Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Bitootessa 10 Jalqabu
Faarfannaa 65 (152)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaan! Guraandhala 2008, waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo wajjin yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Walga’iiwwanirratti Kan Argamnu Maaliifi? Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2007, ful. 11-13rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Walga’iiwwan gumiirratti argamuudhaan faayidaa argatan, akkasumas yeroo hunda walga’iiwwanirratti argamuuf rakkoowwan isaan mudatan akkamitti akka mo’an dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri.
Daq. 15: “Wanta Yihowaadhaaf Kenninu Qabna.” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 4 (8)
Torban Bitootessa 17 Jalqabu
Faarfannaa 61 (144)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa torban dhufutti, akkaataa dhiheenyaa naannoo tajaajilaa keenyaaf ta’urratti maree godhamuuf barruulee Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaa! Guraandhala 2008 fidanii akka dhufan dhaggeeffattoota yaadachiisi. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman.
Daq. 15: Saanduqa Gaaffii. Jaarsaan kan dhihaatu. Guutummaa barumsichaa dubbisuudhaan irratti mari’adhaa.
Daq. 20: “Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argaman Akkamitti Gargaaruu Dandeenya?” Keeyyata 5ffaarratti yeroo mari’attan, Ayyaana Yaadannoorratti nama argamee ture tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamittiin jalqabsiisuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaa haa dhihaatu.
Faarfannaa 14 (34)
Torban Bitootessa 24 Jalqabu
Faarfannaa 53 (130)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi.
Daq. 15: Barreeffamoota Haaraa Ba’an Raabsuuf Qophaa’uu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin taasifamu. Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaa! Guraandhala 2008, tokkoon tokkoonsaanii ilaalchisee yaada gabaabaa erga dubbattee booda, namoota naannoo tajaajilaasaanii keessatti argamaniif mataduree kamtu isaan hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri. Barreeffamoota kana raabsuuf qabxiilee muraasa barruulee kanarraa itti fayyadamuu barbaadan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu dandeenya? Barreeffama kana keessaa caqasa kam dubbisuu qabna? Yaada dhaggeeffattoonni kennanitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaan! Guraandhala 2008 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Lallaba Keenya Isa Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo Ibsu. Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2005, ful. 18-19, key. 10-14rratti hundaa’uudhaan haasawaa seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee jaarsaan dhihaatu. Misiraachoo waa’ee Mootummichaa yeroo dhaga’anitti jajjabinaafi abdii akkamii akka argatan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 11 (29)
Torban Bitootessa 31 Jalqabu
Faarfannaa 27 (57)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Bitootessaa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 20: Kitaaba Waggaa 2008tti Akka Gaariitti Fayyadamuu. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Qabxii ijoo “Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame” jedhu ful. 3rra jiru irra deebi’i. Kitaaba Waggaa kana dubbisuudhaan muuxannoo baay’ee isaan tuqe keessaa namni lama ykn sadii akka dubbatan godhi. Babal’istoota tokko ykn lama dursitee qopheessuudhaan Kitaaba Waggaa dubbisuuf karoora baafatan akka dubbatan godhi. Maatiiwwan afaan Ingiliffaa danda’an guutummaa kitaabichaa akka dubbisan jajjabeessuudhaan xumuri.
Daq. 15: “Tajaajilarratti Wal Jajjabeessuu”
Faarfannaa 58 (138)
Torban Ebla 7 Jalqabu
Faarfannaa 7 (19)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 20: Maaliif Hin Cuuphamtu? Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2006, ful. 29-31, key. 14-17rratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu. Babal’istoota umrii waggoota kurnanii keessa utuu jiranii cuuphamaniif gaafannoo gabaabaa godhi. Umrii ijoollummaasaaniitti tarkaanfii gaarii akkasii akka fudhatan kan isaan kakaase maalidha? Cuuphamuunsaanii Kiristiyaana ga’eessa akka ta’an kan isaan gargaaru akkamitti?
Daq. 15: Kallattumaan Namoota Haasofsiisuu Yaalteettaa? Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002, ful. 6rra jirurratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun jaarsi dhiheessu. Akkaataawwan dhiheenyaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu raabsuuf dhihaatanitti gargaaramuudhaan, akkamitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu akka danda’an irratti mari’adhaa. Achiis hojiin argisiisni tokko ykn lama akka dhihaatu godhi. Torban ittaanutti akkaataa dhiheenyaa kallattii ta’een fayyadamanii kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutiin yoo xinnaate qayyabannaa Macaafa Qulqulluu tokko akka jalqabsiisan jajjabeessi.
Faarfannaa 49 (114)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.