LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/03 ful. 1
  • Wangeelli Hadaraa Nutti Kennameera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wangeelli Hadaraa Nutti Kennameera
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanti Ati Jireenya Kee Keessatti Dursa Laattuuf Maal Innii?
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Wangeela Namoota Hundaaf Barbaachisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • “Misiraachoo”
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Tajaajila Mootummaa—2003
km 5/03 ful. 1

Wangeelli Hadaraa Nutti Kennameera

1 Wangeelli Waaqayyoo hadaraa nutti kennamuunsaa mirga addaa akkamiitii! (1 Tas. 2:⁠4) Namoonni tokko tokko ergaa humna qabu kana yoo mormaniyyuu warri yaada qajeelaa qaban garuu, gara foolii urgaa’aa kanatti ni harkifamu. (2 Qor. 2:​14-​16) Wangeelli kun Namoota fudhataniifi ajajamaniif fayyina argamsiisa. (Rom. 1:16) Misraachoo hadaraa nutti kenname kanaaf ofeeggannoo akkamii gochuu qabnaa?

2 Yesusiifi Ergamootasaa:Yesus hojii labsii misraachoo kanaaf dursa kenneera. (Luq. 4:​18, 43) Jaalalli namootaaf qabuufi dinqisiifannaan ergaa kanaaf qabu yeroo dadhabeefi beela’ettillee misraachoo kana akka hiruuf isa kakaaseera. (Mar. 6:​30-​34) Waan dubbatuunis ta’e waan hojjetuun barbaachisummaa hojii lallabaa Mootummichaa sammuu bartootasaa keessa kaa’eera.​​—⁠Mat. 28:​18-​20; Mar. 13:⁠10.

3 Fakkeenyasaa hordofuudhaan ergamoonnisaas ergaa Mootummichaa hinaaffaadhaan labsaniiru. Yeroo reebamaniifi akka hin lallabne ajajamanillee ‘barsiisuufi misraachoo himuuttii gargar hin kunne’ (HoE. 5:​40-​42) Phaawlos ergamaan nuffii tokko malee hojii kana hojjeteera. (1 Qor. 15:​9, 10; Qol. 1:​29) Mirga addaa misraachoo lallabuuf argate kana akka gatiin namootaa irra jirutti waan lakkaa’eef, ergaa itti kenname kana galmaan ga’uuf fedha dhuunfaasaa dhiiseera.​​—⁠HoE. 20:24; Rom. 1:​14-​16.

4 Mirga Addaa Yeroo Har’aa Qabnu: Dinqisiifannaan hojii kabajamaa hadaraa nutti kenname kanaaf qabnu, namootaaf lallabuuf mala akka barbaannu nukakaasa. (Rom. 15:16) Edwaard hir’ina qaamaatiin kan ka’e barcuma namoonni deemuu hin dandeenye irra taa’uudhaan balbala hoteelasaarra taa’ee keessummootatti waa’ee amantiisaa dubbata ture. Caalmaatti dabalee hojjechuu waan barbaadeef duuba konkolaataa isaatti gabbiinaa addaa hojjetameef konkolaataa kanaan fayyadamuudhaan kiiloomeetra kumaatamatti lakkaa’aman deemuudhaan waggoota dheeraadhaaf qajeelchaa ta’ee hojjeteera. Akkuma Edwaard har’as obboloonni hedduun haalasaanii mijeessuudhaan hirmaannaa hojii lallabaa kanarratti qaban guddisaniiru.

5 Yesusiifi ergamootasaa fakkaachuudhaan nuyis yeroo hundumaa jireenya keenya keessatti hojii lallabaa kanaaf dursa haa laannu. Kana gochuudhaan jaalala namootaaf qabnu, akkasumas hojii misraachoo lallabuuf hadaraa nutti kenname kanaaf dinqisiifannaa qabnu ni argisiisna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi