Sagantaa Torban Amajjii 27 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 27 JALQABU
Faarfannaa 27fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 18 key. 9-15 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uma. 17-20 (Daq. 10)
Lakk. 1: Uma. 17:18–18:8 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: td 2B Waraanni Armaagedoon Tarkaanfii Jaalala Waaqayyoo Wajjin Walsimudha (Daq. 5)
Lakk. 3: Macaafni Qulqulluun Kitaabota Kaanirraa Adda Kan Taʼe Karaawwan Kamiini?—bh boq. 2 key. 1-9 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Haasaadhaan kan dhihaatu. Sanbadduraa isa jalqabaa jiʼa Guraandhalaatti qophii tajaajila dirreetiif gumiin keessan godhe erga ibsitee booda, hundisaanii akka irratti hirmaatan jajjabeessi. Akkaataa dhiheenyaa fuula 4rra jirutti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisni gabaabaan tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Galmawwan Hafuuraa Akkamii Qabdu? Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe jedhamu (Amaariffa) fuula 117 keeyyata 1 jalqabee hanga dhuma boqonnichaarratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Babalʼistoota galma tajaajila yeroo guutuu baafatanirra gaʼan tokko ykn lamaaf gaafannoo godhi. Namoota kaanirraa jajjabina akkamii argatanii turan? Rakkoowwan akkamii moʼaniiru? Kana gochuusaaniitiin eebba akkamii argataniiru?
Daq. 10: “Yaada Namoota Yeroo Hunda Barruulee Geessinuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Babalʼistoonni namoota yeroo hunda barruulee isaanii geessaniif yeroo dheeraa booda akkamitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabsiisan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 45fi Kadhannaa