LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/04 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Amajjii 12 Jalqabu
  • Torban Amajjii 19 Jalqabu
  • Torban Amajjii 26 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 2 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 1/04 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Amajjii 12 Jalqabu

Faarfannaa 74 (168)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada seensaa fuula 4irra jiruun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1fi Dammaqaan! Sadaasa 2003 yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu kan raabsaman walumatti. Tokkoon tokkoonsaanii booda, bifa gaarii hojiin argisiisichaa keessaa tokko tokko irra deebi’ii ibis.

Daq. 15: “Ogummaan Waaqayyoo Bu’aa Guddaa Qaba.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabamee booda gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Hamma yeroon siif heeyyametti, dhaggeeffattoonni caqasawan kaa’amanirratti yaada akka kennan afeeri.

Daq. 20: Barreeffamawwan Haaraa Arganne! Marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Walga’ii Koonyaa “Waaqayyoof Ulfina Kennaa” jedhurratti barreeffamawwan haaraa lama argachuu keenyaan baay’ee gammadnee turre. Brooshuurri “Biyyattii Gaarii Ilaalaa” jedhamu barreeffamawwan keenya keessaa kan adda ta’edha. Tokkoon tokkoon fuula brooshuurichaa yeroo baasu kutaa, bifa Biyyatti Gaarii addaa ta’e gad fageenyaan ibsu argana. Kaartaawwan adda addaarratti yaadawwan ibsaman keessaa tokko tokko ibsi. Barreeffama kanatti akkamitti akka fayyadamuu dandeenyu ibsi. Kitaabni Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu ijoolleen keenya karaa hafuuraa fayyaa ta’anii akka jiraatan gargaara. Barumsawwan yeroo ammaatti fayyadan kan kitaabicharratti caqasaman keessaa tokko tokko ibsiitii, warriifi ijoolleen akkamitti faayidaa argachuu akka danda’an ibsi. Barreeffamawwan haaraa kana akka gaariitti akkamitti fayyadamuu akka danda’an yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.

Faarfannaa 89 (201) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 19 Jalqabu

Faarfannaa 71 (163)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 15: “Hiriyaa Gaa’elaa Hin Amanne Akkamiin Gargaaruu Dandeenya?” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabamee booda gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Hiriyaan gaa’elaasaanii fakkeenya gaarii waan isaaniif ta’aniif tajaajiltoota Yihowaa kan ta’an babal’istotaa tokko ykn lamaaf, gaaffiifi deebii godhi.

Faarfannaa 14 (34) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 26 Jalqabu

Faarfannaa 95 (213)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Amajjii akka deebisan yaadachiisi. Yaada seensaa fuula 4irra jiruun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Sadaasa 15fi Dammaqaan! Sadaasa 22 (Ingiliffa) yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu kan raabsaman walumatti. Hojiin argisiisa isa tokkorratti, ollaadhaaf barruulee raabsuun akkamitti akka danda’amu kan argisiisu haata’u.

Daq. 15: Jireenya Keessan Kessatti Sagalee Waaqayyoo Hojiirra Oolchaa. Haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Hundisaanii barreeffama, Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaadhaan Qorachuu​—2004 jedhamu akka gaariitti akka gargaaraman jajjabeessi. Yaadawwan fuula 3-4⁠rra jiran dubbadhu. Barreeffama kana qorachuuf yeroo mijaa’aan kam akka ta’e yaada akka kennan dhaggeeffattoota gaafadhu. Guyyaa walga’ii sanatti yaada caqasa guyyaa sanaarratti mari’adhaa. Dhaggeeffattoonni barumsa sana akkamiin hojiirra oolchuun akka danda’an yaada akka kennan afeeri. Hundisaanii guyyaa hunda caqasa guyyaa guyyaarratti ennaa mari’atan, yeroo xinnoo fudhatanii barumsicha akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’an akka yaadan jajjabeessi.

Daq. 18: Warra Hidhata Amantii Keenyaa Wajjin Michooma Qabnu Cimsuu. (Fak. 18:24; 27:9) Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 2000 fuula 22-3⁠rratti hundaa’uudhaan, haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhihaata. Waaqeffannaa dhugaarraa bu’aan argannu inni tokko, michuu dhugaa horachuudha. Walga’iiwwanirratti, tajaajilarrattiifi carraa biraarratti wajjin ta’uun keenya, jajjabina guddaa nuuf argamsiisa. Warra kaan gumii keessa jiran wajjin michoomuu kan dandeenyu akkamitti? Saanduqa, “Firooma Itti Fufaa Ta’e Ijaaruuf Qabxiiwwan Gargaaran Ja’a” jedhu irra deebi’iiti, walitti dhufeenya obbolaa keenya wajjin qabnuun tokkoon tokkoon qabxiiwwan sanaa akkamitti hojiirra oolfamuu akka danda’an yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.

Faarfannaa 79 (177) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Guraandhala 2 Jalqabu

Faarfannaa 90 (204)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Barreeffamawwan ji’a Guraandhalaatti raabsaman ibsi. Kitaaba Raawii Mul’ataa! jedhamu raabsuuf yaada seensaa Tajaajila Mootummaa Guraandhalaa 1997 fuula 12⁠rratti ba’e ibsi.

Daq. 20: “Yerootti Akkamitti Akka Fayyadamtan Ilaalladhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabamee booda gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni, sochii karaa hafuuraa godhan akka isaan duraa hin fudhanne, wantoota barbaachisaa hin taane dhiisuuf maal akka godhan yaada akka kennan afeeri.

Daq. 15: Phaawulos Isa Yesusiin Fakkaatu Hordofaa. (1 Qor. 11:1) Marii dhaggeeffattootaawajjin godhamuun kan dhihaatu. Akkuma Yesus, Phaawulosis ‘namuma argameef’ lallabuuf carraa argate hundatti gargaarama ture. (HoE. 17:17) Naannoo tajaajilaa keenyatti akkas gochuuf carraawwan akkamiitu jira? Yeroo waa bituuf deemnu, iddoo hojiitti, mana barumsaatti, ykn geejjibarratti ‘namoonni argaman’ eenyufa’i? Yeroo mana jirruhoo eenyuuf lallabuu dandeenya? Dhaggeeffattoonni sochiisaanii isa guyyaa guyyaatti namoota argataniif akkamitti akka lallaban muuxannoo qaban akka dubbatan afeeri.

Faarfannaa 64 (151) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi