Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Ebla 14 Jalqabu
Faarfannaa 81 (181)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa irraa filataman. Yaada fuula 6 irratti argamaniin fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1 fi Dammaqaan! Bitootessa 2003 yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Hojiin argisiisa lamaan irratti iyyuu kan beeksifamu barruu tokko qofa ta’us, kan kennamu garuu lamaan isaati.
Daq. 10: “Sagantaa Haaraa Guyyaa Walga’ii Addaa” irratti mari’adhaa. Guyyaa walga’iin addaa itti godhamu beeksisi. Walga’icha irratti dursanii akka argamaniifi guutummaa sagantichaa xiyyeeffannaan akka hordofan jajjabeessi. Qayyabattoota Macaafa qulqulluufi namoota fedhii qaban akka afeeran babal’istoota yaadachiisi.
Daq. 10: “Tajaajilaaf Ilaalcha Sirrii Ta’e Qabaadhaa” Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2001 fuula 9 fi 10, keeyyata 9-12 yaada jiru irratti hundaa’ee haasawaan kan dhihaatu.
Daq. 15: “Akka Ibsaa In Ibsitu.”
Faarfannaa 73 (166) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 21 Jalqabu
Faarfannaa 65 (152)
Daq. 8: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Hundi isaanii warra fedhii qaban afeeranii namoonni baay’een akka argaman gochuudhaan haasawaa sabaa addaa kana kan “adda” ta’e akka taasisan jajjabeessi.
Daq. 15: Akka Gumiif Barbaachisutti itti Fayyadamaa.
Daq. 22: ‘Kan Fudhachuu Danda’u Haa Fudhatu.’ Fedhii Mootumichaa dursuuf obboloota qeenxummaa isaaniitti fayyadamaa jiran keessaa tokko ykn lamaaf gaaffiifi deebii godhiif. Tajaajila isaaniitti gammachuu akka argatan kan isaan gargaare maal akka ta’e gaafadhu. Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2000 fuula 20-23 mata-duree “Ijoollee Kan Hin Godhanne Maaliifi?” jedhu irraa daqiiqaa 7f yaada wal fakkaatu dabalii dhiheessi. Fedhii Mootummichaatiif jecha qeenxummaadhaan yeroo guutuu obboloonni tajaajilan akka fuudhaniifi heruman ykn akka ijoollee godhatan watwaatuun fedhii Mootummichaa wajjin kan wal faallessu ta’uu isaa ibsi.
Faarfannaa 15 (35) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 28 Jalqabu
Faarfannaa 16 (37)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Hundi isaanii gabaasa tajaajilaa ji’a Eblaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada fuula 6 irratti argamuun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15 fi Dammaqaan! Bitootessa 8 (Ingiliffa) yeroo raabsamu kan agarsiisuu hojiin agarsiisin lama haa dhihaatu.
Daq. 15: “Yihowaan Carraaqqii Garaa Keenya Guutuudhaan Goonu Ni Eebbisa.” Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2002 fuula 29-31 irratti kan hundaa’e yeroo ta’u, fuula 30 keeyyata 3 fi 4 akkasumas, fuula 31 keeyyata 3 fi 4 irratti xiyyeeffannaa addaa gochuudhaan kan haasawaan dhihaatu. Sababa barumsaatiin walga’ii irraa hafuu ilaalchisee haala naannoo keessanitti mul’atu dabalii dhiheessi.
Daq. 20: “Deddeebiin Gaaffii Gara Qayyabannaa Macaafa Qulqulluutti Geessa.” Gaaffiiwwan dhihaataniin fayyadamuudhaan kan jaarsaan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni muuxannoo gabaabaa tajaajila irraa argatan, barumsa dhihaachaa jiruu wajjin kan wal simu akka dubbatan afeeri. Keeyyata 5ffaa irratti yeroo mari’attan naannoo gumichaatti qayyabannaan Macaafa qulqulluu akkamitti akka jalqabame kan argisiisu muuxannoo argame hojiin agarsiisaan dhiheessi.
Faarfannaa 41 (89) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 5 Jalqabu
Faarfannaa 17 (38)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Deddeebii gaaffii akkamitti akka lakkaa’an hubachiisi. Maamiloota barruuleetiif yeroo barruulee geessinu, warra fedhii qaban yeroo bilbilaan haasofsiisnu, gara walga’iitti yeroo isaan afeerru, akkasumas firoottan keenya, ollaawwan keenya, warra wajjin hojjennu, wajjin barannuufi kkf Yeroo deddeebinee haasofsiisnu; yeroo qayyabannaa Macaafa qulqulluu geggeessinuufi kkf irratti deddeebii gaaffii lakkaa’uu akka dandeenyu ibsi. Kitaaba Tajaajila Keenya jedhamu fuula 88-89 ilaaluudhaan warra fedhii agarsiisaniif deddeebii gaaffii gochuuf yoom akka isaan beellamuu qabnu yaada hojiirra ooluu danda’u dabalii dhiheessi. Ji’a sanatti guyyoota ayyaanaa jiraniifi qophii dabalataa sochii tajaajilaatiif godhame ibsi.
Daq. 20: “Uffannaa Seera Qabeessa Ta’e Uffacuun Keenya Kabaja Waaqayyoof Qabnu Argisiisa.” Gaaffiiwwan dhihaataniin fayyadamuudhaan jaarsaan kan dhihaatu. Obboleessi akka gaariitti dubbisu tokko sagalee ol fuudhuudhaan keeyyata hundumaa akka dubbisu godhi.
Daq. 15: Gabaasni Gaariin—Nama Gammachiisa. (Fak. 15:30) Gumichi ji’a Bitootessaafi Eblaatti carraaqqii addaa gochuu isaatiin maal akka raawwate dhaggeeffattootaa wajjin irratti mari’adhaa. Yaadawwan kanaan gadii irratti muuxannoo nama jajjabeesu argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri. (1) Warra fedhii argisiisan ayyaana yaadannoo irratti akka argaman gargaaruu, (2) Qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu, (3) Babal’isaa tajaajila dhaabe jajjabeessuudhaan sochii gumii keessatti godhu akka itti fufu gargaaru, (4) Namni haaraan akka babal’saa ta’u gargaaruu (5) Fedhii namoota ayyaana yaadannoo irratti argamanii guddisuu, (6) Naannoo tajaajilaa itti hin hojjetamnetti tajaajiluu. Ji’a Caamsaatti maal hojjechuuf akka yaadame ibsi. Yaadawwan kanaa olii tokko tokko irratti namoota muuxannoo dubbatan dursii qopheessi, hunda isaanii galateeffadhuutii hojii ful-duraatiif carraqqii addaan hin cinne akka godhan jajjabeessi.
Faarfannaa 55 (133) fi kadhannaa xumuraa.
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen eega fayyadamtee booda gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.