Galatni Nama Jajjabeessa
1 Intalli xinnoon tokko galgala yeroo rafuuf jettu, “Har’a ani mucaa gaarii ta’e hin oolee jechuudhaa?” jettee hirqinfattee boossi turte. Gaaffiin kun haadhashee dinqisiiseera. Mucaanshee amala gaarii argisiisuuf kan carraaqaa oolte ta’uyyuu, haatishee ishii galateeffachuuf waan tokkoyyuu hin dubbanne. Boo’ichi intala xinnoo kanaa, dargaggoos taane maanguddoo hunda keenya galatni akka nu barbaachisu ibsa. Namoonni nu wajjin jiran waan gaarii godhaniif galateeffachuudhaan isaan jajjabeessinaa?—Fak. 25:11.
2 Warra hidhata amantii keenya ta’an galateeffachuuf sababii hedduutu jira. Jaarsoliin, tajaajiltoonni gumiifi qajeelchitoonni itti gaafatamummaa isaanii raawwachuuf jabaatanii ni hojjatu. (1 Xim. 4:10; 5:17) Warri Waaqayyoon sodaatan ijooleesaani karaa Yihowaatiin guddisuuf carraaqqii guddaa godhu. (Efe. 6:4) Dargaggoonni Kristiyaanaa “hafuura biyya lafa kanaa” ofirraa ittisuuf ciminaan lolu. (1 Qor. 2:12; Efe. 2:1-3) Warri kaanimmoo uumuriinsaani dabalaa deemuyyu, dhibee fayyaa ykn rakkina gara biraa qabaataniyyu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilu. (2 Qor. 12:7) Namoonni akkanaa hundi galateeffamuu qabu. Carraaqqii godhaniif isaan galateffannaa?
3 Dhuunfaadhaan Adda Baasaatii Galateeffadhaa: Hundi keenya waltajjiirraa galatni yeroo nuukennamu ni gammadna. Haata’u malee, dhuunfaatti yeroo galateeffamnu caalaatti ni gammadna. Fakkeenyaaf Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesse boqonnaa 16 irratti warra kaan keessaa Feebeen, Phrisqiilaa fi Aqiilaa, Triifeenee fi Triifaasee, Pharsiis maqaa dhahee galateeffateera. (Rom. 16:1-4, 12) Jechoonnisaa Namoota amanammoo sana hammam gammachiisaniiru laata! Galatni akkasii kun obboloonni keenya kan nu barbaachisan ta’ee akka itti dhaga’amu godha; akkasumas akka walitti dhihaannu nu gargaara. Yeroo dhihootti dhunfaadhaan nama galateeffattee beektaa?—Efe. 4:29.
4 Kan Lapheerraa Madde Haata’u: Galatni dhugumaan kan nama jajjabeessu akka ta’u, kan lapheerraa madde ta’uu qaba. Namoonni kan lapheerraa dubbannu ta’uu, ykn ofumaa “nama sobee afaaniin namatti kuulu” ta’uu keenya addaan baafachuu danda’u. (Fak. 28:23) Hojii namootaa keessaa isa gaarii ta’e hubachuu yoo ofshaakalsiisne, lapheen keenya galateeffachuuf ni kaka’a. ‘Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu ba’eessa’ ta’uusaa yaadachuudhaan, namoota haa galateeffannu.—Fak. 15:23.