LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/03 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Hagayya 11 Jalqabu
  • Torban Hagayya 18 Jalqabu
  • Torban Hagayya 25 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 1 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2003
km 8/03 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Hagayya 11 Jalqabu

Faarfannaa 95 (213)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada seensaa fuula 8 irra jiruun gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1 fi Dammaqaa! Adoolessa 2003 si’anaa, naannoo gumichaatti raabsamuu danda’u yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Lamaanirrattuu kan beeksisnu barruu tokko qofa ta’us, lamaanuu ergaan takkaa kennamu. Hojiin argisiisicha keessaa inni tokko nama “yeroo hin qabu” jechuudhaan marii nudhaabsisuu barbaadu akka itti gargaaruu dandeenyu kan argisiisu haata’u. Kitaaba Xiinxalsiisuu fuula 19 ilaali.

Daq. 15: “Fakkeenya Gaarummaa Yihowaa Fudhadhaa” Gaarummaa argisiisuunsaanii dhugaa ba’uuf akkamitti carraa akka isaanii bane muuxannoo argatan gabaabsanii akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri. Obboloota kaan gargaaruuf carraaqqii godheef gumicha galateeffadhu.

Daq. 20: “Qajeelchaa Ta’anii Tajaajiluudhaan Eebba Argamu” Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Qajeelchaa ta’uusaanitiin eebba akkamii akka argatan yaada akka kennan qajeelchaa tokko ykn lama afeeri. Qajeelchaa ta’uu kan barbaadan yoo jiraatan foormiin qajeelchaa barreessaa gumichaarraa argachuu akka danda’an ibsi.

Faarfannaa 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 18 Jalqabu

Faarfannaa 37 (82)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 15: “Hojii Nama Haaromsu” Tajaajilli Kristiyaanummaa akkamitti akka isaan haaromse yaada akka kennan obboloota 2 ykn 3 dursii qopheessi.

Daq. 18: “Bakka Waaqeffannaa Keenya Akka Gaariitti Haaqabannu” (Keeyyata 1-5) Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Keeyyata 3 fi 4 irratti yeroo mari’attan Galma Mootummaa qulqulleessuuf qophii gumichi godhe ibsi. Wantoota xiyyeeffannaa barbaadaniif xiyyeeffannaa kenni. Bakka waaqeffannaa dhugaa kana akka gaariitti qabuuf carraaqqii godheef gumicha galateeffadhu.

Faarfannaa 49 (114) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 25 Jalqabu

Faarfannaa 78 (175)

Daq. 10: Beeksisa Gumii. Yaada seensaa fuula 8 irratti argamu gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15 fi Dammaqaan! Adoolessa 22 (Ingliffa) si’anaa yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu; Hojiin argisiisa lamaanirrattiyyuu kan beeksifamu barruu tokko ta’us kan kennamu ergaan takkaadha. Lamaanuu abbaan ykn haati tokko mucaa durbaa ykn dhiiraasaanii wajjin barruulee raabsuuf ennaa shaakalan kan argisiisu haata’u. Hojiin argisiisicha dhiheessuusaanii dura yaada seensaa dhihaatan gabaabumatti yeroo irra deebi’an argisiisu.

Daq 15: “Yihowaa Faarsuuf Walitti Qabamuu” Naannoo keessanitti guyyaa walga’iin koonyaa itti godhamu caqasi; akkasumas dursanii karoora akka baasan jajjabeessi.

Daq. 20: Misiraachicha ija jabinaan lallabaa. (1 Tas. 2:⁠2) Haasawaafi marii dhaggeeffattoota wajjin godhamuun kan dhihaatu. Obboloonni baay’een namootatti dhihaatanii ergaa Mootummichaa himuu kan sodaatan maaliif akka ta’e ibsi. Kun obboloota waggoota dheeraadhaaf dammaqinaan tajaajilaa turanirrattillee ni mul’ata. Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 1999 fuula 25; Muddee 15, 1999 fuula 25 fi Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 1996 fuula 31 irraa muuxannoowwan tokko tokko dubbadhu. Haala sodaachisaa jalatti akkamitti ija jabinaan akka dhugaa bahan yaada akka kennaniif dhaggeeffattoota afeeri. Yaada Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 1999, fuula 23-4 irratti argamu karaa itti Yihowaarraa jabina argachuu danda’an ibsuudhaan xumuri.

Faarfannaa 34 (77) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 1 Jalqabu

Faarfannaa 35 (79)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila dirree ji’a Hagayyaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffamawwan ji’a Fulbaanaatti raabsaman ibsi.

Daq. 15: Deebitanii Gaafachuuf Waadaa Galtan Ni Eegduu? Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 1999, fuula 10-⁠11 mata duree “Karaa Waadaa Galle Itti Eegnu Garabiraa” jedhurratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yeroo baay’ee tajaajila keenyarratti namoota fedhii qaban yeroo argannu haala itti yeroo garabiraa maree keenya itti fufuu dandeenyu mijeessina. Waadaa gallee amanamummaadhaan eeguudhaan deebinee gaafannaa? Seera bu’uuraa Macaafa qulqulluu waadaa gallee eeguuf nukakaasuu qabu dubbadhu. Utuu hin turin deebi’anii gaafachuusaaniitiin ebba argatan akka dubbataniif dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 20: “Bakka Waaqeffannaa Keenya Akka Gaariitti Haaqabannu” (Keeyyata 6-​12) Gaaffiiwwan Dhihaatanitti gargaarami. Ijoo dubbii saanduqa fuula 4 irra jiru caqasuudhaan Galma Mootummaa akka gaariitti qabuun barbaachisummaansaa maal akka ta’e ibis. Haala Galmi Mootummaa keessan irratti argamu gabaasa gabaabaa erga dhiheessitee booda, Galma kana suphuu ykn haaromsuuf karoora baasame hundaa caqasi.

Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi