Babalʼistoota Isinii Wajjin Tajaajilan Gargaaraa, Akkasumas Jajjabeessaa
1. Warra kaanii wajjin yeroo tajaajillu ilaalcha akka Phaawulos ergamaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
1 Phaawulos ergamaan yeroo namoota hidhata amantiisaa taʼanii wajjin dabarsu, carraa gaarii itti ‘wal jajjabeessan’ akka taʼe godhee ilaala ture. (Rom. 1:12) Isinoo babalʼisaa tokkoo wajjin yeroo tajaajiltan carraa itti isa jajjabeessuufi isa gargaaruuf argatan kanatti ni fayyadamtuu? Callistanii wajjin deemuu mannaa, wanta babalʼisaa buʼa qabeessa akka taatan isin gargaare maaliif itti hin himtan?
2. Babalʼisaan nuu wajjin tajaajilu ija jabina akka qabaatu gargaaruuf maal gochuu dandeenya? Akkas gochuun keenyahoo barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
2 Ija Jabina Akka Qabaatan Gargaaraa: Babalʼistoonni hedduun ija jabina akka hin qabne fuulasaanii ykn sagaleesaaniirraa beekuun ni dandaʼama. Garaadhaa isaan galateeffachuudhaan namoonni kun ija jabina akka qabaatan gargaaruu dandeenya. Karaawwan garabiraan ija jabina akka qabaatan isaan gargaaruu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi? Ilaaltuun olaanaa tokko akka sodaatuufi sodaasaa kana moʼuufis irra deddeebiʼee akkamitti Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessu babalʼisaa isaa wajjin tajaajilutti hime. Obboleessi kan biraa tokkommoo, wanta ija jabina akka qabaatu isa gargaare yeroo dubbatu, “Kanaaf wanti nama gargaaru inni guddaan seequudha. Haataʼu malee al tokko tokko wanta salphaa taʼe kana gochuufillee kadhannaa gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa” jedheera. Isiniinoo wanti tajaajilarratti ija jabeeyyii akka taatan isin gargaare kan biraan jiraa? Taanaan babalʼisaa isinii wajjin tajaajilutti himuu dandeessu.
3. Babalʼisaan nuu wajjin tajaajilu tajaajilarratti buʼa qabeessa akka taʼu isa gargaaruuf maalfaa itti himuu dandeenya?
3 Malawwan Lallabuuf Itti Fayyadamtan Itti Himaa: Yaada seensaa ykn gaaffii salphaa ykn wanta naannoo keessanitti raawwatameefi maree jalqabuuf gargaaru tokko argattaniittuu? Akkaataa dhiheenyaa salphaa taʼeefi akka isiniif taʼutti qopheeffattanoo qabduu? Taanaan babalʼisaa isinii wajjin tajaajilutti himaa. (Fak. 27:17) Yeroo deddeebii gaaffii gochuuf deemtan, galma baafattaniifi galma keessan sana akkamitti raawwachuuf akka yaaddan itti himuu dandeessu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan geggeessitan yoo taʼemmoo, wanta baratichi beekuu qabu isa hubachiisuuf qabxii, caqasa ykn mala barsiisuu tokko maaliif akka filattan babalʼisichaaf ibsuu dandeessu.
4. Babalʼistoota nuu wajjin tajaajilan gargaaruun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
4 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan kaayyoonsaanii namoota hin amanne gargaaruu qofa hin turre. Kanaa mannaa wal jajjabeessuufi wal cimsuun barbaachisaa taʼuusaas hubataniiru. (HoE. 11:23; 15:32) Phaawulos ergamaan Ximotewos isa dargaggeessa ture kan leenjise siʼa taʼu, wanta barates warra kaaniitti akka himu isa jajjabeesseera. (2 Xim. 2:2) Tajaajilarratti namoota hidhata amantii keenyaa taʼaniif wanta gaarii gochuu hin dagannu taanaan, gammachuunsaanii akka dabalu, akkasumas tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruu qofa utuu hin taʼin, Abbaa keenya isa samiis ni gammachiisna.—Ibr. 13:15, 16.