Tajaajilarratti Wal Jajjabeessuu
1 Hundi keenya ‘dubbii yeroo isaatti dubbatamurraa’ jajjabina yommuu argannu ni gammanna. (Fak. 25:11) Yommuu warra kaanii wajjin hojii lallabaarratti hirmaannu, haasaa keenya kan nama jajjabeessu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Haasaa Nama Jajjabeessu: Yommuu hojii lallabaarratti hirmaannu, dhimmaawwan hafuuraarratti waliin haasa’uun hedduu nama jajjabeessa. (Far. 37:30) Akkamitti namootaa wajjin maree akka jalqabnu ykn muuxannoo tajaajilaa nama jajjabeessuufi dhiheenyatti arganne dubbachuu dandeenya. (HoE. 15:3) Yaadawwan dubbisa Macaafa Qulqulluu keenyarraa, barreeffamoota dhiheenya ba’anirraa ykn walga’iiwwan gumiirraa arganne nama wajjin tajaajillutti himuu dandeenya. Kana malees, yaadawwan haasawaa sabaa dhiheenyatti dhageenyerraa argannerratti mari’achuu dandeenya.
3 Namni haasofsiisnu gaaffii deebisuu hin dandeenye ykn mormii yoo nutti kaasee abdii kutachuu dandeenya. Erga nama kana biraa adeemnee booda, haalli akkasii gara fuulduraatti yoo nu mudate akkamitti deebii kennu akka dandeenyu kitaaba Ragaa Dhiheessuurraa daqiiqaa muraasa fudhanne mari’achuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Akkaataa obboleessi wajjin tajaajillu namootaa wajjin itti mari’atu ilaalchisee wanta gaarii tokko yoo hubanne galateeffachuun keenya jajjabina isaa kenna.
4 Dursa Fudhadhu: Tuuta qayyabannaa kitaabaa keenya keessaa obboloonni dhiheenyatti nu waliin hin tajaajille jiruu? Warri kaan akka nu wajjin tajaajilan afeeruun keenya “wal jajjabeessuuf” carraa nuu bana. (Rom. 1:12) Obboloonni qajeelchaafi qajeelchaa gargaaraa ta’an, keessumaa ganama bariifi galgala yommuu babal’istoonni hedduun tajaajilarratti hin hirmannetti nama isaanii wajjin tajaajilu yoo argatan ni gammadu. Qajeelchitootaa wajjin tajaajiluuf of dhiheessuudhaan isaan gargaaruu dandeenya. Obboleessi dhibee fayyaa qabuufi guutummaatti tajaajilarratti hirmaachuu hin dandeenye jiraa? Obboleessi akkasii tarii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka nu wajjin geggeessu qophii gochuun keenya lamaan keenyayyuu ni fayyada ta’a.—Fak. 27:17.
5 Wantoota xixinnoo ta’aniinillee warra kaan galateeffachuufi dinqisiifachuun yeroo hundaa jajjabina namaa kenna. ‘Wal cimsuu’ keenya itti fufuu waan barbaannuuf, yommuu warra kaanii wajjin tajaajillu kana yaadatti qabachuu qabna.—1 Tas. 5:11.