Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Hiriyaa Tajaajilaa Gaarii Taʼuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Yesus hiriyaa tajaajilaa qabaachuun faayidaa akka qabu hubatee ture. Kanaaf duuka buutonnisaa 72n isa dura deemuudhaan akka lallaban ennaa erge lama lama godhee isaan erge. (Luq. 10:1) Babalʼisaan tokko tajaajilarratti haalli rakkisaan yoo isa mudate ykn gaaffii gaafatameef deebii deebisuu qabu yoo irraanfate, hiriyaan tajaajilaasaa isa gargaaruu dandaʼa. (Lal. 4:9, 10) Obboleessi isa faana tajaajilaa jiru lallabaa wangeelaa milkaaʼina qabu akka taʼuuf muuxannoosaa isaaf hiruufi darbee darbee yaada isaaf kennuu dandaʼa. (Fak. 27:17) Akkasumas, mana tokkoo isa kan biraatti ennaa ceʼan yaada isa jajjabeessu wajjin mariʼachuu dandaʼa.—Filp. 4:8.
JIʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Nama tokkoo wajjin tajaajilarratti erga hirmaattee booda, wanta inni dubbate ykn godhe keessaa hiriyaa tajaajilaa gaarii akka inni taʼu kan isa godhe maal akka taʼe itti himi.