LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/08 ful. 3
  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2008
km 3/08 ful. 3

Dhugaa Baatota Yihowaa Jaallatamoo Hidhata Keenya Taatan:

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Phaawulos ergamaan jaalalaafi dinqisiifannaa namoota hidhata amantiisaa ta’aniif qabu carraa argate hundaan ibsa ture. Kiristiyaanota Roomaatiif akkas jedhee barreesseera: “Duraan dursee, amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef sababii hunduma keessaniitiif jedhee, Yesus Kristosiin Waaqayyo koo nan galateeffadha.” (Rom. 1:8) Eeyyee, Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa bulchiinsa warra Roomaa keessa turan hundi amantiisaaniitti cimoo, akkasumas hinaaffaadhaan lallabuusaaniitiin beekamu turan. (1 Tas. 1:8) Kanaafuu, Phaawulos obbolootasaaf jaalala cimaa qabaachuunsaa kan nama dinqisiisu miti!

Akkuma Phaawulos, yeroo hunda waa’ee keessan yommuu yaannu Yihowaa ni galateeffanna. Baay’ee isin jaallanna! Yihowaan dhuunfaadhaan akka isin jaallatu mirkanaa’oo ta’uu dandeessu. Isin keessaa namoota tokko tokkorra ari’atamni cimaan ga’uyyuu, lallabuu keessan itti fuftaniittu. Ija jabinni isin argisiiftan kunimmoo garaa Yihowaa ni ciibsa!—Fak. 27:11.

“Hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa Bara Keenyatti Raawwatan” nama gammachiisuufi amantii keenya jabeessu, Kitaaba Waggaa kanarra jiru yeroo dubbistaniifi irratti xiinxaltan, ragaa qabatamaa Yesus Kiristos “mo’aa, ammas mo’uudhaaf” gara fuulduraatti adeemaa akka jiru hubattu. Akkasumas mi’i waraanaa akkamiiyyuu duuka buutota Kiristos balleessuuf qopheeffame milkaa’uu akka hin dandeenye hubattu.—Mul. 6:2; Isa. 54:17.

Phaawulos Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif, “Hojii wangeelaa keessaa waan qabaattaniif, Waaqayyoon nan galateeffadha” jedhee barreesseera. (Filp. 1:3-5) Nuyi miseensonni Qaama Olaanaa waa’ee keessan akkasuma nutti dhaga’ama. Bara tajaajilaa 2007⁠tti babal’istoonni 6,691,790 ta’aniifi biyyoota 236⁠tti argaman addunyaa maratti misiraachoo lallabuudhaan dimshaashatti sa’aatii 1,431,761,554 dabarsaniiru. Misiraachicha babal’isuuf carraaqqii guddaa gootaniittu! Carraaqqii harka wal qabannee gooneen namoota kuma dhibbaan lakkaa’amaniifi Yihowaaf ulfina akka kennan gargaarre mee yaadaa!

Yeroo biraattimmoo Phaawulos, rakkina obbolootaatiif akka yaadu argisiiseera. Warra Tasaloniiqee turaniif akkas jedhee barreesseera: “Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti . . . dadhabuu keessan, gooftaa keenya Yesus Kristosin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna.” (1 Tas. 1:2, 3) Jireenya keessatti rakkoo hedduun akka nu mudatu beekamaadha. Rakkoowwan nu mudataniyyuu obsaan danda’uun barbaachisaadha. Dhuunfaadhaan rakkoowwan akkamii sirra ga’aniiru? Sababa dhukkubni cimaan sirra ga’een Yihowaa tajaajiluurratti hirmaannaan gootu daangeffamuusaatiin abdii kutatteettaa? Hiriyaan gaa’elaa waggoota hedduu waliin jiraatteefi jaallattu, du’a isa diina namaa ta’een dhabdeettaa? (Fak. 30:15, 16) Gorsa Caaffata Qulqullaa’aa nama amane hiriyaa gaa’elaa godhachuu jedhu amanamummaan hordofuudhaan hiriyaa gaa’elaa akkumakee Yihowaa jaallatu argachuuf carraaqqiin gootu abdii si kutachiiseeraa? (1 Qor. 7:39) Haala dinagdee baay’ee rakkisaa ta’e keessatti ijoollee guddisuuf dhama’aa jirtaa? Haalli isin keessa jirtan maaliyyuu yoo ta’e, fedhii Mootummichaa yoo dursitan, Yihowaan “hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan” isa isin argisiiftan hin irraanfatu. Obbolootaa ‘wanta gaarii ta’e gochuutti hin laafinaa’!—Ibr. 6:10; Gal. 6:9.

Akka obsaan dandeessan kan isin gargaaru maalidha? Akkuma warra Tasaloniiqee, “Yesus Kristosin abdachuu[dha].” Yeroo boodas, Phaawulos sababa qabatamaa ta’een, ‘abdii fayyinaa’ isa akka maddaa sibiilaatti Kiristiyaanonni yaada sirrii hin taanerraa of eeguufi jabaatanii akka dhaabatan isaan gargaaruu wajjin walbira qabuunsaa sirriidha.—1 Tas. 5:8.

Dhugaadha, rakkoowwan isinirra ga’an obsaan danda’uudhaan, gaaffii olaantummaa Seexanni kaaseef deebii kennuu dandeessu. Seexanni tajaajiltoonni Waaqayyoo amala ofittummaa waan qabaniif yeroo muraasaaf qofa Isa kan tajaajilan si’a ta’u, qorumsi isaanirra ga’u ennaa dabalaa adeemu waaqeffannaasaanii ni dhaabu ykn badiisni biyya lafaa kun dheerachuusaa yommuu yaadan waaqeffannaasaanii ni dhiisu jedhee falma. Diiyaabilos madda sobaa ta’uusaa saaxiluuf mirga argattaniittu! Tokkoon tokkoon guyyaa darbu yeroo abdiin keessan itti raawwatamutti caalaatti akka dhihaattan godha.

Akkuma Phaawulos carraa argateen amantaa cimaa obboloonni qabaniif, arjummaa hojii lallabaatiif godhaniin, jabaatanii dhaabachuusaaniin isaan galateeffate, nuyis isin galateeffanna, akkasumas baay’ee isin jaallanna. Hojii gaarii raawwachaa jirtan kana itti fufaa!

Barri dhufu waggaa eebba Waaqayyoo itti argattan akka isiniif ta’u hawwii keenyadha. Waan gaarii hundumaa kan isiniif hawwinu

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi