LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/11 ful. 1
  • “Ifni Keessan . . . Haa Ifu!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Ifni Keessan . . . Haa Ifu!”
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaadhaaf Ulfina Kennuuf “Ifni Keessan . . . haa Ifu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • ‘Ifni Keessan haa Ifu’
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Tajaajila Mootummaa—2011
km 5/11 ful. 1

“Ifni Keessan . . . Haa Ifu!”

1. Wanta namootatti himuu dandeenyu akkamii qabna?

1 Miidhaginni yommuu aduun baatu mulʼatu Yihowaadhaaf ulfina fida. Haataʼu malee, ifni Yesus duuka buutonnisaa akka ibsan afeere garabiraanis jira. Innis ‘ifa jireenyaati.’ (Yoh. 8:12) Ifa hafuuraa kana qabaachuun kennaa addaa itti gaafatamummaa guddaa namatti fidudha. Yesus ajaja, “Ifni keessan . . . namoota duratti haa ifu!” jedhu kan kenne siʼa taʼu, ifni kunis namoota kaaniif faayidaa argamsiisa. (Mat. 5:16) Yeroo karaa hafuuraa dukkana cimaadhaan qabame kanatti, ifni kun namoota kaaniif ibsamuu qaba; yeroo kamiyyuu caalaammoo ifni kun yeroo ammaatti baayʼee barbaachisaadha! Maarree nuyis akkuma Kiristos ifa keenya ibsuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Yesus, ifa hafuuraa namoota kaaniif qooduun barbaachisaa taʼuusaa kan ibse akkamitti?

2 Lallabuudhaan: Yesus yeroosaa, humnasaafi qabeenyasaatti fayyadamee, namootaaf manasaaniitti, alattiifi tulluurratti, akkasumas bakka namoonni itti argaman hundatti ifa waaʼee dhugaa ibsu ibseera. Inni buʼaa guddaa ifa dhugaa hafuuraa warra kaaniif qooduun argamsiisu hubateera. (Yoh. 12:46) Yesus ifa kana namoota baayʼeedhaan gaʼuufis, “ifa biyya lafaa” akka taʼan duuka buutotasaa qopheesseera. (Mat. 5:14) Isaanis, namootaaf wanta gaarii gochuufi dhugaa waaʼee hafuuraa ibsu isaaniif qooduudhaan ifnisaanii akka ifu godhu.

3. Ifa dhugaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Sabni Waaqayyoo itti gaafatamummaa, “Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa” jedhuuf bakka guddaa ni kennu; kanaaf bakka namoota argatan kamittiyyuu ni lallabu. (Efe. 5:8) Bakka hojiitti ykn yeroo boqonnaa mana barumsaatti, Macaafa Qulqulluus taʼe barreeffamoota keenya kaan haala namoonni arguu dandaʼaniin dubbisuun maree Macaafa Qulqulluu jalqabuuf gargaara. Haala kanaan obboleettii shamarreen tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqabsiiste siʼa taʼu, ijoollee kutaashee 12fis kitaabota raabsiteetti!

4. ‘Ifa keenya ibsuun’ amala fakkeenya taʼu qabaachuu dabalata kan jennu maaliifi?

4 Hojiiwwan Gaggaariidhaan: Ifa keenya ibsuun, gocha guyyaa guyyaadhaan raawwannus kan dabalatudha. (Efe. 5:9) Bakka hojiitti, mana barumsaattiifi bakka namoonni itti argaman kaanitti amalli Kiristiyaana tokkoo kan beekamu siʼa taʼu, kunis dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaanitti himuuf carraa isaaf bana. (1 Phe. 2:12) Fakkeenyaaf, amalli gaariin mucaa umriinsaa waggaa shan taʼe tokko argisiise, barsiisaansaa maatiisaa akka waamsistu ishee kakaaseera. Dubartiin kun, “Daaʼima wanta sirriifi wanta dogoggora taʼe ifatti beeku akkanaa argee hin beeku” jettetti. Eeyyee, tajaajilli keenyaafi amalli keenya inni gaariin namoonni gara ‘ifa jireenyaatti’ akka harkifaman godha; akkasumas Waaqa keenyaaf ulfina argamsiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi