Uffannaa Seera Qabeessa Ta’e Uffachuun Keenya Kabaja Waaqayyoof Qabnu Argisiisa
1 Dhihoo kanatti Walga’ii Koonyaa 2003 “Waaqayyoof Ulfina Kennaa” jedhamu irratti argamuudhaan keessummoota Yihowaa ta’uuf mirga addaa ni arganna. Maaddii Hafuuraa Yihowaan nuu qopheesse kanaaf hangam isa galateeffannaa! Maaddii hafuuraa inni nuuf dhiheesseef kabajaafi dinqisiifannaa qabnu, Walga’icha irrattis ta’e yeroo biraatti akkaataa miidhaginaafi uffannaa keenyaan argisiisuu dandeenya.—Far. 116:12, 17.
1. Walga’ii koonyaa dhihaachaa jiruuf dinqisiifannaa qabnu akkamitti argisiisuu dandeenyaa?
2 Qulqulluufi Seera Qabeessa: Akkaataan uffannaa keenyaa sadarkaa ejjennoo Waaqa keenya isa qulqulluufi seera qabeessaa kan calaqisiisu ta’uu qaba. (1 Qor. 14:33; 2 Qor. 7:1) Qaamni, rifeensifi qeensi keenya qulqulluu ta’uu qaba; akkasumas akkaataan uffannaa keenyaa kan nama gammachiisu ta’uu qaba. Yeroo har’aa uffannaan seera dhabeessi kan barame ta’eera. Namoonni fiilmii hojjetaniifi ispoortiidhaan beekaman uffannaa seera dhabeessa ta’e uffatan iyyuu Kristiyaanotni haala uffannaa warra kanaa hordofuuf sababa hin qaban. Faashinii kan hordofnu yoo taane, namoonni warra Waaqa dhugaa tajaajilaniifi hin tajaajille gidduu garaagarummaa jiru hubachuu hin danda’an.—Mil. 3:18.
2. Qulqullinniifi miidhaginni seera qabeessa ta’e kan nu barbaachisu maaliifii?
3 Uffannaa Kristiyaanotaaf Mijaa’aa Ta’e Uffadhaa: Phaawulos ilaaltuu ol aanaa kan ta’e Ximotewosiif yeroo barreessu, “warri dubartii uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis . . . Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta’uttis, wanta gaarii haa argisiisan” jechuudhaan dubartoota jajjabeesseera. (1 Xim. 2:9, 10) Uffannaa keenya seera qabeessa taasisuun eeggannoodhaan itti yaaduu gaafata. Uffannaan keenya kan ija namaatti tolu, qulqulluufi giddu-galeessa ta’uu qaba malee kan dantaa dhabummaadhaan uffannu ykn kan miira saalaa kakaasu ta’uu hin qabu.—1 Phe. 3:3.
3. Akkaataan Uffannaa keenyaa gorsa 1 Ximotewos 2:9, 10 irratti argamuu wajjin kan walsimu ta’uu isaa akkamitti mirkaneessuu dandeenyaa?
4 Phaawulos dabalee “Mataa filachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti” keessa ba’anii akka hin deemne akeekkachiiseera. (1 Xim. 2:9) Dubartoonni Kristiyaanaa, karaa madaalamaa ta’een warqeefi callee naqachuun, akkasumas dibataafi waan ittiin of kuulan garabiraa karaa seera qabeessa ta’een fayyadamuudhaan ogeeyyii ta’uu isaanii argisiisuu qabu.—Fak. 11:2
5 Gorsi Phaawuloos dubartoota Kristiyaanaatiif kenne warra dhiiraatiifis ni hojjeta. Obboloonni dhiiraas akkaataa uffannaa faashiniif ilaalcha biyyi lafaa qabu calaqqisuu irraa fagaachuu qabu. (1 Yoh 2:16) Fakkeenyaaf naannoo tokko tokkotti uffata bal’aafi guddaa ta’e uffachuun kan baramee dha; haata’u malee akkaataan uffannaa kun nama Waaqayyoon tajaajilu biratti fudhatama hin qabu.
4, 5. Akeekkachiisni dubartoonni Kristiyaanaafi dhiiraa hojii irra oolchuu qaban maal fa’ii?
6 Yeroo Walga’ii Sanaan Ala Ta’etti: Obboloonni hedduun sagantaa walga’ii irratti akkaataa miidhaginaafi uffannaa isaaniitiin fakkeenya gaarii ta’u; haata’u malee obboloonni tokko tokko, gara walga’ii ennaa dhaqaniif deebi’an ykn yeroo sagantaan ala ta’etti uffannaa isaaniitiif akka isaan dantaa hin qabne gabaasni ni ibsa. Dhugaa dha, akkaataan uffannaa keenyaa—walga’ii irrattis ta’e yeroo gara biraatti—warri kaan ilaalcha saba Waaqayyootiif qaban irratti jijjiirama fiduu danda’a. Walga’ii koonyaa irratti kaardii qoma irratti waan maxxanfannuuf akkaataan uffannaa keenyaa yeroo hunda Kristiyaanotaaf kan mijaa’e ta’uu qaba. Kana gochuun keenya warri kaan akka nu galateeffatan godha; akkasumas dhugaa ba’uuf karaa nuu bana.—1 Qor. 10:31-33
6. Yeroo walga’ii koonyaa dhaqnuufi deebinu,akkasumas yeroo walga’iin kun geggeeffamu hundaatti sadarkaa ejjennoo miidhaginaafi uffannaaf ba’e eeguu kan qabnu maaliifii?
7 Akkuma seequun fuula keenyaaf miidhagina dabalu, akkaataan miidhaginaafi uffannaa keenyaas, ergaa namootaaf dabarsinuufi jaarmiyaa iddoo buunuuf ulfina argamsiisa. Walga’ii koonyaa “Waaqayyoof Ulfina Kennaa” jedhamu irrattis ta’e, sochii waggaa guutuu goonu irratti warri nu ilaalan maaliif isaan irraa akka adda taane gaafachuudhaan, oolanii bulanii ‘Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis isinii wajjin in dhaqna’ jechuu danda’u. (Zak. 8:23) Hundumti keenya akkaataa miidhaginaafi uffannaa keenyaan kabaja Yihowaaf qabnu haa argisiisnu.
7. Akkaataan miidhaginaafi uffannaa keenyaa warra kaan irratti dhiibbaa maalii fidaa?
Uffannaa Nama Kabajchiisu Uffadhaa
▪ Gara walga’ii yeroo deemnu
▪ Walga’icha irratti
▪ Sochii sagantaan alaa