LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/03 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Sadaasa 10 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 17 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 24 Jalqabu
  • Torban Muddee 1 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2003
km 11/03 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Sadaasa 10 Jalqabu

Faarfannaa 94 (212)

Daq. 10: Beeksisa gumiifi beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada seensaa fuula 4 irra jiruun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1fi Dammaqaan! Fulbaana 2003 yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu kan raabsaman walumatti. Hojiin argisiisa lamaan keessaa inni tokko baasiin hojii addunyaa maraa eessaa akka argamu kan argisiisu haata’u.—Masaraa Eegumsaa, ful. 2, ykn Dammaqaa! ful. 5 ilaali.

Daq. 15: “Qophaa’oo Ta’aa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen fayyadamiitii, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Dhaggeeffattoonni yaaddoofi waan qalbii nama fuudhu yeroo wantoota hafuuraatiif oolchan akka jalaa hin saamne irraa ofeeguuf kan isaan gargaare maal akka ta’e akka dubbatan affeeri.

Daq. 20: Hiryaa kan Filattu Akkamitti? Kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa jedhamu fuula 44-5⁠rratti hundaa’uudhaan marii dhaggeeffattoota wajjin godhamu. Gaaffiiwwaniifi caqasawwan keeyyata 13⁠rratti dhihaataniin fayyadamuudhaan, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, hiriyaa filachuuf nuqajeelchuu qabanirratti yaada akka kennan dhaggeeffattoota affeeri.

Faarfannaa 51 (127) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 17 Jalqabu

Faarfannaa 14 (34)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Barreeffama ji’a sanatti raabsamuun gargaaramanii muuxannoo gammachiisaa kan argatan, ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu kan danda’an, babal’istoota lama ykn sadiif gaaffiif deebii godhi.

Daq. 15: Amala Kennaa Dagaagsaa. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2003, fuula 27-30 irratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 18: “Galatni Nama Jajjabeessa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabamee booda gaaffiif deebiidhaan kan dhihaatu. Yaada kitaaba Gammachuu Maatii jedhamu fuula 49-50, keeyyata 21⁠rra jiru dabalii dhiheessi. Namoonni warra kaanirraa galata argachuusaaniitiin jajjabaatan yaada gaggabaabaa akka kennan affeeri.

Faarfannaa 28 (58) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 24 Jalqabu

Faarfannaa 95 (213)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15fi Dammaqaa! fulbaana 2003 raabsuuf yaada seensaa fuula 4⁠rra jiru akkamitti gargaaramuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Caqasa fuula 4⁠rra jiruun ala caqasa gara biraa fayyadamuun ni danda’ama. Kan beeksifamu barruu tokko ta’uyyuu kan raabsamu walumatti. Hojiin argisiisni tokko geejjibarratti ykn iddoo mijaa’aa garabiraatti karaa aldilee ta’een barruuleen yeroo raabsamu kan argisiisu haata’u.

Daq. 10: Saanduuqa Gaaffii. Haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 23: “Firooma Yihowaa Wajjin Qabdan Cimsaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin gunneen jalqabuudhaan gaaffif deebiidhaan dhiheessi. Gaaffiiwwan dhihaatanitti gargaarami. Caqasiwwan akkamitti hojiirra oolchuun akka danda’an yaada akka kennan dhaggeeffattoota affeeri. Obboleessi tokko ykn lama qayyabannaa dhuunfaa Macaafa Qulqulluu fooyyessuuf kan isaan gargaare maal akka ta’e akka dubbatan dursii qopheessi.

Faarfannaa 91 (207) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 1 Jalqabu

Faarfannaa 58 (138)

Daq. 5: Beeksisa gumii

Daq. 40: “Walga’iin Koonyaa Waaqayyoof Ulfina akka Kenninu Nukakaaseera!” kan jaarsaan geggeeffamu. Yaada seensaa daqiiqaa tokko ykn isaa gadiitiin jalqabiitii, gaaffiiwwan dhihaatanitti gargaaramuudhaan dhaggeeffattoota wajjin irratti mari’adhaa. Gaaffiiwwan hunda gaafachuuf yeroon akka siga’u, gaaffiiwwan tokko tokkoof deebiin tokko qofa akka deebi’u godhi. Yeroo ramadametti caqasawwan kennaman hunda dubbisuun rakkisaa ta’a. Caqasiwwan kan kennaman gaafichaaf salphumatti deebii argachuun akka danda’amuufi. Yaadiwwan kennaman waan baranne hojiirra oolchuurratti kan xiyyeeffatan ta’uu qabu.

Faarfannaa 32 (70) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi