LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/03 ful. 5
  • Yihowaa Faarsuuf Walitti Qabamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaa Faarsuuf Walitti Qabamuu
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waldaa Guddaa Keessatti Yihowaa Galateeffadhaa!
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Yeroo Nyaata Hafuuraa Soorachuudhaan Itti Gammannu
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • “Kottaa Walii Wajjinis Maqaa Isaa Ol In Kaafnaa!”
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Yihowaa Eeggadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 8/03 ful. 5

Yihowaa Faarsuuf Walitti Qabamuu

1 Yihowaan humna guddaa, ogummaa qoramee bira ga’amuu hin danda’amne, murtoodhaan kan mudaa hin qabneefi fakkeenya madda jaalalaati. Uumaa, Burqaa Jireenyaa, Guutummaa Lafaafi Samiirratti Olaantummaa kan qabu waan ta’eef, waaqeffannaan isa qofaaf dhihaachuu qaba. (Far. 36:9; Mul. 4:​11; 15:​3, 4) Walga’iin koonyaa waggaa kanaa “Waaqayyoof Ulfina Kennaa” jedhamu godhamu Waaqa dhugaa isa tokkicha galateeffachuuf murtoo goone nuujabeessa.​​—⁠Far. 86:​8-​10.

2 Karoorri Gaariin Barbaachisaadha: Nyaata hafuuraa Yihowaan qopheesserraa guutummaatti fayyadamuuf karoora gaarii baasuun barbaachisaadha. (Efe. 5:​15, 16) Bakka buufattu, geejjibaafi bakka hojii ykn mana barumsaatii heyyama fudhachuudhaan qophii sibarbaachisu raawwatteettaa? Wanta barbaachisaa ta’e kana hanga guyyaan dhumaa ga’uutti hin eeginaa. Utuu heyyama hin fudhatin yoo turte, qophii gammachiisaa kana dhabuu dandeessa. Hundi keenya sagantaa hundarratti argamu nubarbaachisa.

3 Guyyaa hunda walga’icharratti dursitee argamuuf karoora baafadhu. Akkas gochuun kee faarfannaan utuu hin jalqabamin dura teessuma akka qabattuufi sammuun kee utuu hin jeeqamin qajeelfama darbaa jiru fudhachuu akka dandeessu sigargaara. Guyyaa hunda balballi kan banamu ganama sa’aatii 2:00⁠tti. Maatii keessaniifi namoota konkolaataa tokkoon dhuftaniif malee nama garabiraatii teessuma hin qabinaa.

4 Yeroo boqonnaa laaqanaatti bakka walga’ii dhiistanii deemuurra hundi keessanuu nyaata fudhattanii akka dhuftan isin yaadachiisna. Qophii kanaan walta’uun keessan nageenyi akka jiraatuufi obboloota kaanii wajjin haasa’uuf yeroo gahaan akka jiraatu taasisa. (Far. 133:​1-3) Meeshaalee salphaatti cabuu danda’aniifi dhugaatii alkoolii gara walga’ichaatti fiduun dhoowwaa ta’uusaa yaadadhaa.

5 Dhaggeeffachuudhaan Beekumsa Argadhaa: Izraan sagalee Waaqayyoo fudhachuuf lapheesaa kadhannaadhaan qopheessee ture. (Iz. 7:​10) Lapheesaa gara barumsa Yihowaatti deebisee ture. (Fak. 2:⁠2) Nuyis akkasuma gara walga’ichaa utuu hin dhaqin dura qabiyyee walga’ichaarratti xiinxaluufi maatii keenyaa wajjin irratti haasa’uudhaan of qopheessuu jalqabuu dandeenya.

6 Bakkawwan gudguddaa walga’iin itti godhamutti wantoota arginuufi dhaggeeffannu, kan xiyyeeffannaa keenya harkisan baay’eetu jira. Haalli nama jeequ akkasii kun, salphaadhumatti obboleessa haasawaa dhiheessu akka hin hordofne nugodha. Kunimmoo barumsi baay’ee barbaachisaa ta’e akka nudarbu gochuu danda’a. Saanduqni kanaan walqabatee jiru yaadawwan xiyyeeffannaa keenya fooyyessuuf nugargaaruu danda’an qabateera.

7 Warra Kaaniif akka Yaaddan Argisiisaa: Yeroo sagantichi geggeeffamutti kaameeraafi viidiyoo fayyadamuu dandeenus, kana kan goonu warra kaan akka hinjeeqnetti teessuma keenyarraa utuu hin ka’ini. Walga’icharratti moobaayiliin warra kaan akka hinjeeqneef cufamuu qaba. Meeshaan dhuunfaa kamiyyuu meeshaa elektiriikiifi sagalee bakka walgaichaatti argamu kamiiniyyuu walqabsiifamuu hin qabu.

8 Walga’ii koonyaa Yihowaa faarsuuf itti walgeenyu kana hammam hawwiidhaan eeggannaa! Walga’ii kanarratti guyyaa hunda argamuudhaan, dammaqinaan dhaggeeffachuudhaan, akkasumas waan baranne hojiirra oolchuudhaan Yihowaa Faarsuuf haamurteessinu.​​—⁠Kes. 31:⁠12.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Qabiyyeen walga’ii kanaa maalidhaa? Galatnii Yihowaaf kan ta’uu qabu maaliifii?

2, 3. Karoora gaarii baasuun guutummaatti fayyadamuuf kan nugargaaru akkamitti?

4. Hundi keenya gara walga’ichaatti laaqana keenya fidnee akka dhufnu kan gaafatamne maaliifi?

5. Walga’ichaaf laphee keenya qopheessuu kan dandeenyu akkamittii?

6. Saganticharratti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf maaltu nugargaaraa? (Saanduqicha ilaali.)

7, 8. Warra kaaniif yaaduu keenya akkamitti argisiisuu dandeenyaa?

[Saanduqa fuula 5rra jiru]

Walga’iirratti Dhaggeeffachuu

▪ Mataduree haasawichaarratti xiinxali

▪ Caqasawwan baasii ilaali

▪ Yaadannoo gabaabaa qabadhu

▪ Qabxiiwwan hojiirra oolchuu barbaaddu yaadannootti qabadhu

▪ Waan baratte irra deebi’i

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi