Sagantaa Torban Amajjii 20 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 20 JALQABU
Faarfannaa 34fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 18 key. 1-8 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uma. 11-16 (Daq. 10)
Lakk. 1: Uma. 14:17–15:11 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: td 2A Armaagedoon Waraana Waaqayyo Hammeenya Balleessuuf Gudhudha (Daq. 5)
Lakk. 3: Gara Yihowaatti Dhihaachuu Ni Dandeessaa?—bh boq. 1 key. 18-24 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Barumsa Maalii Arganna? Mareedhaan kan dhihaatu. Maatewos 7:6-11 akka dubbifamu godhi. Caqasni kun tajaajila keenyarratti akkamitti akka nu gargaaru mari’adhaa.
Daq. 10: Warra Isin Gidduutti Hojiitti Dadhabaniif Ulfina Kennaa. (1 Tas. 5:12, 13) Gaaffiiwwan armaan gadiirratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu: (1) Jaarsoliin gumii keessatti hojiitti kan dadhaban karaawwan kamiini? (2) Jaarsoliidhaaf ulfina guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (3) Obboloonni itti gaafatamummaa qabanis jajjabinni kan isan barbaachisu maaliifi? (4) Jaarsoliifi maatiisaanii jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? (5) Obboloota itti gaafatamummaa qabaniif abboomamuun, gumiidhaafis taʼe jaarsoliidhaaf faayidaa kan argamsiisu akkamitti?
Daq. 10: “Babalʼistoota Isinii Wajjin Tajaajilan Gargaaraa, Akkasumas Jajjabeessaa.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Babalʼistoonni warra kaanii wajjin tajaajiluudhaan barumsa gaarii argatan muuxannoosaanii akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 45fi Kadhannaa