LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/03 ful. 1
  • “Akka Ibsaa In Ibsitu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Akka Ibsaa In Ibsitu”
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dargaggoota Akka Ibsaa Ifanii Mul’atan
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Yihowaadhaaf Ulfina Kennuuf “Ifni Keessan . . . haa Ifu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • “Ifni Keessan . . . Haa Ifu!”
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • ‘Hojii Gaariidhaaf Hinaaffaa’ Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Tajaajila Mootummaa—2003
km 4/03 ful. 1

“Akka Ibsaa In Ibsitu”

1 Sirna wantootaa yeroo ammaa karaa hafuuraafi amala naamusaatiin duukkanaan qabame gidduutti, Waaqa dhugaa Yihowaa kan waaqeffatan adduunyaa maratti namoonni miliyoona 6 ta’an biyyoottan 234 keessatti ‘akka ifaa ibsaa’ jiru. (Filp. 2:15) Kunis adda taanee akka mul’annu nu godha. Ifa dhugaa dinqisiisaa Yihowaa irraa arganne kana akkamitti calaqqisiisuu dandeenyaa?—2 Qor. 3:18.

2 Gochawwan Keenyaan: Namoonni amala keenya hubachuuf yeroo isaanitti hin fudhatu. (1 Phe. 2:12) Dubartiin tokko dhugaa baatuun ishee wajjin hojjetu, nama gaari, kan namoota gargaaru, jecha jibbisiisaa kan hin dubbanneefi qoosaa namatti hin tolleettis kan hin kolfine ta’uu isaa hubatte. Warri kaan isa arsuuf jechawwan jibbisiisaa ta’an isa biratti yeroo dubbatan obsaan darbu iyyuu, wanta sirrii ta’eef garuu ejjennoo qabu irraa gara duubaatti akka inni hin jenne argite. Dubartiin kun haala kana ilaaluu isheetiin bu’aa maaliitu argamee? “Amala isaatiin waanan xuqameef gaaffii Macaafa qulqulluu isa gaafachuun jalqabe. Yeroo booda Sagalee Waaqayyoo qayyabachuudhaan nan cuuphame.” Dabaltees “amantii Dhuga-baatota Yihowaa akkan qoradhu kan nakakaase amala isaati” jetteetti.

3 Namoota aangoo irra jiraniif, akkasumas ilaalchi hojiidhaaf qabnuufi akkaataan haasawaa keenyaa, Dhuga-baatota Yihowaa warra sadarkaa ejjennoo Macaafa qulqulluutiin jiraannuufi, namoota kaan irraa kan adda baane ta’uu keenya agarsiisa. Hojii gaariin akkasii kun Yihowaadhaaf ulfina fida; akkasumas warri kaan gara waaqeffannaa isaatti akka dhufan godha.

4 Akkaataa Dubbii Keenyaan: Dhugaa dha, namoonni amala keenya isa gaarii arganis waa’ee amantii keenyaa itti himnu malee maaliif isaan irraa akka adda taane beekuu hin danda’an. Namoonni wajjin barattuufi hojjettu Dhuga-baatota Yihowaa keessaa isa tokko ta’uu kee beekuu? Haasawaa namootaa wajjin gootu gara dhugaa ba’uutti jijjiiruuf carraa argattetti fayyadamtaa? Fuula namootaa duratti ‘ifa kee ibsuuf’ yeroo mijaa’aa ta’etti fayyadamuuf murteessiteettaa?—Mat. 5:14-16.

5 Akka ifa ibsitootaa taanee hojii nuuf kenname raawwachuun, amala aarsaa godhanii of kennuu nu gaafata. Yaada guutuudhaan tajaajiluuf fedhiin qabnu, amma dandeenye hojii lallabaafi bartoota taasisuu lubbuu baraarsaa ta’e kana irratti hirmaachuuf, wantoota faayidaa guddaa hin qabne akka dhiisnu nu kakaasa.—2 Qor. 12:15.

6 Gocha keenyaafi haasawaa keenyaan akka ibsaatti ibsuu keenya itti haa fufnu. Kana yoo goone warri kaanis nuu wajjin ta’uudhaan Yihowaadhaaf ulfina fiduuf ni kaka’u.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi