Hiriyaa Gaa’elaa Hin Amanne Akkamiin Gargaaruu Dandeenya?
1 Obboloonni tokko tokko, nama Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaniifi kan gumii dhufan garuu tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uu hin barbaadne wajjin wal fuudhu. Abbaan manaa tokko, “Gufuu guddaa kan natti ta’e tajaajila manaa gara manaa sodaachuu kooti” jedheera. Tokko tokkommoo, amala Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin simne mo’uun waan isaan barbaachisuuf, ykn akka hiriyaa gaa’elaasaaniitti sagantaawwan ti’ookraasiirratti hirmaachuun ta’sumaa kan hin danda’amne waan isaanitti fakkaatuufi. Akkamitti isaan gargaaruu dandeenyaree?
2 Garaadhaa Yaadaafii: Warra kaaniif garaadhaa yaaduun keenya waan isaanitti ulfaatuuf, dhugaa Macaafa Qulqulluutiif deebii gaarii akka kennan gochuu danda’a. (Filp. 2:4) Namoonni kanaan dura amantaa hiriyaa gaa’elaasaaniirratti hin hirmaanne, jaalala dhugaa obboloonni kaan isaanitti argisiisan ni ibsu. Abbaan manaa tokko akkas jechuudhaan dubbateera: “Jaarsi gumii Hoosee jedhamu tokko, jaalala adda ta’e natti argisiiseera. Qayyabannaa sirrii ta’e akkan jalqabu kan nagodhe jajjabina inni naa kenne natti fakkaata.” Abbaan manaa tokkos obboloonni mana dhaqanii isaan gaafatan, waa’ee wantoota inni jaalatuu kaasanii akka isa haasofsiisan dubbateera. “Amantaa haadha manaa kootii kallatti adda ta’een ilaaluun jalqabe, michoonnishee mata duree adda addaarratti nama mariisisuu waan danda’aniif beektota turan” jechuudhaan dubbateera.—1 Qor. 9:20-23.
3 Gargaarsa Hojiidhaan mul’atu Godhaafi: Hiriyaan gaa’elaa hin amanne tokko, gargaarsa gaarummaadhaan godhamuufiinis tuqamuu danda’a. (Fak. 3:27; Gal. 6:10) Konkolaataan abbaa manaa hin amanne tokkoo yeroo cabe, dargaggeessi Dhugaa Baatuun tokko, isa gargaare. Innis, “Gochi kun dhugumaan natuqee ture” jedheera. Obboleessi tokkommoo, yeroo abbaan manaa obboleettii tokkoo dallaa ijaaru isa gargaaruudhaan guyyaa guutuu dabarseera. Wajjin haasa’uufi hojjechuunsaanii michoomasaanii cimseeraaf. Torban lama booda, namichi obboleessa isa gargaare sana bira dhufee: “Jireenya koorratti jijjiirama gochuuf yeroonsaa amma. Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisuu dandeessaa?” jedhee isa gaafate. Sanaan booda guddina ariifachiisaa gochuudhaan, yeroo ammaa Dhugaa Baatuu cuuphame ta’eera.
4 Naannoo tajaajilaa keenya keessatti, namoota dhugaa fedhan yeroo barbaadnu, namoota hiriyaa gaa’elaa obboloota keenyaa ta’anis haa gargaarru.—1 Xim. 2:1-4.