LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/03 ful. 9
  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 10/03 ful. 9

Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Onkololeessa 27, 2003 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Fulbaana 1 hanga Onkololeessa 27, 2003 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.​​—⁠Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. ‘Uffata qajeelaadhaan’ of miidhagsuu ilaalchisee gorsi 1 Xim. 2:9 irratti nuuf kenname hiiknisaa maalii? Kunihoo waltajjiirratti yeroo kutaa dhiiheessinu ykn tajaajilarratti yeroo bobbaanu dhiibbaa akkamii fidaa? [be ful. 132 key. 4-5]

2. Seerri bu’uuraa 1 Yohannis 2:​15-​17, Efesoon 2:​2, fi Roomaa 15:3 irratti argaman akkaataa uffannaa keenyarratti dhiibbaa akkamii fiduu qabaa? [be ful. 133 key. 2-4]

3. Tasgabbiidhaan dubbachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifii? Yeroo waltajjiirraa haasawaa dhiheessinu ykn tajaajilarratti yeroo hirmaannu, dandeettii kana kan argachuu dandeenyu akkamittii? [be saanduqa ful. 135; ful. 136 key. 5, saanduqa]

4. Yesus “dhuga-baatuu isa amanamaa” ta’ee tajaajilarratti Macaafa qulqulluutti fayyadamuudhaan fakkeenya kan nuuta’u akkamittii? (Mul. 3:​14) [be ful. 143 key. 2-3]

5. Dandeetti Macaafa qulqulluutti gargaaramuu keenya caalaatti guddisuu kan dandeenyu akkamittii? (Tit. 1:⁠9) [be ful. 144 key. 1, saanduqa]

HAASAWAA LAK. 1

6. Qayyabannaan maalfaa dabalataa? Sagalee Waaqayyoo guyyaa guyyaan qayyabachuudhaan bu’aawwan argaman tokko tokko maalfa’ii? [be ful. 27 key. 3; ful. 32 key. 4]

7. Yaaqoob 1:​5, 6, wajjin karaa walsimuun murttii sirrii ta’e gochuuf maaltu barbaachisaa? [w01 9/1 ful. 28 key. 4]

8. Seenaa keessatti waggoonnii bakka guddaa qaban kamfa’ii? Maaliifii? [si ful. 282 key. 27]

9. “Namni hama odeessu gowwaa dha” kan jedhamu akkamittii? (Fak. 10:18)[w01 9/15 ful. 25 key. 3]

10. Ilmaan namaa addunyaa haaraa keessatti ilaalcha Yihowaan yeroodhaaf qabu guutummaatti kan hubatan akkamittii? [si ful. 283 key. 32]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII

11. Dhugaa ykn Soba: Phaawulos 1 Qorontos 2:9 irratti kan barreesse waa’ee dhaala Yihowaan namoota amanamoodhaaf qopheesseeti. Ibsi. [ip-2 saanduqa ful. 366]

12. Jechi 1 Qorontos 10:13 irratti argamu kan hojiirra ooluu danda’u yeroo qorumsi akkamii nurra ga’uudhaa? Yihowaan ‘karaa itti keessaa baanu kan nuuqopheessu’ akkamittii? [w91 10/1 ful. 10-​11 key. 11-14]

13. Fakkeenyi arjummaa Yesus argisiise Kristiyaanotarratti dhiibbaa kan fidu akkamittii? (2 Qor. 8:⁠9)[w92 1/15 ful. 16 key.  10]

14. Seerri ‘adabduu gara Kristositti kan geessaa’ ture akkamittii? (Gal. 3:​24)[w02 6/1 ful. 15 key. 11]

15. ‘Barumsi biyya lafaa’ akka nu hin dogoggorsine irraa of eeguu qabnu kamii? (Qol. 2:⁠8)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi