Beeksisa
◼ Barreeffamawwan Hagayyaafi Fulbaanatti raabsaman: Brooshuura fuula 32 qaban kan kanaa gaditti ibsaman keessaa kamiiniyyuu fayyadamuu dandeessu: Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu!, “Kunoo, Ani Waan Hundumaa Haaraa Nan Godha!,” Sillaaseetti Amanuu Qabdaa?, Maqaa Waaqayyoo Isa Bara Baraaf Jiraatu, Mootummaan Waaqayyoo Jannata Fiddi, Yeroo Duunu Maal Taanaa?, Kaayyoon Jireenyaa Maal Innii?— Akkamiinoo Argachuu Dandeessaa?, Namni Jaallattan Yeroo Du’u, Kitaaba Namoota Hundummaaf Ta’u, E Saatisfaaying Laayif—Haawu tuu Atteeyin It, fi Hafuuronni Warra Du’anii—Sigargaaruu Yookiin Simiidhuu Ni Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu? Onkololeessa: Qeenxee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Nama fedhii argisiiseef, brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? Jedhamu kennuudhaan qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii addaa godhaa. Sadaasa: Kitaaba Beekumsaafi Brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu raabsaa. Abbaan manaa sun barreefamawwan kana yoo qabaate kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa ykn barreefamawwan turan keessaa tokko kennaafii.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn kan isaan bakka buufame, Fulbaana 1 ykn isarraa baay’ee utuu hin fagaatin herrega gumichaa qoruu qaba. Kun godhameera taanaan gabaasni herregaa itti aanu erga dubbifamee booda, qorannaan kun gumiidhaaf beeksifama.
◼ Lakkoofsi bareeffamaafi barruulee waggaa waggaan godhamu hanga danda’ametti Hagayya 31, 2003 ykn kanarraa baay’ee utuu hin fagaatin godhamuu qaba. Lakkoofsi kun lakkoofsa qindeessaan barreeffamaa ji’a ji’aan godhuu wajjin walfakkaata. Ida’amni dimshaasha barreeffamootaa foormii (S-18 AM) jedhamurratti guutamuu qaba. Lakkoofsi ida’ama barruulee harkatti argaman tajaajiltoota barruulee harka argamuu qaba. Barreessaan gumii qindeessaa, lakkoofsa kana olaantummaadhaan to’achuu qaba. Inniifi sassaabaan ilaaltuu olaanaa gumii qindeessaa formicharratti mallatteessu. Tokkoon tokkoon gumii qindeessaa foormii lakkoofsa barreefamaa (S-18AM) sadiitu ga’a. Akkasumas, gummiiwwan qobaasaanii Galma tokkotti gargaaraman foormiwwan kana ni argatu. Kooppii isa duraa guutaatii Fulbaana 6 dura gara damee biirotti ergaa. Waraabbii lammaffaa galmee keessan keessa kaa’a. kooppii sadaffaammoo yeroodhaaf kan itti guuttan ta’ee isin tajaajiluu danda’a.
◼ Gumiiwwan Kaaleendarii Dhugaa Baatota Yihowaa 2004, Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaan Qoruu—2004, fi Kitaaba waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2004 ajaja barreeffamaa itti aanurratti gaafachuu jalqabuu qabu.