LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/03 ful. 6
  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 8/03 ful. 6

Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 25, 2003 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Adoolessa 7 hanga Hagayya 25, 2003 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.​​—⁠Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Tajaajilarratti namoota dhugaa baanuuf ilaalaa haasofsiisuun bu’aa maalii argamsiisaa? [be ful. 125 key. 1-2; saanduqa ful. 125 ilaali.]

2. Tajaajila yeroo jalqabuuf jettu, sodaan sitti dhaga’ama taanaan maal yoo goote wayyaa? [be ful. 128 key. 4-5]

3. Yeroo waltajjiirraa haasawaa dhiheessitu, akkaataa haasawaa uumamaa keetiifi akka nama tokkoo wajjin haasoftutti dhiheessuuf maaltu sigargaaraa? [be ful. 129 key. 2; saanduqa ful. 129 ilaali.]

4. Seerri bu’uuraa Lewwoota 16:​4, 24, 26, 28; Yohannis 13:10; fi Mul’ata 19:8 irratti argamu waa’ee uffannaafi filannaa keenyaa ilaalchisee qajeelfama akkamii nuukennaa? Kunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifii? [be ful. 131 key. 3; saanduqa ful. 131 ilaali.]

5. Namni tokko amala qabeessaafi nama ‘of qabudha’ kan jechisiisu maalinnii? (1 Xim. 2:​9, 10) [be ful. 132 key. 1]

HAASAWAA LAK. 1

6. Kristiyaanonni walii waliisaaniif obsa argisiisuun dirqama yoo ta’eyyuu, wanti isaan obsaan darbuu hin qabne maalinnii? (Qol. 3:​13) [w01 7/15 ful. 22 key. 7-8]

7. Dhugaa ykn Soba: Tokkoffaa, lammaffaa, sadaffaa, . . . (lakkoofsa ordinaalii) kan jedhaman lakkoofsa guutuudha. Ibsi. [si ful. 282 key. 24-5]

8. Sagalee Waaqayyoo dubbisuuf sababiin nukakaasuu qabu maalinnii? Kaka’umsa akkasii qabaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifii? [be ful. 24 key. 1]

9. Namni ogeessi ‘beekumsa kan walitti qabatu’ akkamittii? (Fak. 10:14) [w01 7/15 ful. 27 key. 4-5]

10.  Iyoob amalawwan gaarii guddifachuusaatiin bu’aa argateera jedhamuu kan danda’u maaliifii? (Iyo. 1:​1, 8; 2:⁠3) [w01 8/1 ful. 20 key. 4]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII

11. Miseensonni Qaama Bulchiinsaa namoonni warri saba Waaqayyoo hin ta’in fayyuuf dhagna qabachuun kan isaan hin barbaachisne ta’uusaa murteessuuf ‘yaada tokkoon walii galuu’ kan danda’an akkamitti turee? (HoE. 15:25)

12. Yihowaan seera Musee utuu diigee jiruu Qaamni Bulchiinsaa Phaawulos seericha akka raawwatu kan gaafate akkamittii? (HoE. 21:​20-​26) [it-1 Ful. 481 key. 3; it-2 ful. 1163 key. 6–ful. 1164 key. 1]

13. Mormiiwwan yeroo dhihoodhaa kaasee saba Yihowaarratti dhihaatan kan nuyaadachiisu himannaa sobaa Phaawulosirratti dhihaate isa kamidha? (HoE. 24:​5, 6) [w01 12/15 ful. 22 key. 7–ful. 23 key. 2]

14. Phaawulos waggaa lamaaf hidhamee yeroo turettillee misraachoo Mootummichaa lallabuudhaan fakkeenya kan nuuf ta’e akkamittii? (HoE. 28:​30, 31)

15. ‘Warri biyya bulchuuf aboo qaban Waaqayyoon dhaabamaniiru’ kan jedhaman karaa kamiinii? (Rom. 13:​1, 2) [w00 8/1 ful. 4 key. 5]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi