Oduu Proojeektii Ijaarsaa
Hojiin ijaarsa damee biiroo baay’eensaa hojjetamaa jira! Darbichi dalga dheerina meetira saddeettamaafi fooqii sadii qabu kan xumurame yeroo ta’u, ji’oottan roobaa utuu hin ga’iniin dura baaxiinsaa ni uffifama jedhamee yaadama. Jalqaba ji’a Caamsaatti kutaawwan hedduun lassanamaniiru. Darbicha gajjallaatti galmi walga’ii gurgguddaadhaaf ta’u kan namoota 1,700 keessumsiisuu danda’u bu’uurrisaa xumurameera. Bakka cuuphaa dabalatee waltajiin, kutaan uffata itti jijjiirratan, biiroowwaniifi kutaa jaarsoliin itti walga’an harki caalaansaanii ijaaramaniiru. Karaafi bakka konkolaataan dhaabatuuf ijaarsi tokko tokko godhamaa jira. Manni janareetarri kessa taa’uufi bakki dhangala’aan manneen boolii galma walga’ichaa itti kuufamu ijaaramaa jira. Harki caalaan ijaarsichaa kan raawatame yeroo ta’u, hojichi sagantaa qabameefiitti jalqaba 2004tti ni xumurama jedhamee yaadama. Buusii gootaniifi isin galateeffachaa, Yihowaan hojii kana eebbisuusaa akka itti fufu ni kadhanna.