Tajaajila Manaa Gara Manaa Yeroo Ammaa Waggaa Dhibba Lakkoofsise Kana Irratti Hirmaachaa Jirtuu?
1 Sochiin ammayyaa Dhugaa baatonni Yihowaa karaa gurmaa’een manaa gara manaatti godhan ji’a kanatti waggaa 100 tokko guutuu isaa hubatteettaa? Sanaan duras obboloonni tokko tokko dhuunfaatti manaa gara manaa deemanii kan tajaajilaa turan yoo ta’e iyyuu, nama hundumaa argachuun akka danda’amutti manaa gara manaa dhaqanii traaktii akka raabsan jajjabinni kan kenname Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15, 1903 irratti. Yeroo sanaa jalqabee malli tajaajilaa Yesusiif ergamoonni isaa itti fayyadaman kun bal’inaafi qulqullinaan akkasumas balbala namootaa irratti caqasa Macaafa qulqulluu dubbisuudhaan akka gaariitti itti hojjetamaa jira. (Mat. 10:12; HoE. 5:42) Waggoota dheeraadhaa jalqabee tajaajilli manaa gara manaa “mallattoo” namoonni baay’een Dhugaa baatota Yihowaa ittiin beekan ta’eera.
2 Kutaawwan addunyaa hedduutti naannoowwan hundi labsitoota Mootummattii hinaaffaa qabaniin waggaatti al baay’ee ykn ji’a ji’aan manaa gara manaa irra deddeebi’amee hojjetameera. Haata’u malee, biyyoota tokko tokkotti namoonni baay’een mana isaaniitti waan hin argamneef karaa irratti, iddoo bashannanaatti, bakka daldalaattiifi iddoofi yeroo namoonni argaman hundatti akka tajaajilan yaadni jajjabinaa kennameeraaf. Biyya keenyatti waggoota dheeraadhaaf bakka namoonni argaman hundaatti, karaa idileefi alidileetiin tajaajiluun keenya bu’aa gaarii nuuf argamsiiseera. Ta’us wal caalchisa tokko malee, namni hundi ergaa keenya dhaga’uu akka danda’utti manaa gara manaa deemuudhaan caalaatti hojjechuun nurraa eegama. Biyya keenyatti manaa gara manaa yeroo deemnu yeroo baay’ee nama tokko manaa hin dhabnu. Yeroo baay’ee namoonni nuwajjin mari’achuuf fedhii qabaachuu isaanii caalaatti salphaa dhumatti deddeebii gaaffii gochuunis ni danda’ama. Kallattii deddeebii gaaffii gochuuttis baay’ee hojjechuun nurraa eegama.
3 Manaa gara manaatti tajaajiluun Yihowaarratti amanamuu waan nugaafatuufi sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafa qulqulluu fayyadamuuf carraa waan nuubanuuf jireenya hafuuraa keenya guddisuuf gargaarsa guddaa nuugodha. Dhugumaaniyyuu, karaa kanaan tajaajiluudhaan naannoo tajaajila keenyaa qulqulleessinee hojechuun keenya barruulee raabsuurra darbee tajaajila keenyarratti Macaafa qulqulluu akka fayyadamnu nudandeessisa. Kallattiin tajaajilaa kun mallattoo tokkummaa obbolummaa kan ta’eefi mala tajaajilaa Yesus Kristos jalqabsiiserratti hirmaachuun keenya gammachuu adda ta’e nuuf argamsiisa.
4 Manaa gara manaa tajaajiluun rakkoo mataasaa akka qabu beekuun barbaachisaadha. Namoota gara manasaani dhaqnurraa deebii jibbisiisaa dhaga’uu dandeenya ta’a. Haata’u malee deebii akkasii kana gara caaluutti kan kennan dhuunfaadhaan nurratti utuu hin ta’in Yihowaafi dhugaa Mootummaa isaarratti akka ta’e irraanfachuu hin qabnu. Kana sammuutti yoo qabanne, rakkoowwan nurra ga’an akka mirga addaa gammachuu nuuf argamsiisuutti ilaaluu dandeenya. Filiphisiiyus 1:27-29 fi Maatewos 5:11, 12 kana nuuf ibsa.
5 Yeroo tokko tokko, cimsitoonni amantii jeequmsa uumuusaanii haga’uun keenya hojii kanarratti akka hin hirmaannetti abdii nukutachiisuu qabaa? Gorsa Yesus Maatewos 10:26-31 irratti bartootasaa warra haala walfakkaatu keessa turaniif kenne dubbisuufi irratti xiinxaluun keenya ilaalchaa sirrii ta’e akka qabaannu nugargaara. Dhugumaan Yihowaan akka nuqajeelchuufi akka nueegu amanuu dandeenya. Fakkeenyaaf, ilaaltota olaanaa aanaa keenya keessaa tokko, waggoota arfan darbanitti manaa gara manaa tajaajiluudhaan tilmaamaan sa’aatii 1,500 dabarse tokko, muuxannoowwan nama gammachiisan hedduu kan argate yeroo ta’u, namoonni jeequmsa uuman kan isa mudatan garuu al lama qofadha. Yeroo lamaanittuu miidhaan tokko irra hin geenya. Rakkoowwan akkasii firoottan keenya warra cimsitoota amantii ta’aniifi yeroo walga’ii dhaqnuu karaarratti namoota numudatanrraa akka nuquunnamu yaadachuun keenya, tajaajila manaa gara manaatiif ilaalcha gaarii akka qabaannu nugargaara. Haalawwan adda ta’an akkanaa kanattis Yihowaarratti amanamna.—Fak. 29:25.
6 Yeroo duula tajaajila addaa ta’e kanatti manaa gara manaatti tajaajiluuf dursa kennuudhaan namoota naannoo manasaanii jiraniif ergaa gaarii kana akka dhaga’an carra banuufiin keenya barbaachisaadha. Haata’u malee, duula kana boodas hundi keenya gara jabinaafi hinaaffaadhaan kallatti tajaajilaa barbaachisaa ta’e kanarratti haa hirmaannu. Kana yoo goone Yihowaan akka nu’eebbisu hin shakkinu. Nuyis akkuma Phaawulos Hojii Ergamootaa 20:21, 26 [NW] irrati dubbate ‘guutummaati dhugaa ba’eera’ akkasumas ‘isin keessaa tokko karaa irraa yoo bade an itti hin gaafatamu’ jechuudhaan Gammachuu argachuu dandeenya.