Beeksisa
◼ Barreeffamawwan ji’a Sadaasaa raabsaman: Brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu Ykn kitaaba Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamu. Namoonni barreeffamawwan kana yoo qabaatan, kitaaba Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu jedhamu ykn barreeffamawwan turan raabsaa. Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu, akka filannoottimmoo Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu, Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati? Ykn Lafarra Jannata Keessa Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn kan isaan iddoo buufame, Muddee 1tti ykn utuu baay’ee isarraa hin fagaatin herrega gumii qoruu qaba. Kun godhamee yoo raawwate, gabaasni herregaa itti aanu erga dubbifamee booda, gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Gumiiwwan jildii Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! 2003 ajaja barreeffamaa itti aanu wajjin gaafachuu jalqabuu qabu.
◼ Hojii addunyaa maraa gargaaruufi ijaarsa Galma Mootummaatiif buusii gochuuf cheekii fudhatanii warri saanduqa buusii keessa kaa’an yoo jiraatan iddoo duwwaa ‘kaffali’ jedhutti guutamuu kan qabu “Dhugaa Baatota Yihowaa” ykn “Jehovah’s Witnesses” jedhameeti.
◼ Ji’oottan Bitootessaa hanga Caamsaa 2004iitti, duula tajaajilaa adda ta’etu jira. Kanaafuu, qajeelchitoonni, jaarsoliin ykn tajaajiltoonni gumii ji’oottan sanatti qajeelchitoota addaa taatanii tajaajiluu barbaaddan, iyyata keessan koree tajaajilaa gumii keessaniitti dhiheessuu qabdu. Achii, koreen tajaajilaa sun iyyata keessanirratti yaada qabu barreessee hanga Muddee 31, 2003iitti gara damee biirootti erguu qaba.