Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Caamsaa 12 Jalqabu
Faarfannaa 23 (48)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajil Mootummaa irraa filataman. Yaada seensaa fuula 8 irratti argamuun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Ebla 2003 Yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Hojiin argisiisa lamaan irrattiyyuu kan beeksifamu barruu tokko qofa ta’us, lamaanuu ergaan takkaa kennamu. Nama barruulee fudhatetti qophii buusii qarshiif godhame ibsuu kan dabalatu haa ta’u.
Daq. 20: Isin Warra Nana—Ijoolleen Keessan Karaa Hafuuraa Akka Guddatan Gargaaraa. Yaadawwan ijoo kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 9-12 fi 21-38 irratti hundaa’ee haasawaa dhihaatu. Warri, ijoolleen isaanii tajaajilaan guddina akka argisiisan leenjisuuf kaayyoo qabaachuudhaan, barumsa kana keessaa tokko tokko qayyabannaa maatii isaanii irratti akka itti fayyadaman jajjabeessi. Dargaggoonni dandeetti isaanii akka guddisan yaadawwan ni gargaaru jettee yaaddu irratti xiyyeeffadhu.
Daq. 15: ‘Wangeelli Hadaraa Nutti Kennameera.’ Hirmaannaa tajaajila irratti godhan guddisuuf haalawwan isaanii akkamitti sirreessuu akka danda’an yaada gabaabaa akka kennuu danda’anitti obboleessa tokko ykn lama dursii qopheessi.
Faarfannaa 21 (46) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 19 Jalqabu
Faarfannaa 29 (62)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Mata duree “Ijaarsa Galma Mootummaa Addunyaa Maraa Biyyoota Awroppaa Tokko Tokkotti” jedhu haaswaan dhiheessi. Biyyoota galiin isaanii xiqqaa ta’eefi naannoowwan damee biiroo keenya jalatti argaman keessatti baasiin ijaarsa Galma Mootummaa kan gargaaraman buusii qarshii ijaarsa Galma Mootummaatiif godhamuun ta’uu isaa ibsi.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 15: “Tajaajila Manaa Gara Manaa Yeroo Ammaa Waggaa Dhibba Lakkoofsise Kana Irratti Hirmaachaa Jirtuu?” Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Faarfannaa 56 (135) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 26 Jalqabu
Faarfannaa 77 (174)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Hundisaanii gabaasa tajaajilaa dirree ji’a Caamsaa akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa tajaajilaa gumii keessanii irra deebi’i. Yaada seensaa fuula 8 irratti argamuun gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Ebla 15 fi Dammaqaan! Ebla 22, 2003 (Ingiliffa) Yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Hojiin argisiisa lamaanirrattiyyuu kan beeksifamu barruu tokko qofa ta’us lamaanuu ergaan takkaa kennama. Xumura hojiin argisiisa tokkoo irratti babal’isichi abbaa manaa barruulee fudhachuu hin barbaanneef, traaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaadaa? jedhamu kennaaf
Daq. 15: Saanduqa Gaaffii. Haasawaan kan dhihaatu. Naannoo tajaajilaa keessanitti bilbilaan tajaajiluudhaan akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’ee argame gabaabsii dubbadhu.
Daq. 20: “Sagaleen Waaqayyoo Dhugaadha.” Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Babal’istoonni Macaafa qulqulluu irraa gaaffii isaaniitiif deebii kennuun isaanii dhugaa baruuf akkamitti akka isaan gargaare akka dubbataniif dhaggeeffattoota afeeri. Keeyyata 4ffaa irratti yeroo mari’attan, Tajaajila Mootumaa Muddee 2001 ful. 1 key. 3-4 irratti mata duree “Sagalee Waaqayyoo Sirriitti Fayyadamaa” jedhu jalatti dhihaateen gargaaramuudhaan babal’isaan ga’eessa ta’e, yeroo jalqabaatiif nama tokko yeroo haasofsiisu akkamitti Macaafa qulqulluu fayyadamuun akka danda’amu hojiin argisiisaan akka dhiheessu godhi.
Faarfannaa 20 (45) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Waxabajjii 2 Jalqabu
Faarfannaa 16 (37)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuufi kitaaba Beekumsaa raabsuu ilaalchisee yaada seensaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 irratti kenname tokko ykn lama dubbadhu.
Daq. 20: Gaa’elli Ulfina Qabeessi—Ulaagaa Waaqayyo baase dha. Haaswaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Biyyoota heddutti utuu seeraan wal hin fuudhin waliin jiraachuun kan barame dha. Namoonni tokko tokko akkaataa kanaan jiraachuun faayidaa qaba jedhanii amanu. Gaa’elli qophii Waaqayyoo ta’uu isaa ibsuudhaan kana ilaalchisee yaadni Macaafa qulqulluu maal akka ta’e ibsi. (Kitaaba Xiinxalsiisuu ful. 248-9) Seeraan utuu wal hin fuudhin wajjin jiraachuun halalummaa dha. (Kitaaba Gammachuu Maatii ful. 17) Ilaalcha namoota hedduu irraa karaa adda ta’een gaa’ela dura waliin jiraachuun gammachuu gaa’ela irraa argamu akka hir’isu qo’annoon raggaasiseera. (Dammaqaa! Bit. 2002 ful. 31(Amaariffa); Dammaqaa! 92 9/8 ful. 28; Dammaqaa! 91 5/8 ful. 28 Ingiliffa) Kristiyaanonni sadarkaa ejjennoo inni baase hordofuudhaan Yihowaa ni kabaju. Kana gochuu isaaniitiinis dhuunfaatti faayidaa argatu.—Isa. 48: 17, 18
Daq. 15: Bu’aa argachaa jirtaa? Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin kan dhihaatu. Ji’a Amajjiitii jalqabee Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii qophii haaraa akka qabaatu godhameera. Qophii haaraa Mana Barumsichaatiif godhame keessaa tokko tokko gabaabsii dubbadhu. Bu’aa hanga ammaatti argame ibsi. Mana Barumsichaatti barattoonni baay’een galmeeffamaniiruu? Hirmaannaa gochuuf hawwii guddaa qabuu? Gorsa kennuu ilaalchisee qophii haaraa godhame kana irraa akkamitti fayyadamaa jiruu? Qophii haaraa godhame kana irraa dhuunfaatti akkamitti akka fayyadamaniifi bu’aa fuula duraaf argatan ilaalchisee maal akka itti dhaga’amu yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.
Faarfannaa 97 (217) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljalee]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga fayyadamtee booda gaaffiifi deebiin dhiheessi.