudhaan namoonni qeenxee ta’an baay’een bu’aa keennaan qeenxummaa argamsiisu hubataniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi